Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Fulaa waldhabdee Amaaraa fi Tigraay kan ta'e Raayyaa Allaamaaxaatti walitti bu'iinsa mudateen lubbuun darbe
Fulaa naannoleen Amaaraa fi Tigraay ''naaf mala'' jechuun irratti walqoccolan Aanaa Raayyaa Allaamaaxaatti walitti bu'iinsa gaafa Wiixataa (Bitootessa 25, 2024) mudateen lubbuun milishoota afurii darbuu Bulchaan Aanaa kanaa himan.
Obbo Mollaa Darribaw BBCtti akka himanitti walitti bu'iinsa Bitootessa 25, 2024 mudateen kanneen du'aniin alatti namoota lamarra ammoo miidhaa cimaa fi salphaan qaqqabeera.
Bulchaan Godina Kibba Tigraay Obbo Haabtuu Kiroos gamasaaniin, ''walitti bu'iinsa wanti jedhamu hin jiru. Walitti bu'iinsa naannoo kamitti uumame akka ta'e ani hin beeku,'' jechuun haalan.
Obbo Haabtuun kana haa jedhaniyyuu malee Bulchaan Aanaa Allaamaaxaa Obbo Mollaa Darribaw garuu Wiixata galgala irraa eegalee hanga Kibxata waaree boodaatti turuu himan.
Walitti bu'iinsa kanas ''hidhattoota TPLFtu eegalan'' jechuun himatan.
Bulchaan Allaamaaxaa kun taatee ture wayita ibsan, ''Wiixata naannoo sa'atii afurii hanga ja'aatti gaarreen qabatan. Nutis humna keenya itti dhiheessinee bulchine. Kibxata hanga sa'atii saddeetiitti waraanarra turre,'' jedhan.
Walitti bu'iinsi kun eegalamuu duras, ''meetira 150 danagaa keenyatti dhihaatanii dahannoo qotatanii turan,'' jedhan bulchaan kun.
Taatee kana raayyaa ittisa biyyaa naannawa sana turetti eeruu kan himan Obbo Mollaan, yeroof garuu akka deebii hin arganne ibsan.
''Wayita rakkoon akkanaa mudatu to'achuun akka dhaabbatu kan godhan, kellaa kan eegan miseensonni raayyaa ittisaa jiru. Raayyaa ittisaa naannoo kana to'atee jirutti dhimma kana himnus hidhattoota TPLF gochasaaniirraa dhaabsisuu hin dandeenye,'' jedhan.
''Qaama dhimmi ilaallatutti iyyannee nuuf qaqqabuu waan hin dandeenyeef milishaan aanaa meeshaa harkaa qabaniin ba'an. Milishaan erga waraanatti seenee waraana cimaatu ture.''
Obbo Mollaan akka jedhanitti waraanni kan baname ibsa bulchiinsi yeroo Tigraay baase hordofeeti.
Kaabineen bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay ibsa isaa keessatti, naannoon Amaaraa kaartaa (danaa) kitaaba barataa maxxanfame irratti boce hatattamaan akka sirreessu gaafateera.
Kitaaba kana keessatti iddoowwan naannoleen Amaaraa fi Tigraay naaf mala jechuun irratti walfalman fi naannoo Amaaraa jalatti argaman bifa kaartaan hammatamaniiru.
Kaabineen Tigraay naannochi kana hin sirreessu taanaan ''rakkoo mudachuu maluuf naannoon Amaaraa itti gaafatamummaa guutuu fudhata,'' jechuun ibsa akeekkachiisa jabaa of keessaa qabu baaseera.
Obbo Mollaan akka jedhanitti ibsa kana hordofee ''humna Armii 24 jedhamu (kan Tigraay) guutuutu hiriire,'' jedhan.
''Mootummaan humni kun meeshaa lafa kaa'eera, diigameera jedhus haga sadarkaa makaanaayizdiitti waraana ijaarratanii jiru,'' jedhan bulchaan aanaa Allaamaaxaa kun.
Akka Obbo Mollaan jedhanitti Kibxata humni ''Armii 24'' gara Raayyaa Allaamaaxaatti seenuun gandoota Taa'oo fi Addis Birhaan jedhaman to'ataniiru.
Bulchaan Godina Kibba Tigraay Obbo Haabtuu Kiroos garuu ''Isaan kana yaadaniiru yoo ta'e hin beeku. Waan isaan amma himataa jiran kanarraa ka'ee fuulduratti maaltu akka mudachuu malu ani hin beeku. Hanga ammaa garuu wanti mudate hin jiru,'' jedhan.
Hidhattoonni TPLF gandoota lameen kunneen keessa ''hanga kiilomeetira 12 seenaniiru,'' kan jedhan Obbo Mollaan dhukaasa tureen milishoonni isaa afur du'uu BBCtti himaniiru.
Milishoonni 12 ammoo madaa'anii wal'aansa fayyaa argachaa jiraachuu himan. Kanneen keessaa kan miidhaa guddaan irra ga'e wal'aansa fooyya'aaf gara Finfinneetti riifariin barreeffamuufii ibsan.
Kanneen hafan ammoo Hospitaala Allaamaaxaatti yaalamaa jiru jedhan Obbo Mollaan.
Waraanni Wiixata eegalame hanga Kibxataatti erga itti fufee booda raayyaan ittisaa gidduu seenuun dhukaasi akka dhaabbatu gochuu Obbo Mollaan BBCtti himaniiru.
Haata'u malee gandoonni isaan Raayyaa Allaamaaxaa jala jiru jedhan ammallee harka hidhattoota TPLF jiraachuu himan.