Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dargaggeessi mana bitaa jiru kun, kennaan guyyaa dhalootaasaa waan akkamiiti?
Dargaggeessi abbaan isaa waggaa waggaan kabaja guyyaa dhalootaa isaatiif dhugaatii wuskii waggaa 18 ture kenneef, walitti qabuun gurguree mana bitachuuf.
Maatiiw Roobsan, Ingilaand, magaalaa Taawuntanitti ALA 1992tti dhalate.
Abbaan isaa Pete waggoota 28 darban hunda, paawundii kuma shan baasuun, wuskii 'Macallan single malt' jedhamu qaruuraa 28 bituun kennaa kennuuf turan.
Wuskiin 28 kun ammatti paawundii 40,000 ol (Birrii miiliyoona lamatti siqu) kan baasan yoo ta'u, amma gurgurtaaf dhiyaateera.
Dargaggoon waggaa 28 kunis ''tarii kennaa ijoolleef kennamu gaarii hinturre ta'a,'' garuu kennichi ajaja cimaa gonkuma hinsaaqiin jedhu waliin kennamuun akka killee mana simbiraa keessaatti olkaa'amaa ture jedheera.
"Waggaa hundaa akka kennaa guyyaa dhalootaatti naaf kennama,'' jedha Maatiiwu. ''Jaqaba keessa fa'i ani dhugaatii waanan hinfudhanneef, kennaan kun baayyee waan bitaa namatti galuu fakkaata ture,'' jedha.
''Garuu ani ammoo ajaja cimaa, gonkumaa, gonkuma insaaqiin jedhuutu naaf kennama ture. Ani kunoo ajaja naaf kennamee hunda kabajuun hundisaanitu osoo hinxuqamiin harra gahaniiru.''
Abbaa isaa Pete, kan Iskotilaand Miilnaatort irraa ta'anis, qaruuraan wuskii 1974 kan jalqabaa ''mataa mucaa jiisuuf bitame'' ture jedhan.
''Achinis osoon bara hundaa tokko tokko bituun waan gaarii ta'u danda'a jedheen yaade. Isaan booda waggaa dhalootasaa 28 keessatti wuskii qaruuraa 28 biteef,'' jedhu.
"Kennaa inni nurraa argataa ture kana qofaa hinturre. Kunis kennaa addaatii jechuudhaan, akkasumas innis waan abbaa carraa ta'eef olkaa'uuf dandeenye.''
Erga yeroo sanaatii kaasees dhugaatiin kun walitti qabamee kuufamuun olkaa'amuun amma Maatiiwu £40,000tti gurguruun maallaqa isaa mana itti bitachuuf karoorfateera.
Dhugaatiwwan kun dallaalaa wuskii Mark Littler jedhamuun kan gurguramu yogguu tahu, ''kusaa mudaa tokko malee'' jechuun ibseera.
''Gatiin Macallan waggoottan shanii hanga 10 darban keessaa garmalee dabaleera,'' jedha. ''Qaruraawwan akkasiitti walitti qabaman argachuun dhugumatti dhimma akka gurguramu isa taasisuudha.''
Akka inni jedhuuttis qaata kuusaa dhugaatii kanaatiif ''namoonni hedduun fedhii agarsiisuu eegalaniiru.'' Irra caalaan bitachuuf warri fedhii olaanaa agarsiisan ammoo bitatootta Niiw Yoorkiifi Eshiyaa irraayi jedheera.