Nyaanni soorannu waa'ee keenyaa kan himan qabuu?

Nyaataa aadaa

Madda suuraa, Cyrus McCrimmon

Yeroo baayyee yaadni nyaata waliin wal qabatee ka'u yaada sadarkaa maatiitti yaadamuudha. Qorannoon dhimma kanarratti hojjatame tokko waan himu, matiin Ameerikaa irra caalaan waa'ee nyaata sooratanii baayyee cinqamu.

Maatiiwwan biyya biraatti argaman ammoo nyaatichi yaa mi'aawu malee waan fe'e yoo ta'ee hedduu hin dhiphatan.

Isiin laaqana gaariin nyaadhe kan jettan yoo maal soorattaniidha?

Tarii namoonni tokko tokko nyaata kuduraan (ashaakilitiin) itti baayyate yoo nyaatan filachuu malu. Kuun ammoo nyaata foon qabu kan akka waaddii, piizzaa ykn bargarii yoo nyaatan jaalatu ta'a.

Haa ta'u malee, oggeessoonni damee kanaa akka jedhaniitti, gosawwan nyaataa qofa osoo hintaane haalli nuti waa'ee nyaataa itti ibsiinuu fi aadaan keenya gahee olaanaa akka qabaata.

Sirriiyyuu mariiwwan waa'ee nyaataa taasifaman, kan aadaa, eenyummaa fi ejjannoo siyaasaa hawaasa tokkoo ibsaniidha jedhaniiru.

Qorattuu Maartaa Siif Kaarabaayik Deenmaarik keessatti waan ishee mudate yoo dubbattu, bartoonni gosa daabboo 'Riiyi' jedhamu fidatanii akka dhufan gorfamu jetti.

Kan kan hinraawwanne yoo ta'e ammoo, nyaanni isaanii fayya qabeessa akka hintaane barsiiftoota isaanitiin itti himamuun, maatiif akkeekachiin eergamaaf jechuun dhiibbaa aadaan nyaata irratti qabu ibsiti.

''Daaboon 'Riiyi' jedhamuuf waan addaa kan ofi keessaa qabu waan ta'eef osoo hintaane, aadaa fi eenyummaa ittiin ibsachuuf waan itti gargaaramaniifidha.''

Daabboo

Madda suuraa, Getty Images

Qorattuun gara biraa Kaatiliin Raayiiliin ammoo,turtuu ishee Faransaayiin waan dinqii taajjabu dubbatti. Namoonni hawaasa ta'ee keessatti argaman yoo nyaanni isaanii kan hinmi'oofne ta'ee akka waan arrabfamaniifi aadaan isaanii akka waan tuffatameetti fudhatu.

Namoonni kunneenis hawaasa keessatti eddoo guddaa ofi kaa'uu fi kanneen biroo irraa adda ta'u mulisuuf haalawwan itti fayyadamn keessaa tokkoo gosti nyaata sooratanii tokkoodha.

Nyaanni keenya ilaalcha addunyaaf qabnu attamiin mul'isuu?

Maartaa Siif Kaarabaayiik akka jettuutti, waggoota 10n darbaniitti bu'aalee booyyee hedduminaan nyaachuun kan warri Deenmaariki itti ibsaman taa'aa dhufeera.

Manni maree bulchiinsa tokkoos seera manneen barnootaa foon booyyee tarree nyaata isaanii keessatti akka dabalaniif dirqisiisubaasee ture.

Haala seerichaatiin, barataan kammiiyyuu hordofaa amantaa kimuu yoo ta'e nyaatawwan Demnaarki itti beekamtu soorachuuf dirqisiisa. Foon booyyee ammoo nyaata isaanii beekamaadha.

Ashaakiltii

Madda suuraa, Getty Images

Kanaafuu demnaarki yoo daabboo Riiyi sooratan, waa'ee fayyiina isaanii yaaduun, foon booyyee yoo sooratan ammoo aadaa fi dudhaa isaanii itti fufinsu yaaduun.

Kaatiliin Raayiil akka jettuutti, duri dhimmi guddaan bakka olaanaan nama gahu nyaata osoo hintaane hoji fooyya'aa hojjachuudha. Amma amma garuu namoonni eddoo hawaasa keessatti qaban mul'isuuf nyaata sorataniin mul'isu.