Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Obbo Getaachoon waa'ee Badhaadhinatti dabalamuu, walitti bu’iinsa tibbanaa fi hariiroo MM waliin qabanirratti maal jedhan?
Pirezedantiin bulchiinsa yeroo Naannoo Tigiraay Obbo Geetachoo Raddaa paartiinsaanii TPLF wayita paartii biyya bulchaa jiru Badhaadhina waliin marii taasisutti dhimmi walitti baquuu ajandaa ta'ee akka hin beekne BBCtti himan.
Obbo Geetaachoon turtii BBC, sagantaa Focus on Africa waliin taasisan irratti waa'ee walitti makamuu kanaan alattis dhimma walitti bu'iinsa daangaa naannoo Amaaraafi Tigiraayitti tibbana mudate, gargaarsa namoomaa Tigiraayi fi walitti dhufeenya MM Abiy waliin qaban irratti dubbataniiru.
Aanga'aan kunis ''marii paartii Badhaadhinaa waliin taasisaniin, walitti baquu kan ilaallatu miti. Dhimmi mari'annee garaagarummaa jidduu keenya jiru fudhuu, hojiirra oolmaa waliigaltee Piritoriyaarratti, dhimma nagaa darbees dhimma egeree Itoophiyaarratti wajjiin hojjachuurratti kan kaayyeeffateedha'' jechuun dhimma walitti baqu jedhu haalan.
Paartilee lamaan walitti baquu ilaalchisee miidiyaalee irratti bal'inaan dubbataa kan jiru yoo ta'u, Obbo Geetaachoon garuu dhimmi walitti baquu ajandaa marii isaanii keessa akka hin turre himan.
Dhimma Addi Bilisa Baasaa Uummata Tigraay (TPLF) motummaa federaalaatiin walitti buuse keessaa tokko, dhaabi TPLF duraan miseensa ture Adda Dimokraatawaa Waraaqsa Ummattoota Itoophiaa (ADWUI) diigamuun Paartii Badhaadhinaatiin bakka bu'uufi TPLF ammoo itti makamuu diduusaati.
Obbo Geetaachoon gaaffii 'osoo yeroo sana paartii Badhaadhinaatti makamtanii jiraattanii waraanni hamaan waggaa lamaaf ture sun hafuu danda'a jettanii yaadduu? jedhamuun gaaffii BBCn dhiyaateef deebii kennaniin, ''boodeetti deebii'ee tilmaamuu hin fedhu. Wanti tokkichi ani beeku yoo jiraate yeroos murtee ni ta'a jennee yaadne murteessineerra,'' jedhan.
Itti dabalunis, ''Waan walitti baqneef qofa waan mudate hambisuu dandeenye jedhees hin yaadu. Yeroos baquu akka hin yaadneef garaagartee ijootu gidduu keenya turan. Garuu wanta baayyee karaa biraan furuu ni dandeenya ture,'' jechuun haala waraanaan dura ture yaadatan.
Dhimma walitti bu'iinsa daangaa
Obbo Geetaachoon rakkoon nageenyaa torbanootaan dura daangaa naannolee Amaaraafi Tigraay -Allaamaxaatti uumamee ture, ''Nuti Allaamaaxaatti lolli banne hin jiru. Kan ture miseensoota milishaa naannolee lamaanii jidduutti waliitti bu'iinsi ture,'' jedhan.
Itti dabaluudhaanis Obbo Getaachoon ''nuti bulchiinsa naannoo Amaaraafi mootummaa federaalaa waliin bakkeewwan kanneenniitti bulchiinsawwan seeraan alaa hundaa'an diiguurratti hojjataa jirra'' jedhan.
Walitti bu'iinsi ture kan humnoota waraanaa idilee hirmaachise miti kan jedhan Obbo Geetaachoon, ''Milishoonni naannoo Amaaraa irraa sochiilee yaachisaa adda addaa taasisaa turan. Miseensoonni milishaa gama keenyaan turan deebii kennaniiru'' jedhan.
Sababiin walitti bu'insa tibbanaa maal? jedhamuun gaaffii dhiyaateef Obbo Geetaachoon, ''Waliigalteen Piritoriyaa afaan qawwee cufeera. Qaamni waliigaltee kanaa bulchiinsoonni seeraan alaa Kaaba-lixaa fi lixa Tigraayiitti hundaa'an akka diigamaniifi buqqaatonni qe'eetti akka deebi'an wabii kenna,'' jedhan.
''Yeroo dheeraa fudhatuus danqaan asiis achis jiraatu, mootummaa federaalaa waliin walitti dhiyeenyaan, hanga tokkos naannoo Amaaraa waliin dalagaa jirra'' jechuun haala jiru ibsan.
Obbo Geetaachoon itti dabalunis, ''Ajajoonni waraanaa keenyas akkaataa kun hojiirra oolfamuu danda'urratti yeroo ammaa Finfinneetti mariirratti argamu. Walitti bu'iinsi kun naannoo Tigraayiifi mootummaa federaalaa ykn naannoo Tigraayiifi naannoo Amaaraa jidduu miti. Walitti bu'iinsi amma deemaa jiruus hin jiru'' jedhan.
Aanga'aan kunis qaamoolee waliigalteen nagaa Piritoriyaatti mallataa'e akka hojiirra hin oolleen barbaadan walitti bu'iinsa uumuudhaaf yaalaa jiru jechuun himatanii turan.
Kana hordofuunis ibsi naannoon Amaaraa baasee kan haala qabatamaa lafarra jiru hubannoo keessa hin galchiineedha kan jedhan Obbo Geetaachoon, ''waliigalteen nagaa mootummaa federaalaafi TPLF jidduutti mallattaa'e hojiirra akka hin oolle gochaa kan jiru bulchiinsa Amaaraa seera qabeessa hin taaneedha'' jechuun himatan.
''Naannoon Amaaraa ibsa kenneera garuu ummanni Amaaraa garaagarummaa furuudhaaf furmaanni tokkichi mari'achuu ta'uu hubachu qaba'' jedhan.
Mootummaan Naannoo Amaaraa gamasaatiin ibsa walitti bu'iinsa naannolee lamaan jidduutti mudate hordofuun dhiyeenya baaseen, TPLF waliigaltee Piritooriyaa cabsuun "si'a arfaffaaf weerara bane" jechuun himachuunsaa ni yaadatama.
Waraana Kaaba Itoophiyaa waggaa lamaaf gaggeeffame hordofuun eddoowwan falmisiisoo daangaa naannolee lamaaniirratti argaman kunneenis humnoota naannoo Amaaraatiin to'atamuunsaanii ni yaadatama.
Qondaalli olaanaa TPLF kun hidhattoonni naannoo Amaaraa hojiirra oolmaa waliigaltee Piriitooriyaarratti danqaa uumaa jiraachuu himatan.
Akkasumas hanga mootummaa federaalaa waliin walitti dhiheenyaan dalaganiitti walitti bu'insi biraa ni jiraata yaaddoo jedhu akka hin qabnes kaasa.
Obboo Geetachoon gareen Tigiraay balleessuu barbaadan fi waliigaltee Piriitoriyaatti mufatan waliigaltichi akka hojiirra hin oolle dhama’aa jiru jedhan. Garee himatan kana garuu maqaa dhahuurraa of qusatan.
“Nageenyaaf waamicha dhiyeessaa wayitan jiru kanatti, dubbii hammeessuu hin barbaadu” jedhan Obbo Geetachoon.
Dhimma gargaarsa namoomaa naannichatti kennamu ilaalchisunis, naannichatti rakkoon namoomaa ammas hammaataa ta’uu eeruun, rakkinicha salphisuuf mootummaa fedeeraalaa waliin hojjataa jiraachuu ibsan.
Dhimma hariiroo MM Abiy waliinii
Obbo Geetaachoon turtii BBC sagantaa Focus on Africa waliin taasisaniin, dhimma walitti baquutiin alattis waa'ee walitti dhufeenya MM Abiy waliin qabaniifi dhimma walitti bu'insa daangaa naannawa Allaamaaxaatti tureerratti dubbataniiru.
Haaluma kanaanis walitti dhufeenyi Ministira Mummee Abiy Ahimad waliin qaban, walitti dhufeenya hojii gaarii ta'uu kaasan.
''Garaagarummaa mataa keenyaa qabaannus hojiirratti walitti dhufeenya gaarii qabna. Waliigalteen Piritoriyaa walitti dhufnee akka hojjannuuf carraa waan uumeef, dhimma ummata keenyaaf haalaan barbaachisaa ta'erratti garaagarummaa jidduu keenya jiru dhiisuun wajjiin hojjachuu itti fufne jechuudha.''
Itti dabaluudhaanis gara fuulduratti waliin hojjachuun kun itti fufa jedhanii akka amanan kaasan Obbo Geetaachuun.