Biyya Areera harree kiiloon tokko birrii 30,000 ol itti gurguramu

Madda suuraa, Getty Images
''Dhamdhama haaraa ta'e qaba. Dhamdhama akkanaa gosa nyaata biraarraa hin argattu.''
Akkanatti ture miseensi duraanii paarlaamaa Sarbiyaa Silobodaan Simiich areera ykn qimxoo aannan harreerraa hojjetame kan ibsan.
Namni biraa nama kanaan ala wanta akkanaa oomishu hin jiru. Kanaafuu, dhiheessiinillee xiqqoodha. Areera harree kiiloo tokko bituuf birrii 32,000 ol (dolaara1,100) nama gaafata.
Maamiltoota
''Areera kana giraama 50'n dhiheessina. Kuni namoota kudhanif gaha. Namni areera harree walakkaa kiiloo yookiin kiiloo tokko nyaatu jira jedhee hin tilmaamu,'' jedha Simiich.

Madda suuraa, Getty Images
Dhiironni jaalallee isaanii hawwachuu barbaadan areera harree kana akka kennaatti bitanii kennuf.
Taphataan teenisii dirree lammii Sarbiyaafi namni akkuma biyyattiittu maqaa guddaa qabu Novaak Jokovichillee manneen nyaataa qabuf areera harree kana biteera.
Simiich akka jedhutti waggaatti areera harree kiloogiraama 50 qofa oomisha. Sababa, seera oomisha annaniirra jiruf immoo biyya alaatti erguu hin dandeenye.
Namoonni maqaa qabaniifi biyyoota addunyaa garaa garaa irraa dhufan oomisha isaa kana bituf akka dhufan hima.
Nama dureessa Maaleyziyaaf kiloogiraama 15 gurguruu isaa ni yaadata. Garuu, maaliif akkana qaalii ta'e?
Formulaa dhoksaa
Biyyoota baay'ee keessatti harroonni ba'aa baachuufi oomisha qonnaa keessatti hirmaatun beekamu.
Bakkeewwan baay'eettis annan isaanii ni dhugama. Garuu, areera irraa tolchuun rakkoo dha.

Madda suuraa, Getty Images
Sababni isaas elamentii kaaseyin (casein) waan hin qabneefi. Silaa pirotiniin kuni akka ititu isa gargaara.
Kanaaf, Simiich nama karaa tekinolojiin kana isa gargaaru mindeesse. Formulaan kuni haalaan iccitiidha.
''Isa qofatu beeka. Anuu hin beeku,'' jedha Simiich.
Oomishini annan harree horii gadidha. Areera liitirii tokko oomishuf annan harree liitirii 25 barbaachisa.
Jaalala horate
Wanti nama miseensa paarlaamaa ture oomisha akkanaatti galche qarshii argachuf yookiin kalaqa yaades miti.

Madda suuraa, Getty Images
Garuu inuma jaalate. Kana dura miseensa dhaabbata Iskaawutii keessa hojjetaa ture.
Achiimmoo bakka kunuunsa bineensotaa magaalaa guddoo biyyattiirraa kiloomeetira 80 fagaatte argamtu hogganuu yeroo eegalummoo hojii jaalatu kana hojii isaa guyyaa guutuu godhate.
Harroota malee bineeldota hunda qaba ture bakki kunuunsa taasisu kuni.
''Harroota maaliif hin finnu,'' jedhee yaade.
Achii haroota kunuunsa dhabaniifi namuu itti dhimma hin baane 20 bite.
''Biyya Sarbiyaa keessa harroonni maqaa gaarii hin qaban. Kuni sirrii miti. Bineelda ajaa'ibaadha,'' jechuun Simiich harree leellisa.
Fakkeenya
Akkuma harroota qabu keessaa muraasni mucaa godhachuu eegalaniin lakkoofsi isaanii dabale. Qarshii godhachuufis elmuu eegale.

Madda suuraa, Getty Images
Annan isaanii bakka itti gurguru gabaa waan dhabef yaada tokko fide - areera harree tolchu.
Yeroo ammaa harroota 250 ol qaba. Akka inni jedhutti osoo inni kana hin eegalin lakkoofsi harroota biyyattii keessa jiraniyyuu 500 qofa turani.
''Guyyaa guyyaatti annan harree giraama 100 nan dhuga. Ani amma umuriin koo 65 dha. Rakkoo fayyaa homaa hin qabu,'' jedha.
Simiich akka jedhutti milkaa'inni isaa namoonni 10 kaan harroota akka horsiisan akka kakaase hima. Kanaanis, akka fakkeenya ta'e dubbata.
''Namoota eessa jiraataniyyuu annan harree akka dhuganin yaada dhiheessa. Osoollee namni harree mana keessa horsise bareeda,'' jedha.















