TPLF qaama seerummaa osoo hin argatiin kora gaggeessuu hin qabu - MM Abiy Ahimed

Ministirri Muummee Itoophiyaa Dr Abiy Ahimed marii paartilee mormituu waliin taasisan irratti Addi Bilisa Baasaa Uummata Tigiraay [TPLF] kora gaggeessuu isaan dura ''karaa seera qabeessaan galmaa'uu qaba'' jedhan.

Ministirri mummee A.L.I Adoolessa 13 bara 2016 kana dubbachuu hordofee buleema isaa [Kibxata] TPLF karoora filannoo namoota yaa'icha irratti hirmaatanii dhuma torban kanaa irratti akka jalqabu ifoomse.

MM Abiy kana kan dubbatan bakka bu'aan paartii Tinsaa'ee Indertaa 70, Obbo Kabbadaa Asaffaa, ''TPLF kora gaggeessuuf humni lafarraa nu dhaabu tokkollee hin jiru ibsa jedhu baasuun, gara fakkarsuu isaa kaleessatti, gara dhukkuba isaa sanatti yerroo galaa jirutti haaromsi bulchiinsa yeroofii naannichaa hin barbaachisuu?''

Obbo Kabbadaan bulchiinsa yeroofi Tigiraayii fi waliigaltee Piriitooriyaa ilaalchisees gaaffii kaasaniiru.

MM Abiy gaaffii Obbo Kabbadaan kaasaniif deebii yoo kennan, ''Waliigaltee Piriitooriyaan %99 nuuf milkaa'eera,'' jedhan.

Waraanni ture dhaabbachuun buqqaatonni qe'ee isaaniitti deebi'aa jiraachuu, tajaajilli Tigiraayitti adda citee ture deebi'ee jalqabuu fi bulchiinsi yeroo hundaa'uu akka fakkeenyaatti kaasaniiru.

Kora TPLF gaggeessuuf jedhu ilaalchisee MM ''gorsa salphaa'' kennaniiruuf.

Waggaa afur dura sababa ''filannoon dheereffameen jeequmsa mudate'' akkasumas lubbuu namaa fi qabeenya bade yaadachuun gaariidha jedhan.

Itti dabaluun MM Abiy ''qabeenyi manca'e sun, lubbuun bade sun akkamiin bade jedhanii osoo hin madaaliin badii gara biraa fiduun waan gaarii miti'' jedhan.

''Akkuma beektan kan seera fooyyessineef TPLF fi paartiin akka isaanii karaa seera qabeessaan galmaa'uun paartii seera qabeessa akka tahaniifidha'' jedhan.

Fooyya’insi seeraa ministirri mummee eeran bakka buutota uummataan kan ragga’e Caamsaa darbe ture. Labsiin seera filannoo fooyyesse gochaa hokkora humnaa irratti paartiin siyaasaa hirmaatee ture akkatti paartii tahuuf galmaa’urratti adeemsa kaa’era.

Fooyya’insi kuni paartiin akkanaa, ‘’heeraafi sirna demookiraasii kabajee socho’uuf waliigaluu, qaama mootummaa ilaallatuun yoo mirkanaa’e gareen siyaasaa kuni haala adda taheen akka paartii siyaasaatti galmaa’uu danda’a,’’ jechuun kaa’a.

Labsiin fooyya’e ragga’uun booda haasaan taasifamuu kan yaadachiisan Abiy, ‘’boordiin filannoo hojiisaa raawwatee, waan qulqulleessu adda baasee haala guutuu taheen akka eeyyamuuf abbaan alangaa boordii filannoof xalayaa barreessuun irra ture barreessineerra,’’ jedhaniiru.

‘’Hojii seera raawwachiisu harka 100 raawwanneerra,’’ kana jedhan MM Abiy, ‘’TPLF amma waan gochuu qabu boordii filannoo bira deemee torbee lamaafi sadii keessatti sanadoota irraa eegamu kara seera-qabeessa taheen galmaa’ee ykn eeyyamasaa deebisee argatee gara koraatti adeemsisuu dha,’’ jechuun dubbataniiru.

MM Abiy kana haa jedhaniyyuu malee dubbi himan TPLF Obbo Amaanu’el Asaffaa, ‘’fooyya’insi seeraa qaama seera-qabeessa haqamee ture deebisuuf otoo hin taane akka haaraatti galmeessuuf kan dendeessisu,’’ tahuu BBCtti himaniiru.

Obbo Amaanu’el dabaluunis, ‘’boordii filannootti iyyannee labsii sana bu’uura godhachuun akka keessummeeffamnu dha barbaadu.

Nuti boordii filannoo haala teekinika gaafatuun akka haaraatti galmaa’uuf iyyachuu osoo hin taane sababa siyaasaan paartii haqame deebisuuf murtoon dandeessisu qaama mootumma dhimmi ilaallatuun akka nuuf kennamu barbaanna,’’ jechuun murtoo paartii isaanii hubachiisaniiru.

"Waliigaltee Piritooriyaa hordofuun, Boordiin Filannoo seera qabeessummaa keenya haqame akka deebisu eegna," kan jedhan Obboo Amaanu’el, Boordii Filannootti galmaa’uun hin barbaachisu jedhan.

Ministirri Muummee Abiyi haala kanaan ala yoo yaa’ii yoo taa’e maaltu akka ta’u bakka bu'oota paartii morrkattootaaf ibsan.

"TPLF yoo kana hin raawwanne, ani barbaades ykn dhiisees gatii hin qabu. Yoo Boordii Filannoo hin fudhanne, TPLF seera qabeessan filannootti hirmaachuu hin danda’u, mootummaa ta'uu hin danda'u, maal jechuudha waraanatti deebina jechuudha?" jechuun akeekkachiisan.

Abiyi itti dabaluudhaan, "Dhimmoota hafan xumuruun, yaa’ii seeraan taa’uun dhaabicha gara sirna siyaasaatti deebisuun hunda caalaa TPLF fayyada, TPLFtti aanee ummata Tigraay fayyada, nu hunda keenya fayyada" jedhan.

"Dhimma Boordii Filannoo waan ta'eef nu waliin hidhata hin qabu" jedhan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad.

‘’Karaa nagana furuun otoo danda’amuu, karaan otoo jiruu dhiisun sirrii miti. Tigiraayif qofa otoo hin taane badii hordofsiisu hubatanii gara nageenyaatti deemu jedheen abdadha’’ jedhan.

Ministirri Mummee Abiyi kana jedhanillee, TPLF yaa’ii waliigalaa kora dhaabichaa14ffaa taa’uuf karoorfataniiru.