TPLF seera-qabeessummaa duraanitti deebi'uu malee haaraa ta'ee galma’uu hin barbaadu jedhe

Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF) murtee siyaasaatiin seera-qabeessumaa duraan qabutti deebi'uu malee akka haaraatti galmaa’uu akka hin barbaadne dubbi-himaan paartichaa Obbo Amaanu’eel Asaffaa himan.

Caamsaa darbe fooyya’insi seera filannoorratti taasifame, “haqamee kan ture [TPLF] dhaaba seera-qabeessa duraan qabuttii akka deebiyu osoo hin taane haala adda ta’een akka haaraatti gamaa’uudhaaf kan dandeessisudha,” jechuun BBCtti himnan Obbo Amaanu’eel.

Labsiin bakka-bu’oonni ummataa raggaasisan kun, gareen siyaasaa hokkara humnarratti hundaa’e keessatti hrmaate adeemsa akka paartiitti galmaa’u ifatti kan kaa’edha.

Fooyya’insi taasifame kun raggaasifamee torban sadiin booda Ministeerri Haqaa xalayaa Boordii Filannootiif barreesseen “[TPLF] haala adda ta’een akka paartii siyaasaatti gameessuu akka danda’u” gaafatee ture.

Ministeerri Haqaa xalayaa Dr. Geediyoon Ximootiwoosiin mallatteeffame kanaan gaaffii kana dhiyeessullee TPLF garuu akka haaraatti galmaa’uu akka hin barbaadne Obbo Amaanu’eel dubbataniiru.

Waraanni Tigraay jalqabee ji’oota sadiin booda seera-qabeessummaan TPLF Boordii Filannootiin haqamuun isa ani yaadatama.

Waliigalteen waraana dhaabuu Afrikaa Kibbaa, Piritooriyaatti erga mallattaa’een booda seera qabeessummaan isaa akka deebiyuuf mootummaa Federaalaa waliin dubbachuun jalqabamuusaa ibsaniiru Obb Amaanu’eel.

“Seera-qabeessummaan akkamiin akka deebiu seera filannichaarratti ifa waan taaneef seera kana hammatu dabalataa qopheessuun seera-qabeessummaan dhaabaa haqamee ture akka deebiyu taasifama marii jedhu ture,” jechuun BBCtti himan Obbo Amaanu’eel.

“Osoo [seera kana hammau] eegaa jirruu labsiin fooyya’insaa kun bahe,” kan jedhan Obbo Amaanu’eel, “labsiin fooyya’e kun [garuu] seera-qabeessummaarraa kan haqame [TPLF] deebisuu kan dandeessisu osoo hin taane haala adda ta’een akk haaraatti galmaa’uu kan dandeessisudha,” jedhu.

Obbo Amaanu’eel yeroo darbe gamaggama raawwii waligaltee Piritooriyaa marsaan lamaffaa wayita gageeffametti dhimmi seera-qabeessummaa TPLF ka’ee akka ture eeraniiru.

Gamaggama ture kanarratti, “TPLF akka haaraatti galmeessuu osoo hin taane seera-qabeessummaatti akka deebiyu gochuutu barbaachisa,” yaadni jedhu ka’ee turuu kaasaniiru.

Dhimma kana hanga Sadaasa dhufuutti mootummaa Itoopiya awaliin dbbachuudhaan fala akka argatu “kallattiin kaa’amuus” ibsaniiru.