Ispoortii harkikee akka eebootti si fayyaduu fi adunyaarratti beekamtii argataa dhufe beektuu?

Ispoortii bara durii yeroo maddii ykn cinaachi nama cabe akka injifannootti ilaalamu dhageessanii beektuu?

Ispoortiin akkasii bunyaa ykn marshaal aartii ta’uu danda’a jettani yaduu maltu.

Dambeen ispoortii aadaa hawaasa Hawusaa, Naayijeeriyaa keessa jiraatan biratti waggoota kumaatamaan lakkaaman dura beekamu.

Aadaa Hawaasa Hawusaa keessatti naannoo jaarraa 10ffaarraa eegale beekama, garuu addunyaa ammayyaa kanatti saffisaan reefu madaqfamee, fudhatama argachaa jira.

Ispoortiin kun qalbii namoota miliyoonaan lakkaa’amanii booji’eera.

Namoonni miliyoonaan lakkaa’aman karaa toora intarneetii ispoortii kana ilaalaniiru.

Dambeen wal’aansoo kayyoon isaa morkataa ofii kuffisanii‘’ajjesuuti’’ jedhama.

Nama wal’aansoo ittiin qaban kana dhiituun ykn aboottee dhahuun ta’uu danda’a.

Wal’aansoon kun yoo baayyate hanga marsaa sadii qaba.

Marsaan sadan tokko tokkosaarratti garuu yeroon daangeffame hin jiru.

Dorgommiin kun namni wal’aansoo kanatti hirmaatu ykn qaamni biraa dorgommii kana gaggeessu akka dhaabatu yoo ajaje ykn namni wal’aasoo kanatti hirmaatu yoo ‘’du’e’’ ykn qaamnisaa kamiyyuu yoo lafa tuqe goolabama.

Warri wal lolan harka ittin wal haleelanitti fo’aa’’Kara’’ jedhanii waaman hidhatu.

Fo’aa ‘’Kara’’ jedhamu kana kan harkatti hidhataniif ammoo harkasaanii akka ‘’eebootti lakkaa'an kana cimsuuf oola.

Sababni isaa harkisaanii fo’aan hidhame kun akka meeshaa lolaatti isaan gargaara.

Dur isa biratti gaachannillee ni qabatama.

Seenaan Dambee lola heeboo fi gaachanaa keessatti beekama jedha Maaksiweel Kaalu, hundeessaan fi qindeessaan dorgommii ‘African Warriors’ jedhamu.

Sana booda sagantaa gaa’ilarrratti taphamu eegale. Ammayyuu duudhaan kun kutaalee Naayijeriyaa keessatti ni raawwatamu.

‘’Akkaata loltoonni waraanaaf qophaa’an’’seenaa keessatti agarsiisu ibsa Maaksiweel Kaalu.

Ispoortii kana seenaa hawaasa Hawusaa Dhiha Afrikaa keessa jiraatan biratti warreen horii qalanitu shaakalaas ture jedhama.

Kana malees, yeroo midhaan sassaabamu ykn yeroo ayyaanaatti wal’aansoon kun akka gootummaatti ilaalama.

Namoonni qurxummii kiyyeessaanii fi namoonni horii qalan, warreen barsiifata wal’aansoo Zamfaraa, Naayijeeryaatti eegalan akka ta’an Hogganaan Waldaa hawaasa Hawusaa Obbo Alihajii Aminuu Goojee BBCtti himanii turan.

Isaan akka jedhanitti yeroo warri qurxummii kiyyeessanii fi namoonni horii qalan foon gurguran wal lolu turani jedhan.

Amma ispoortiin aadaa kun sadarkaa sana bira darbeera.

Barsiifata durii ammayyuummaatti madaqe

Ispoortiin kun karaa toora YouTube namoota hedduun ilaalama jira.

Gartuun namoota wal’aansoo kanarratti hirmaatanii Naayijieeriyaa keessa imaluun dorgommirratti hirmaatu.

Namni ispoortii kana jajjabeessu Okeleke jedhamu akka himutti, namoonni ispoortii kana daawwatan %60’n Naayijeriyaa ala jiraatu.

Biyyoonni shana ispoortiin kun keessatti baayyinaan daawwatamu; Indoonezhiyaa, Filippinsii fi US Ameerikaadha jedha.

Keessattuu wayita weerarri koronaavaayirasii yeroo jabaate namoonni miliyoonaan lakkaa’aman mana isaanii ta’aanii viidiyoowwan dorgommii Dambee ilaalaa turan.

Vidiyoon toora Dambe Warriors irratti maxxanfame hanga namoota miliyoona lamaa argateera.