Maan Yunaayitid bitachaa kan jiru Jiim Raatkiliif eenyu?

Biliyeenara Biriitish kan ta’e Sir Jiim Raatkiliif kilaba Maanchester Yunaayitid %25 dolaara biliyoona 1.3 baasuun bitachuuf waliigaleera.

Kana jechuun maatiin Gileezar kun kilabicha keessatti gahee guddaa waan qabaatuuf to'annoo oppereeshinii isaafi murteen jajjabaa isaan ta'a jechuudha.

Raatkiliif Ineos Giruup oppereeshinii kubbaa miilaa kilkabichaa kan to’atu ta’a. Maanguddoo wagga 71 kan ta’e dureessi Maanchester Yunaayitid bitatu kun istaadiyeemii kilabichaa Oold Tiraafoord haaromsuufis dolaara miliyoona 300 ramaduuf jira.

Dureessi kun kilaba guddicha Ingiliiz kana bitachuuf akka jiru kan himame abbaa qabeenya kilabichaa kan ta’e maatiin Gileezar “filannoowwan tarsiimowaa ta’an soquuf” gurguruu akka barbaadu himuu isaa ji’a 13 booda dhaga’ame.

Maatii Ameerikaa kan ta’e Gileezar bara 2005 ture kilabicha Paawondii miliyoona 790n bitatee ture.

Kilaba kana bitachuudhaaf ifatti dorgomaa kan ture baankii Qataar Sheikh Jassim bin Hamad Al Thani qofa yoo tahu, kilabicha %100 bitachuuf dhiyeessee kan ture Onkoloolessa darbe dhiisee keessaa baheera.

Bara kana Maanchester Yunaayitid taphaan milkaa’aa hin jiru. Erga bara 2013 as Piriimer Liigii hin mo’anne. Kana hordofee, abbaa-qabeenyummaa Gileezar irratti mormiin cimaan ka’aa tureera.

Jiim Raatkiliif eenyu?

Dhalataa Maanchester kan ta'e Raatkiliif hooganaa petirool kampanii Ineos jedhamuuti.

Deeggaraa kilabichaa umurii guutuu akka ta'e dubbata Raatkiliif.

Bara darbe dureessi Raashiyaa Abiraamoovich Chelsii yeroo gurguruuf turetti bitachuuf yaalee akka hin milkaa'iin dubbata Raatkiliif.

Namoota UK keessatti hunda caalaa dureeyyii ta'an keessaa tokko kan ta'e Sir Jiim Raatkiliif, qabeenya hedduu jaallatamaa hin taane bitachuun ture kan biizinasii guddaa biliyoona hedduu baasu ijaare. Ammammoo biraandii kubbaa miilaa UK baayyee jaallatamu %25 dhuunfachuun hiree kilabichaa kan yeroo ammaa kufaa jiru murteessuuf deema.

Si'a 20 shaampiyoonaa Ingiliiz kan ta'e Maanchester Yunaayitid, Piriimer Liigii keesatti Erik teen Haag jalatti gatantaraa jiraachuurra darbee bara kana keessa dorgommiiwwan biroo keessaa ari'ameera.

Akka biizinasiitti garuu kilabichi akkuma yeroo hundaa bu'aa gaarii galmeessaa deeggartootasaa guutummaa addunyaarra jiran boonsaa jira.

Hundeessaan kampanii Ineos kun kilabicha keessaa galee bitachuuf fedhii kan agarsiise Amajji darbe ture. Kun ammoo erga maatiin Gileezar gurguruu akka barbaadan himanii boodadha.

Maatiin Gileezar kilabicharratti invastii gochaa hin jiru jedhamuun erga bara 2013 leenjisaan kilabichaa Sir Aleks Fargusan soorama bahee gadi malee ol adeemaa hin jiru.

Gireezar Maanchester keessatti ilma qe'ee Fayilsiworz keessaa kan bahe Raatkiliif, ijoollummaa isaarraa kaasee deeggaraa Maanchester Yunaayitid beekamaadha.

Hojii biizinasii ykn bittaafi gurgurtaa keessatti ejjennoo hin mittiikne qabaachuu isaatiin, yuniyeenii daldaltootaa biratti maqaa 'Dr. No' jedhamuun beekama.

Biizinasoota biroo hir'ifamaa ykn kasaaraa jiran keessaa gahee bitachuun qabeenya guddaa nama ijaarratedha Sir Jiim. Tilmaamni qabeenta isaa garuu ni jijjirama.

Qabeenya dureeyyii addunyaa galmeessuun kan beekamu barruun Foorbis qabeenyi Sir Jiim Raatkiliif dolaara biliyoona 18 ta'a jedha. Tarree Dureeyyii Saanday Taayims irratti ammoo gar Paawondii biliyoona 30tti siqa. Kana jechuun ammoo UK keessatti soorumaan nama lamaffaati jechuudha.