Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Baqattoonni Itoophiyaa Sudaan jiran mootummaa Itoophiyaa fi hawaasa idil-addunyaa birmannaa gaafatan
Baqqattooni Itoophiyaa Sudaan kaampii Tanaadibaa fi Umraaqbaa keessa jiran sababa waraanni Sudaaniitti gaggeeffamaa jiru gara iddoo qubsuma isaanitti dhiyaataa dhufeef yaaddoo qabaachuu deeggarsaaf iyyatan.
Humni Addaa (RSF) Jeneraal Hamdaan Dagaalodhaan durfamu Humni Waraanaa Sudaan loluudhan naannoo dahoo baqattootaa kanatto dhiyaachaa akka jiru BBCtti himan baqattoonni yeroo waraana Tigraay Itoophiyaa irraa gara Sudaanitti baqatanii turan.
Sababa waraana Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffameen lammiilen Itoophiyaa heddu Lixa Tigraay irraa gara Sudaanitti baqatanii turan.
Baqattoota Itoophiyaa 60,000 ta’a sababa waraana Tigraayin gara Sudaanitti akka baqatantu himama. Obbo Walduu Hadiish, abbaa ijoollee shanii kan ta’an, baqattoota kana keessaa tokkoodha.
Waggoota arfan darbaniif kaampii Taandibaa keessa jiraataa turuu kan himan baqataan kun, amma garuu sababa waraama waliinii Sudaan keessatti dhalateen baqattoonni Itoophiyaa kuma heddu ta’an yaaddoo nageenyaaf saaxilamuu himu.
“Lammiilee Sudaan magaala Tandiibaa keessa jiraatan osoo hin hafin sodaadhan baqataa jiru. Jiraattonni naannichaa suuqiisaanii cufanii bahaa jiru,” jechuun naannon isaan jiraatan qaxanaa waraanatti jijjiiramuu hima Walduun.
Keessumaa ammoo humnoonni RSF dhalattoonni Tigraay Humna Waraanaa Sudaan deeggaru jechuun dararaa akka irraan gahanis hima.
Baqattoonnin Itoophiyaa kaampiwwan kanneen keessa jiran BBCn dubbise akka jedhanitti, keessumaa guyyoota shanan darban yaaddon hammaachuu ibsu.
Kaampii baqattootaa Tandiibaa qofaa keessa baqattoota Itoophiyaa 30,000 ta’antu jiru. Dhaabbileen gargaarsaa waldhaansafi deeggarsa biroo kennan waraana sodaachun naannichaa gadhiisanii deemuu himu.
Haadha ijoollee sadii kan taate Adde Asteer Gabrasillaasee ammoo Humna Addaa (RSF) irraa ergaan baqattootatti yaaddoo uumu dhufaa akka jiru BBCtti dubbatan.
“Yoo dhufan nundhiisan. Keessumaa dhalattoonni Tigraay ‘waraana irratti hirmaataniiru’ jedhamee waan odeeffamuuf haala rakkisaatu jira,” jetti.
Humni Jeneraal Hamdaan Dagaalodhaan durfamu dhuma dhiyeenya humnoonni Tigraay Humna Waraana Sudaan deeggaranii lolarratti hirmaataniiru jechuun himatee ture.
Himannaa RSF kana ilaalchisee bulchiinsi yeroo naannoo Tigraay himannaa RSF kufaa gochuun baqattoonni dhalattoota Tigraay ta’an waraana kanaaf saaxilamoo ta’uu akka danda’an yaaddoo qabaachuu ibsee ture.
Waraanni waliinii Sudaan lammiilee biyyattii miliyeena 8.9 qe’eesaanirraa akka buqqa’an godheera. Lammiilen Itoophiyaa sababa waraana Tigraayin gara Sudaanitti baqatanis waraanni biraa achitti isaan simatee jira.
Yeroo amma humnooni RSF naannoolee Sudaan heddu to’ataa kan jiran yoo ta’u, keessumaa bahaafi lixa biyyattii gara caalu harkasaanii galfachuutu himama.
Baqattoonni Itoophiyaa waraana kana keessatti danqaman mootummaan Itoophiyaafi hawaasni idiladdunyaa akka birmatuuf iyyataa jiru.
Sagalee dhukaasaa fageenya dhiyoorraa dhagahaa jirra. Namni maal akka godhuufi eessa dhaquu akka qabu dhiphataa jira. Hawaasni idiladdunyaa, mootummaa Itoophiyaafi mootummaan naannoo Tigraay hatattamaan rakkoo keessaa nu hin baasan taanan, uummanni yaaddoo hamaa keessa jira,” jedha Walduun.