'Waraanni Sudaan gara daangaa Itoophiyaa dhiyaachaa jira'-Ministeera Haajaa Alaa

Waraanni Sudaan keessatti gaggeeffamaa jiru suuta gara daangaa Itoophiyaatti dhiyaachaa akka jiru Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa ibse.

Waraanni Humna waraana Sudaanifi Humna Addaa (RSF) gidduutti magaala Kaartuumitti bara darbe ji’a Eblaa keessa gaagaama namoomaa guddaa qaqqabsiisaa suuta gara bulchiinsawwan daangaa Itoophiyaatti dhiyoo jiraniitti cehee jira.

Dubbi Himaa Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa kan ta’an Ambaasaaddar Nabiyyuu Tadlaa waraanni humnoota Sudaan gidduutti gaggeeffamu carraan gara daangaa Itoophiyaatti bal’achuu akka jiru BBCtti himan.

''Haalli lolichaa kallattii hundaan gara baha Sudaanitti babal’ataa jira. Kana jechuun carraan gara daangaa biyya keenyatti babal’achuusaa bal’ataa jira jechuudha'' jedhan.

Dhiyeenya waraanicha ayoo ibsan ''gara olii kara Matamma irraa eegale hanga gara Beenshaangul Gumuuzitti, hanga bakka daangan Sudaan Kibbaa eegaluu hundatti'' waraanni babal'acha ajiraachuu himan.

''Kana jechuun garuu daangaarra gaheera jechuu miti.''

Ambaasaaddarichi waraana Sudaan erga eegalee waggaa guute kana keessatti lammiilee Itoophiyaa hedduu haala adda addaan jiraatan balaarraa eeguuf hojii hojjetamanis ibsaniiru.

''Yeroo itti waraanni eegalee kaasee mootummaan koree biyyaalessaa hundeessaa lammiilee keenya achi jiran kan bahu barbaadan achii baasaa jira. Hanga ammaatti lammiileen Itoophiyaa hanga 40,000 ta’an gara biyyaa galaniiru.''

Qaamolee lamaan waraanatti jiran waliin dubbachuun lammiileen kun nagaan gara biyya isanaiitti akka deebi'an hojjetama aakka tures himan.

Lammiileen kunniin gara biyyaa kan galan fedha isaaniirratti hundaa'uun akka ta'es ibsaniiru.

Lolli waraana biyyaalessaa Janaraal Abdul Fattaa al-Burhaaniin durfamuufi humna dafee qaqqabaa Mohaammad Hamdaan Dagaaloon durfamu gidduutti gaggeeffamu lubbuu lammiilee biyyattii heddu gaaga’ee lammiilee miliyeena 8.9 kan ta’an ammoo qe’eesaanirraa akka buqqa’an godheera.

Gaaga'amni namoomaa biyyattii mudate biyyattii daa'immaniif gaannama lafaa godheera jehcuun dhaabbileen idila addunyaa watwaatu. Qaamoleen lamaan mariin dhibdee akka furan yaaliin biyyoota ollaa fi dhageettii qaban adda addaan godhame hanga ammaa ija hin buufne.

Sudaan wayita waraanni Kaaba Itoopihyaa inni gaaga'aan waggoota lamaaf gaggeefamu lammiilee Itoophiyaa kummoota kurn hedduun lakkaa'amniif dahoo turte.

Baqattoonni Itoophiyaa Sudaan kaampii Tanaadibaafi Umraaqbaa jedhamu keessa jiraatan qaamoleen waraanni bakka isaan jiranitti babal’achuurraa kan ka’e yaaddoo akka qabaniifi mootummaan Itoophiyaa akka qaqqabuuf torban lamaan dura BBCtti himanii turan.

Ambaasaaddar Nabiyyuu Tadlaa namoota ammallee kaampiiwwan waraanni itti babal'achaa jiru keessaatti danqaman baraaruuf hojjechaa akka jiran himan.

''Nuti lammiilee Itoophiyaa Sudaanii gaafa baasnu kan waraana Tigraayin wal-qaatu, ykn kaan jennee miti kan gargar baasnu. Lammiilen Itoophiyaa Sudaan keessa jiran, gara biyyaa deebi’uu kan barbaadan hundi gara biyyaatti akka deebi’aniidha kan hojjataa turre.''

Dabaluunis ''mana namaa kan hojjatu, kan hospitaala ciisu, kaampii baqattootaa keessatti kan hidhame, gara biyyaa deebi’uu qabdu jedhamanii humnoota Sudaanin kan adda baafaman, lammiilee Itoophiyaa hanga ta’anittiifi nama Itoophiyaa ta’uusanii hanga adda baafanetti gara biyyaa deebisaa jirra'' jedhan.