Leenjisaan Maanchister Yuunaayitid boqonnaa irratti taphattootaan maal jennaan abidda tahanii deebi'uun duubaa ka'anii mo'atan?

''Har'a adunyaa irraa namni akkakootti gammadeeru hin jiru,'' Rasmas Hooyilaand taphataa galchii injifannoo maanchister Yuunaayitidiif lakkoofsise.

Taphataan kun galchii Piriimer Liigii jalqabaa isaas tapha kana irratti lakkoofsise.

Maanchister Dhumateeraaf bakka jedhametti dammaquun Aston Viilaa 3-2n mo'achuun sadarkaa jahaffaatti deebi'e.

Tapha torban 19ffaa Piriimer Liigii kaleessa gaggeeffamaniin qabxiin hin eegamneefi xiinxalaa kubba miilaa beekamaa Kiriis Suutan sobaa taasise galmaa'aniiru.

Deeggartoota Maanchister Yuunaayitidiif miira ulfaataa ture. Taphattootaafis akkasuma. Miidhamni taphattootaa ammoo gufuu guddaa barana isaan mudate.

Weest Haamiin mo'amanii ammas gahumsa gaarii irra kan jiru Aston Viilaa; sanuu dirree isaanii irratti falmachuun sodaa guddaa uumuu hin hafne.

Taphni jalqabee daqiiqota 30 jalqabaatti Aston Viilaan galchii lama Maanchister Yuunaayitid irratti lakkoofsisuun dursa qabatan.

Alehaandiroo Gaarnaachoo galchii jalqabaa lakkoofsisus taphaan ala jedhamuun jalaa haqame.

Abdii hin kutanne. Sochii Maanchister boqoannaa booda godheen Gaanaachoon galchii biraa daqiiqaa 59ffaa irratti lakkoofsisuun falmichatti miira dabale. Daqiiqaa 79 irratti Gaanaachoon galchii wal qixxeesituu lamaffaa lakkoofsise.

Bara kana Maan Yuunaayitiditti kan makame Rasmas Hooyilaand haga ammaa galchii tokkoyyuu hin lakkoofsifne ture.

Erik Ten Haag jijjiiree baasuuf yeroo jedhutti Maarkas Raashfoord miidhame. Yaada isaa jijjiiruun Rasmas Hooyilaand dirree keessa tursiisuun Raashfoordiin yoo baasu, Hooyilaand galchii injifannoo kilaba isaaf lakkoofsise.

Isaaf ammoo galchii Piriimer Liigii jalqabaa isaati. Kanumaan miirri Oold Tiraafoord keessa ture gaddaaf callisa irraa gammachuu guddaatti jiijjiirame.

Aston Viilaan ammoo walitti aansuun qabxii gate. Hooyilaand maallaqa guddaan kilebichatti makamus, umuriin isaa ammayyuu ganna 20.

Osoo galchii hin lakkoofsisiin daqiiqota 1,026 akka dabarse ragaan Opta irraa arganne agarsiisa.

Tapha 15ffaa isaati. Shaampitoons Liigii irratti garuu galchiiwwan shan qaba.

Erik Ten Haag boqonnaarratti taphattoota isaanii maal jedhan?

Leenjisaan Maanchister Yuunaayitid Erik ten Haag Amaazon Piriraayimitti akak dubbatanitti: ''Haalli istaadiyeemii keessaa waan hundumaa jijjiire.

Boqonnaan dura yoo ilaalte kubba lama nurratti lakkaa'ame irraa kan ka'e mo'amaa jirra ture. Yeroo sana tahu akka gaariitti taphannee ture,'' jedhan.

''Boqonnaa irratti taphattootakoon akkasan jedhe. Ofitti amanaa, waan kana dura hojjechaa turtan cimsaa hojjedhaa. Sanaan ol taphachuu qabdu. Dhiibbaa keessa isaan galchuu qabna. Yeroo galchiin 1-2 tahu dhiibbaa isaan keessa galan argitaniittu,'' jedhan.

Erik Ten Haag taphaan duras Arsenaal waliin yeroo taphanne baay'ee gaarii turre, yeroo Liiverpuul waliin taphanne akkasuma gaarii turre, kanaafuu yoo gahumsa duraan ittiin beekamnuun yoo taphanne garee kamiyyuu mo'achuu dandeenya jedheen ture jedhan.

Galchii 0-2 tahus homaa miti, morkii jabaa agarsiisu qabdu jennee erga dubbannee akka gareetti gahumsa gaariin mo'anneerra jedhan.

Alehaandiroo Gaanaachoo: ''Baay'een gammade. Nuyi Maanchister Yuunaayitididha. 0-2 dursamaa turrus abdii hin kutanne. Qabxii ajaa'ibaati kan galmeesine jedhe.

Gaarnaachoon taphataa cimaa taphichaa tahuun xumure. Erga galchii tokko lakkoofsisee booda tokkittii nu barbaachisa, kana yaaluu qabna jedheen jabaannee falmanne. Ana qofa miti, Rasmas Hooyilaand galchiisaa jalqabaa lakkoofsisuu isaaf baay'een gammade.

Namni hunduu Maanchister keessa namni galchii lakkoofsisu hin jiru jedhanii odeessu.

Har'a garuu Raashoford kubba mijeessee kenne. Rasmas galchii lakkoofsise. Ani lama. Hunduu gammadneerra jedhe.

Rasmas Hooyilaand: ''Namni akkakootti gammadeeru har'a laffarra hin jiru. Galchii jalqabaakoo kana yeroo hundumaan yaadadha. Dhugaadha, galchii osoo hin lakkoofsisiin ture, har'a garuu milkaa'eera. Sadan keenyaafuu gammadeera, [Gaanaachoo, Raashfoordiifi isuma].

Dorgommii Piriimer Liigii torban 19ffaa kanaan kanaan qabxii argata jedhamee kan eegame Niwkaastil, 3-1'n Nootiingihaamiin mo'ame. Taphataa isaanii duraanii Kiriis Wuud galchii sana irratti lakkoofsise.

Nootiingihaam leenjisaa duraanii Wolvisiifi Tootenhaam Nuunoo Ispirotoo Saantoo qacaranii torbanitti injifannootti deebi'an.

Liiverpuul gabatee liigichaarraa bu'uuf kan jedhu Barnilee galchii 2-0n mo'achuun mataa gabatee Piriimer Liigii irra taa'e. Arsenaal West Haam waliin tapha qaba. Maanchister Siitiin haftee taphoota lamaa qaba.

Falmiin waancaa Piriimer Liigii bara kanaa akkaan jabaachuu jalqabeera. Amma walakkaan dorgommichaa xumurameera.