Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Maan Yunaayitid barana qabxii qofa dhabe miti, nyaata maamilaaf qopheessuunis 'fudhatama dhabe'
'Gaafa roobu ni dhimmisa' akkuma jedhan barana Maanchister Yuunaayitid dirree kubba miilaa irratti qofa miti kan qabxii dhabe.
Sadarkaa nyaata kilebichi maamiloota isaaf guyyaa dorgommiifi kaan irratti dhiyeessuunis maqaafi sadarkaa dur ittiin beekamu dhabuun madaalliin irratti gaggeeffameera.
Sadarkaan qulqullina nyaataa Maanchister Yuunaayitid urjii shan irraa ture gara tokkootti gadi bu'uun Ejensiin To'annoo Qulqullina Nyaataa [FSA] ibse.
Kilebichi erga nyaata maamilaaf dhiyaate irratti komiin dhiyaatee Kaawonsilii Tiraafoordiin gaafa Sadaasa 23 madaalame.
Ejensichi qulqullina nyaataa irratti fooyya'insi guddaan barbaachisa jedhe.
Kilebichi ibsa baaseen, bakki rakkoo godhate bira gahamuun amma furameera jedhe.
Gurgurtaa kilebichaa, rakkoo namuusa keessoo taphattootaa akka Jeden Saanchoo fi himata Masan Giriinwuud irratti dhiyaateen daddaaqama keessa kan ture kilebichi, amma ammoo karaa nyaata qopheessuun rakkoo keessa gale.
Ejensiin To'annoo Qulqullina Nyaataa, nyaanni kilebichi gurguru fayyaalessa akka tahuuf fooyya'insi guddaan ni barbaachisa jedhe.
Madaallii qulqullina nyaataa kennamuun kilebichaaf sadarkaa shan keessaa urjii tokkotu kenname.
''Foon sirriiti hin bilchaanne xiqqootu guyyaa dorgommiin alarra maamilaaf akka tasaa dhiyaate'' jechuun kilebichis komii irratti dhiyaate fudhateera.
"Kun dhimma addatti ilaalamu yoo tahu, hatattamaan furmaata argateera'' jedhe.
Qophii nyaataa kilebichaa irratti fooyya'insa biraa kan barbaachisu yoo tahe, qaama walabaaa rakkoo isaa qoratu ramaduus hime.
"MUFC dhimma kanaaf xiyyeefannoo guddaa kennuun sadarkaa olaanaa ittiin beekamnu kabachiisuuf hojjechaa jiraachuu maamiloota keenyaaf mirkaneessuu barbaanna'' jedhe kilebichi ibsa baaseen.
"Kilebichi sadarkaa olaanaa urjii shanii waggoota saddet darbaniif argachuun hojjechaa turuu isaaf hedduu boonna'' jedhe.
"Namni kamiyyuu sadarkaa qulqullina nyaataa abbaa urjii shanii ittiin beekamnu deebisnee akka argannuuf dhimmanii hojjechaa jiru'' jedhe.
Qophii qulqullina nyaataa irratti hojjettoota isaaf leenjii dabalataa kennuu kan ibse Maanchister Yuunaayitid haalli mana nyaatni itti bilchaatu [kitchen] madaalamaa jira jedhe.
Kana deeggaruuf ammoo qaama nyaata madaalu ykn odiit godhu walaba tahe alarraa ramadneerra jedhe.
Kun wantoota fooyya'uu barbaadan adda baasuuf akak isaan gargaaru ibse.
Qulqullinni fi haalli gidduugala qophii nyaataa fi gamoon kilebichaa sadarkaa gaarii argachuu kan hime FSA'n qabinsa nyaataa fi qophii isaa irratti garuu fooyya'insi barbaachisa jedhe.