Raayyaa Allaamaaxaatti walitti bu'iinsi Sambata eegale itti fufuun ibsame

Bakkeewwan Naannoon Amaaraafi Tigraay itti waldhaban keessaa tokko kan ta’e aanaa Raayyaa Allaamaaxaatti ''humnoonni TPLF haleellaa bananiin’’ Sambata duraa eegalee walitti dhukaasuun akka ture aangawoonniifi jiraattonni dubbatan.

Godinni Naannawa Kibba Tigraay gama isaan rakkoon kan uumame hidhattoonni milishoota Tigraay irratti dhukaasa waan bananiifi jedheera.

Baatii Guraandhalaa eegalee aanota Raayyaa keessaa tokko kan ta’e Raayyaa Allaamaaxaatti walitti dhukaasuun irra-deddeebiin mudataa jira.

Irra deebiin walitti dhukaasuun kan hammaate ALI Ebla 5, 2016 guyyaa keessaa sa’aatii shan eegalee ta’u bulchaan aanichaa Obbo Mollaa Darribaw fi kantiibaan magaalaa Allaamaaxaa Obbo Hayiluu Abarraa BBC’tti himaniiru.

Hidhattoonni aangawoonni ''humnoota TPLf’’ jedhanii waaman dhukaasa kan banan ganda Addis Birhaan (kan duraan Laa’ilaay Diyu)’tti akka ta’e ibsaniiru.

Walitti dhukaasuun guyyaa Sambataa ture itti fufee akka jiruufi har’as [Wiixata] walitti dhukaasuun akka ture bulchaan aanichaa himaniiru.

Naannoo Tigraayitti bulchaan Naannawa Kibba Tigraay Obbo Haftuu Kiroos, Sambataafi Dilbata buqqaatonni Raayyaa waliigalteen Piritooriyaa akka kabajamu ''lafa dheeraa miilaan imaluun’’ hiriira bahuu dubbataniiru.

Hiriirri nagaa Mahooniifi Maayicaw irraa ka’un taasifaman ‘’bakkeewwan keellaan raayyaa ittisaa hanga argamanitti’’ kan taasifaman akka ta’an ibsan.

Obbo Haftuun ''sagalee keenya osoo dhageessisaa jirruu hidhattoonni bakkee Taa’o jedhamutti walitti dhufuun bakkee milishoonni keenya jiran dhufuun haala dhukaasatti geessu uumame,’’ jechuun sababa walitti dhukaasuun eegaleef ibsan.

Kana hordofee ‘’walitti bu’iinsi’’ uumamuu isaanii kan dubbatan bulchaan Naannawa Kibba Tigraay ‘’milishoota keenya waliin walitti bu’iinsi uumame, [kan gama keenya jiran] milishaafi poolisiidha. Kaayyoo biraa kan hin qabnedha,’’ jedhan.

Faallaa kanaa kan dubbatan aangawoonni Raayyaa Allaamaaxaa dhukaasni kan uumame hidhattoota TPLF ‘’Armii 24’’ jedhamu keessaa ‘’kutaaleen waraanaa sadii’’ bakkichatti bobba’anii akka ta’e ibsaniiru.

Kantiibaan Allaamaaxaa Obbo Hayiluu gama isaaniin bakkichatti kan bobba’an ‘’kutaalee waraanaa Aksum, Algaanash fi Yohaannis’’ akka ta’an ibsan.

Bulchaan aanichaa Obbo Mollaa gama isaaniin ‘’kutaa waraanaa sadii qabatee nurratti oppireeshinii kan gochaa jiru Armii 24 dha. Armii 44 fi 24 turani.

‘’Gama gadii kan jiru Armii 44 gama Baalaa [aanaa] homaa hin siiqne. Armii 24 garuu kutaa waraanaa Aksuumiifi milishaa keenya waliin walitti bu’aa jira,’’ jedhan.

Dhukaasicha kan banani meeshaalee cimaa fayyadamuun ta’u aanga’oonni ibsaniiru.

Kantiibaan Alaamaaxaa Obbo Hayiluun hidhattoonni, ‘‘bireelii, dishiqaa fi isinaayiparii’’ fayyadamuusaanii kan dubbatan yoo ta’u, bulchaan aanichaa Obbo Mollaanis meeshaa garee kan ‘‘dishiqaa’’ jedhamuun dhukaasa banuusaa dubbataniiru.

Jiraataan tokko gamasaanitiin har’a gara ganamaa keessa sagalee ‘‘dishiqaatiifi matarayyasii’’ dhagahuu dubbatan.

Bulchaan Godina Kibba Tigraay Obbo Haaftun garuu kana hin fudhatan. ‘‘Haalli kun karaa nagaatiin furama bakka jennee eegaa jirruutti, sababii humna biraa fayyadamu ni dandeessisu homtuu hin jiru’’ jedhan.

Meeshaalee garee kan akka dishiqaa kan fayyadaman hidhattoota naannoo garee faallaa irra jiran ta’u dubbatan.

Aanga’oonniifi jiraattoonni Allaamaaxaa, hidhattoota naannoo Tigraay irraa dhufan jedhaniin ganda Addis Birhaan jedhamu to’achuusaanii kan dubbatan yoo ta’u, guyyaa har’aatti ammo naannoo ‘‘Gaarjallee’’ jedhamu to’achuu eeran.

Bulchaan aanaa Allaamaaxaa Obbo Mollaan, ‘‘raayyaan ittisaa dubbii barbaacha akka umamuu hin feene ture, ‘maaloo’ jechaa akka kadhanaatti kan haalicha qabe.

‘’Nutis keessattuu kaleessa Magaalaa Garjallee nu jalaa to’achuuf waan ta’eef humna qabnu hundatti fayyadamuun baayyee yaalleerra. Garuu hin dandeenye’’ jedhan.

‘‘Amma magaalaa Alaamaaxaa seenuudhaaf km-3 qofatu isaan hafe’’ jedhan bulchaan kun. Humni milishaa naannichatti argamu ‘‘waan wali hin ginneef booddeetti deebi’uun dhukaasa dhaabuu’’ ibsan.

Walitti dhukaasa guyyaa Sambataa irraa kaasee tureen lubbuun nama tokkoo yoo darbu, namoonni lakkoofsisaanii adda hin baafamne irra miidhaan qaqqabuu aanga’oonnii fi jiraataan dubbatan.

Namni lubbuunsaa darbe jedhamees miilishaa ta’u jiraataan tokko BBCtti himan.

Bulchaan Godina Kibba Tigraay Obbo Haaftuun, dhukaasa guyyaa Sambataa ‘‘eegalame’’ jedhaniin, namni miidhame jiraachuu gaafatamanii, ‘‘dhimma kanarratti osoo yaada kennuu baadhee nan gammada’’ jechuun deebii kennan.

Waraanni Tigraay eegalamu hordofee, eeddoowwan naannoo Amaaraa jala galan kan furmaata argatan karaa murtee ummataatiin ta’u mootummaan federaalaa ibsuunsaa ni yaadatama.

Dhimmicha furuudhaaf Koree muummeen mootummaa federaalaa akkasumas aanga’oonni olaanoon naannoolee lamaanii keessatti argaman hojiirra akka jiru mootummaan federaalaa beeksiisee ture.

Ministirri kominikeshinii mootummaa, Dr Laggasaa Tulluu, ibsa torban lamaan dura gaazexessitootaaf kennaniin, ‘‘naanolee daangaa Amaaraa irratti ilaalchi gama Tigraayiin jiru, kan waliigaltee Pirotoriyaa cabsu’’ ta’u dubbatanii ture.

Dr Laggasaan adeemsi ‘‘daangaa humnaan kabachiifna’’ jedhu, ‘‘kan ummata Tigraay rakkoo fi darara marsaa gara biraatiif saaxiluudha’’ jechuun dubbatanii ture.