Daangaa Amaaraafi Tigraayitti namoonni kuma 29 ta'an buqqa'aniiru jedhe UN

Daangaa naannolee Amaaraafi Tigraayi iddoo ''lafti kooti'' jedhanii walfalmanitti lola tibbana deebi'ee eegaleen namootni kuma 29 ta'an buqqa'uu Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomanii beeksise.

Lolli qaamolee Amaaraafi Tigraay gidduutti gaggeeffamuu kan eegale torbee darbe naannoo Raayyaa Allaamaaxaa jedhamutti ture.

Qondaalonni naannoo Amaaraa humnootni Tigraay weerara marsaa arfaffaa raawwatan jechuun himatanii, dafanii yoo hin gadhiisan ta'e tarkaanfii akka fudhatan akeekkachiisanii turan.

Aanga'aan TPLF Taaddesee Werredee garuu himannaa gama mootummaa Amaaraan irratti dhiyaate haalaniiru.

Waraanni waliinii Kaaba Itoophiyaa waggaa lamaaf ture erga dhaabatee booda iddoowwan falmisiisoo daangaa naannolee lamaaniirra turan harki hedduun humnoota naannoo Amaaraa jala jiru.

Haata'u malee hireen lafa wal falmisiisu kanaa, hidhattoota naannolee lamaanii hiikkachiisuu, fi dhalattoota Tigraay kumaan lakkaa'aman kan sababa waraana sanaan qe'eesaaniirraa buqqa'an deebii osoo hin argatiin jira.

Raayyaa Allaamaaxaa hanga waraanni Kaabaa bara 2020 ka'utti bulchiinsa naannoo Tigraay jala ture. Waraana booda garuu humnoota naannoo Amaaraatu to'atee jira.

Torban lamaan darban garuu muddama naannoo sanitti hammachaa tureen booda humnootni Tigraay naannichatti duuluun gabaafameera.

Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomanii walitti bu'insa haaraa kanaan namoota buqqa'an kuma 29 ta'aniif gargaarsi atattamaan barbaachisa jedheera.

Namootni buqqa'an gariin gandoota ollaa naannoo Amaaraa keessa jiran Qobboo fi Saqooxaa keessa dahoo malee qubataniiru jedhe dhaabbatichi.

Kun akkasiin osoo jiruu Imbasiiwwan Ameerikaafi UK dabalatee kan biyyoota torbaa haala naannichatti hammaachaa jiru kanaan yaadda'uu ibsaniiru.

Muddamni kun akka tasgaabbaa'uufi hidhannoo hiiksisuufi loltoota jiruu idileetti deebisuun akka saffisu waamicha dhiyeessan.