Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Mootummaan Itoophiyaa fi Bulchiinsi Tigraay dhimmoota waliigaltee Piritooriyaa danqan irratti marii taa'aa jiru
Mootummaan Federaalaa Itoophiyaa fi Bulchiinsi Yeroo Tigraay haala hojiirra oolmaa Waliigaltee Nagaa Piriitooriyaa irratti mariirra jiraachuun barame.
Marii cufaa jaarsummaa Gamtaa Afriikaan - AU Finfinneetti taa'amaa jiru kanaan, dhimmoonni hojiirra oolmaa waliigaltichaa danqan jedhaman akka irratti mari'ataman ni eegama.
Waliigalteen Nageenyaa Piriitooriyaa Muddee 2021 qaamolee lamaaniin mallattaa'e, waraana kaaba Itoophiyaa hamaa adeemaa turetti xumura kan godhe ture.
Waliigaltee kana hojiirra oolchuufis danqaaleen kan mudatan ogguu tahu, kana hordofees muddama dhalateen booda, Gamtaan Afriikaa jaarsummaan jidduu seeneera.
Tibbana Paartii Naannoo Tigraay bulchu TPLF fi mootummaa Federaalaa Itoophiyaa jidduutti wal amantaan hinjiru jechuun, pireezidantiin bulchiinsa yeroo Naannoo Tigraay Getaachaw Raddaa dubbatanii turan.
Obboo Getaachaw kana kan kaasan, MM Abiy Ahimad fi anga'oonni bulchiinsa yeroo Naannoo Tigraay, waliigaltee Piritooriyaan booda hundeeffamee, marii gaggeessan ilaalchisee miidiyaaleef ibsa kennan irratti ture.
Bulchaan kun "Liqii gaafannee turre, garuu fudhatama dhabeera," jechuun miidiyaatti dubbatan.
"Liqii fudhattanii maalirra oolchitu? yaaddoon jedhu akka jiru ifadha. Walumaagalattii amanuu dhabuun jira. 'Maallaqni kamuu dhufus hidhannoo hiikkachuuf fedhii hinqabdan. Raayyaa keessan cimsachuu feetu' - walumaagala waanta hedduutu ka'a."
Komii Obboo Geetaachoon dhiyeessaniif gama mootummaa Federaalaan wanti jedhame hinjiru.
Erga waraanni waliigaltee Piriitooriyaan booda goolabame duuba, dhimmoonni akka qarqaarsa namoomaa, hongee dhimma lafaa Lixa Tigraay, dhimma buqqaatotaafi kaanis dhimmoota ijoo muddama dhalan ta'anii turaniiru.
Naannichatti ji'oota ja'aan dabran keessa namoonni 400 ol beelaan lubbuu dhabuunsaanii kan gabaafame ogguu tahu, qarqaarsi namoomaa dhiyaatus gahaa akka hin taane komiin ni ka'a.
Muddama kanneen hordofees dhiyeenya kana Obboo Getaachaw, mootummaa Federaalaa Itoophiyaa wajjin mariin garlamee adeemsifamu hinjiru jechuun himuun isaanii gabaafameera.
Kunis dhimmoonni rakkoo tahaniiru jechuun isaan kaasan hanga furamanitti kan itti fufu ta'uus kaasaniiru.
Marii Gamtaa Afrikaan hoogganamee taa'amaa jiru kanarratti, Pireezidaantonni duraanii Keeniyaa Uhuruu Keeniyaataa fi kan Naayijeeriyaa Oluseeguun Obaasaanjoo, akkasumas ergamaan addaa Ameerikaa Maayik Hamar jaarsummaan keessa jiru.
Mootummaa Itoophiyaa bakka bu'uun Ambaasaaddar Redwaan Huseen, Ministira haqaa Gediwoon Ximootiwoos, Ambaasaaddar Tashooma Toogaa fi kaanis hirmaachaa jiru.
Naannoo Tigraay bakka bu'uun ammoo Pireezidant Getaachaw Raddaa, Jeneraal Taaddasa Worada fi Dura taa'aan TPLF Dabratsiyoon GabraMikaa'el fi kaanillee hirmaachaa jiru.