''Waliigaltee mootummaa diigu mallatteessite'' jechuun TPLF natti duule - Obbo Getaachoo

Waraana Kaaba Itoophiyaa xumura itti tolchuuf Tigraay bakka bu’anii sababa Waliigaltee Piritooriyaa mallatteessaniif ''waliigaltee mootummaa diigu mallatteessiteetta'' jechuun TPLF akka isaanirratti duule Obbo Getaachaw Raddaa dubbatan.

Dubbiin Obbo Getaachoo tibbana yeroo TPLF fi Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay gidduu wal komachuun yeroo dhagahamaa jirutti dhagahame.

Pirezidantiin Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay Obbo Getaachaw ALI Wiixata Adoolessa 22, 2016 turtii Televijinii Dimtsii Wayyaane waliin taasisaniini dhimma kana kan dubbatan.

TPLF ‘’duula maqa-balleessii’’ narratti raawwataa tureera kan jedhan Obbo Getaachoon, ‘’dhibdee gidduu, sababa xaxaa siyaasaan sochii tokko eegale kaan maqaa waan itti baasuf,’’ bulchiinsi yeroo hojii isaa dalaguu hin dandeenye jedhan.

Gaaffiifi deebii sa’aatii lamaa oliif taasisaniin dhimma waliigaltee Piritooriyaa, gaaffii seerummaa TPLF fi kaan irratti garaagarteen dhalatee dhibdeen mudachuu ifa godhaniiru.

Waraana Tigraayitti jalqabee boodarra gara Amaaraafi Afaaritti ce’uun lammiilee kuma dhibbaan lakkaa’aman galaafate kan xumura itti tolche Waliigaltee Nagaa Piritooriyaa mallattaa’edha.

Waliigalteen kuni waraanni dhaabbachuun hoggantoonni Tigraay gara ‘’magaalaatti deebi’un’’ qabsoo nagaafi dippilomasii akka adeemsisan carraa kennuufi dubbatan.

Jila Tigraay bakka bu’uun Waliigalgtee Piritooriyaa mallatteessan keessaa tokko kan ta’an Obbo Getaachoon, yeroo ammaa ''waliigaltee mootummaa [naannicha] diigu mallatteessitee dhufteetta’’ jedhamanii aangawoota TPLF olaanoon akka qeeqaman dubbatan.

Waliigalteen Piritooriyaa tajaajiloonni bu’uuraa yeroo waraanaa adda citan akka eegalan, hidhattoonni Tigraay akka hiikkataniifi hawaasatti akka deebi’an akkasumas kanneen buqqa’an gara qe’eetti akka deebi’an hima.

Dabalataan, Raayyaan Ittisaa magaalaa guddoo naannichaa akka to’atu, dureewwan Tigraay ‘mootummaa filatame’ jedhanii of waamuu akka dhaaban akkasumas bulchiinsi yeroo akka hundaa’u kan taasisu ture.

Obbo Getaachoo Raddaa, bulchiinsa yeroo fi TPLF gidduutti wal dhabbii dhalate Dimtsii Wayyaanetti wayita himan, qeeqa isaanirra dhiyaate dubbatan.

"Amma mootummaa diiganii dhufan jedhamne. Yeroo sanatti dhimmichi mootummaa miti; ummanni Tigraay guutuun waraana federaalaa jala akka galuuf harka kennadhaa jedhamaa turre.

''Yeroo sanatti dura taa'aan TPLF Dr Debretsiyoon Gabramikaa’el har'a yoo mallatteessuu baattan gammoojjiitti galla’' naan jedhan.

Obbo Getaachoon qaamolee amma isaan qeeqan waliigalticha akka mallatteessan itti himuu dubbatan.

Itti dabaluudhaanis, "Yeroo Waliigaltee Piritooriyaa mallatteessinu rakkoo akkamii keessa akka turre nan yaadadha.

''Amma waggaa tokkoo fi ji'a saddeet booda, qaamni yoo waliigaltichi hin mallattaa'in balaatu nu mudata jechaa ture, mootummaa diiguuf aangoo isiniif hin kennine – dogoggora ‘’ jechuun ''jalqabumaa hin fudhanne jechuudha" jedhan.

Bulchiinsi yeroo hojii waliigalticha hojiirra oolchuuf barbaachisu hojjachuu dadhabu kaasuun qeeqaniiru.

Waliigalteen Piritooriyaa hanga filannoon naannoo Tigraay gahutti bulchiinsi yeroo akka hundaa’u ajaja.

Akkaatuma kanaan Ministirri Muummee Abiyi Ahimad Obbo Geetaachoo Raddaa Pirezidantii bulchiinsa yeroo naannichaa gochuun muuduun ni yaadatama.

Yeroo sanatti hoggantoota TPLF gidduutti aangoorratti wal dhabbiin akka turee fi aangoo qabachuu isaanii guyyaa tokko dura duula maqa balleessii irratti banamu kaasuun, miseensota kaabinee muuduu dadhabuu dubbatan.

Fulbaana darbe Obbo Getaachoon ibsa kennaniin, bulchiinsi yeroo naannichaa godinaalee fi aanaalee naannichaa keessa socho’uu dadhabuu fi hojiin fudhatama akka hin arganneef hojjetamaa jiraachuu komatanii turan.

Dhimma galmee TPLF

Kana malees Obbo Getaachoon yaa’ii dhaabbatichaa yeroo dhiyootti taa’ama jedhamee ilaalchisees yaada kennan.

Korri TPLF miseensota korri taasifamuu qaba akkasumas adeemsonni seeraa ‘guutamuu qaban’ osoo hin guutamiin adeemsifamuu hin qabu jedhan gidduu qoodameera.

Dhaabichi osoo qoodinsaafi Boordii Filannoorraa osoo beekamtii hin argatiin kora taa’u hin qabu jedhamee osoo jiruu kora taa’uf qophiirra akka jiru ibsameera.

Kaayyoon kora kanaa ‘hoggantoota olaanoo dhaabicha keessa jiraniin butameera’ kan jedhe komishiniin to’annoo TPLF, miseensonni koree kora qopheessurraa akka of qaban dhaameera.

Wal gahiiwwan dhedheeraa hanga ammaa taasiseen ‘’ajandaa ijoo ummataarratti yeroo mari’atu agarree hin beeknu. Dheebuu aangoof waldhabuutu jira.

‘’Eenyu maaliif aangootti dhufe. Carraa kamiino bu’uu qaba?’’ sababa jedhuun dhaabichi rakkoo keessa seeneera jechuun Obbo Getaachoon dubbatan.

Rakkoon ijoo dhaabbatichaa amma jiru aangoo akka ta’e ibsuun kanaan walqabatee ‘’hunduu waan qabu itti fufsiisuuf, dogongora yeroo aangoorra turan raawwate jalaa bahuuf fiigaa jiru,’’ jedhan.

Dabaluunis, ‘kan dhaban deebifachuuf, aangoo na harkaa fudhateera kan jedhaniinimmoo dhabamsisuuf,’ yaalamaa jira jechuun himan.

Kanaan ala korri taa’amu rakkoowwan siyaasaa hoggantoota gidduu jiru karaatti furamurra mari'atuu qaba jechuun dhaabichi ‘’yaada yeroon barbaadu maddisiisuu sadarkaa hin dandeenyerra jira,’’ jechuun qeeqan.

‘’Korri yaadni irratti hin dhihaannerra hogganni filatamu maalirratti hundaa’eeti kan Tigraayiin bulchu? Dhimmoota Piritooriyaa hafan maaliin raawwachiisa,’’ jechuun gaafatan.

Torban darbe Ministirri Muummee Abiy Ahimad marii paartilee mormituu waliin taasisan irratti TPLF kora taa’u dura ‘’seeraan galmaa’uu akka qabu,’’ akeekkachiisaniiru.

Dabalanis, qaamni seerummaa TPLF akka deebi’u mootummaan isaanii waan dalage dhaabbilee mormituuf eerun ‘’seera kan fooyyessine TPLF fi paartileen biroo seeraan galmaa’anii paartii bu’uura seeraa qabu’’ akka ta’anidha jedhan.

Seerri MM Abiy eeran paarlaamaa Itoophiyaatti xumura baatii Caamsaa kan ragga’edha.

Labsiin bakka-bu’oonni ummataa raggaasisan kun, gareen siyaasaa hokkara humnarratti hundaa’e keessatti hrmaate adeemsa akka paartiitti galmaa’u ifatti kan kaa’edha.

Ministirri Muummee Abiy kana haa jedhan malee dubbii himaan TPLF Obbo Amaanu’el Asaffaa murtee siyaasaatiin seera-qabeessumaa duraan qabutti deebi'uu malee akka haaraatti galmaa’uu akka hin barbaadne himani.

Dura Taa’aan TPLF Obbo Dabratsiyoon G/Mikaa’el dhihoo miidiyaa naannichaaf ibsa kennaniin akkaataa bu’uura labsii kanaan galmaa’uf Boordii Filannootti xalayaa galchuu isaanii ibsuun guyyoota 15 keessatti deebii eegna jedhanii turan.

Haa ta’u malee, yeroo eeran keessatti eeyyamni yoo hin kennamneef deebii ‘eeyyama nu hin kennine’ jedhu qabatanii kora akka gaggeessan ibsaniiru.