Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Maatii: Lammiilee Naayijeeriyaa kan barbaadan fudhuun hinhayyamamneef
Naayijeeriyaatti gurbaafi intalli wal jaalatan gaa'ila dhaabbachuu akka hindandeenyee maatiin erga itti himeen booda kan of ajjeessan baatiidhuma darbe kana keessa ture.
Maatiinis gaa'ila isaanii hinfudhannu kan jedheef sababii warri jara wal jaalatan keessaa kan tokkoo duubatti namoota duri garbummaan gurguramanii turan irraa kan dhalatan waan ta'eefiidha.
Jaalalleewwan lamaanis osoo of hinajjeesiin dura ''ilaalcha boodatti haafaa irratti hundaa'uun akka waliin gaa'ila hindhaabbannee nu dhorkan'' jechuun barreessanii ture.
Maatiin dargaggoota umuriinsaanii jalqaba waggaa 30n irratti argaman kunneenis bulchiinsa Anambiraa Akijaa keessa jiraatu. Bakka kanattis bara 1900 keess ture daldalli garbuummaa kan dhaabbate.
Haa ta'u malee, hawaasni Igboo garbummaa irra bilisa ta'an illeen akka hawaasa biraa waliin gaa'ila dhaabbataniif hinhayyamamuuf.
Intalliifi gurbaan wal jaalatanii ofi ajjeessaniis ''namni hundumtu wal qixxaatee umamee, kanaafuu maaltu nama tokko kan biraa caalchiisa?'' jechuun ture.
Haaluma walfakkaatuunis cimdiiwwan gosa Igboo loogii wal fakkaatu keessa darbu.
Ga'eettiin waggaa 35 taate waggaa sadiin dura gaa'ila dhaabbachuuf yaaddee turte. Haa ta'u malee, maatiin jaalallee ishee waggaa shaniif waliin turte, akkaayyoowwan Feeban garbummaan gurguramanii waan turaniif akka walitti hin heerumne mormu dubbatti.
Jalqabarratti jaalalleen ishee ishee waliin dhaabbate kan ture ta'ulleen, dhiibbaan maatii itti cimnaan booda adda baheen.
Feebaniis ''jalqaba baayyee gaddeen ture. Baayyeen ittiin hubamees'' jetti.
“Seerawwan diiguu ni dandeenya”
Maatiiwwan gosa Igboo kan qoollifaman gaa'ilaaf qofaa miti. Bulchiinsa aadaa keessattilleen hawaasa bakka bu'uun hawaasa gaggeessuuf dorgomu hindanda'an.
Barachuufi hojjachuu danda'anilleen walitti dhufeenya hawaasummaa kan biraa irraa qolliffamun isaanii dureewwan amantaa kiristaanaa biyya alaatii dhufan waliin walitti dhufeenya akka qabaatan isaan taasiseera.
Namoonni maatiin isaanii gabrummaa keessa darbaniiru jedhaman kunneen hanga barbaadame milkaa'oo ta'anilleen hawaasichi ilaalcha gadaanaa qabaafi.
Gaheessii umrii waggaa 44 kan ta'ee Ogee Maadugwu ilaalcha loogii qabuufi hawaasa keessa jiru kana ittisuuf bara 2017'tti waldaa hundeessaniiru.
Waggoota sadan darbaniifis bulchiinsota Kibba Lixa Naayijeeriyaatti argaman shan keessa socha'un waa'ee wal qixxummaa barsiisaa turan.
''Dhiibbaan Ameerikaatti gurraachoota irra gahuufi kan asitti maatiiwwan warrisaanii garbummaa keessa darban irra gahu walfakkaata'' jedhu.
Ogeen maatii warra garbummaatiin hidhata qabaachu baatan illeen ilaalaa waan guddatan sun akka dhaabbattu barbaadu.
Bakkeewwaan garaa garaatti imaluun aada namoota qooduu kanarratti dureewwan hawaasaa waliin marii taasisaniiru.
''Namoonni walitti qabamuun danbiiwwan kanneen haaluma baasaniitti nutis walitti qabamnee diiguu ni dandeenya'' jechuun kaayyoo imalasaanii ibsu.
Hawaasuma Igboo keessattu maatiin 'warra garbaa' bakka lamaatti qoodamu. Isaaniis Ohuu fi Osuu jedhamu.
Akkaayyoowwan gosa Ohuu kan namootaa bitaman yoo ta'an, kanneen gosa Osuu jedhaman ammoo akkayyoowwan isaanii waaqoota namtolchee (gods) kan bitaman jedhamu.
Yunivarsitii Kaaliifoniyaatti barsiisaa qorannoo Afrikaa kan ta'an Pirof. Ogoo Niweekijii ''Osuun garbummaa caalaa cimaa ture'' jedhu.
Hayyuun kun akka jedhaniitti, namoonni garbummaa jala turan garbummaa jalaa bilisa bahan illeen, namoonni maqaa Osuu jedhu jalatti ramadaman garuu baayyee cimaadha.
Innis dhalootarraa gara dhalootatti darba. Loogiin isaan irra gahuus baayyee cimaadha jedha. Keessa darbamee yoo warra Osuu irratti loogii hintaasifne waaqoota dheekkamsiisa jedhamee amanama.
Gurbaa Feeban fudhuuf ture maatiinsaa ''Osuu yoo fuute ni duuta'' jechuun sodaachisanii ture. Innis kaadhimaasaa Feevaniin ''Akkan du'u barbaaddaa?'' jedheenii akka ture yaadatti.
Seeriicha hojiirra oolchuun hindanda'amne
Sodaan hawaasichaa seerrii loogii hambiisuu akka hojiirra hinoolleef danqaa ta'eera. Bara 1956 keessaa Ahuuwwan fi Osuuwwan akka loogiin irratti hintaasifamneef qaama Igboo seera tumaniin labsamulleen hojiirra olchuun baayyee cimaa ta'e.
Lubni amantaa Kaatolikii Antonii Obiinaa ''Barmaatiilee durii tokko tokko hambiisuuf seera qofa baasuun gahaa miti. Jijjirama olaanaatu barbaachisa,'' jedhu.
Lubni kunis wayita barsiisan karaa barmaatileen warra Osuuwwanii ittiin hafan filatu. Hojiin namoota tola ooltoota dhibbaan lakka'aamaniin gaggeeffamaa jirus waan salphaa miti.
Haa ta'u malee yaalii namoonnii wal qixxummaa dhugoomsuuf yaalan kanneen kan deeggaran akkuma jiran hunda, kanneen 'aadaa keenya hingeeddarru'' jechuun morman akka jiran dubbatu.
Kibba Lixa Naayijeeriyaatti maatiin garbootaa hangam akka jiran ragaan hinjiru. Haa ta'u malee, sababii dhiibbaa irra gahaa jiruutti bakkeewwan walitti bu'insii itti umamu ni jira.
Bakkeewwan tokko tokko namoonni loogiin irra gahu kunneen waldaaleefi hawaasa mataa saanii hundeeffataniiru.
Fakkeenyaaf waggoota 13 dura Osuuwwan bulchiinsa Liimootti garee 'Niinjaa' ykn gadameessa tokkoo jedhamu hundeessaniiru. Miseensoota garee kanaa jidduutti gaa'iilli ni dhaabbata.
Shamarreen warra Osuuwwan irraa dhalattee Ogdiimaa ''namoonni bu'aa yoo sirraa barbaadan dhufanii garuu Osuu waliin gaa'iila hindhaabbannu jedhuu'' jetti.
Waggoota 10 dura teessumaa mana mareetiif dorgomtee loogiin akka irra gahee dubbatti. Ishee mormuun mallattoo walitti qabaa turan. Miseensoonni paartii Urbaa ishee deeggaruu hindandeenye.
Hawaasa Yurbaafi Hawuusaatti maatiin garotaa irratti loogii taasisuun waan barameedha. Biyyoota akka Maaliifi Senegaalittis akkasuma loogiin ni muldhata.
Lubni Antoonii akka jedhaniitti, maatiiwwaan ijoollee warra garbaa waliin gaa'ila dhaabbatan miidhaan akka irra hingeenye dhorkaniiru.
Gahee Nooliiwuud
Ilaalchi kunis hojiiwwan akka Chinuwaa Achebee fa'i keessatti illeen kan calaqqisiifame akka ta'ee Ogidiimaan ni amanti.
Kitaaba 'Things fall apart' jedhuu keessatti dargaggoonni Naayijeeriyaa dubbisan waa'ee Osuuwwan ilaalcha akkamii akka qabaachu danda'an gaaffatti.
Bulchiinsa Inguu keessa kan jiraatan Aloyisas Agbiin fiilmiiwwan Nooliiwuud dhiibbaa taasisuu jedhanii amanu.
''Ilaalchawwan bu'uura qabbeessa miti jennee dhiifne amma dhugaa fakkaachuun sagantaalee TVn dhufaa jiru. Aadaalee keenya kan mullisan fakkaatu. Dhiibbaa hawaasa irratti taasifamu itti hinyaadan'' jedhu.
Akka sochiileen mirgaa kan akka duula ''Jireenyi gurraachaas nu ilaallata'' (black lives matter), ilaalcha namoota ni geeddaru amantaa jedhu akka qabdu dubbatti Ogidiimaan.