Waa'ee dhukaasa tibbana daangaa naannoo Amaarafi Tigraayitti banamee maal beekna?

Daangaa naannolee Amaarafi Tigraayitti torbee darbee kaasee muddamnifi dhukaasni akka ture jiraattonni BBCtti himan.

Aanaalee Raayyaa keessatti torbee darbee kaasee muddamni akka tureefi keessumaa Aanaa Zaataatti dhukaasni dhagahamaa akka jiru himan jiraattonni.

Torbee darbe gaafa Sambataa konkolaatan Dhaabbata Fannoo Diimaa Itoophiyaa magaala Koram irraa fageenya kilomeetira tokkoo irratti hidhattootan haleellan irratti raawwatamuu dhaabbatichi BBCtti himeera.

Bakkeewwan naannoo Tigaraayifi Amaaraa gidduutti falmiin irratti ka'u keessaa tokko kan Raayyaa keessaa Aanaa Zaataatti sagaleen dhukaasaa kan dhagahame gaafa Roobii Guraandhala 13, 2016 ALItti yoo ta'u, barii sa'aatii afur irraa eegalee dhukaashi akka ture himan bulchaan aanichaa Obbo Kaasahun Makonnin.

Dhukaasicha kan bane hidhattoota Tigraayi magaala Maayicoo irraa dhufan akka ta'e kaasu Obbo Kaasahuun.

Itti gaafatamaa Biiroo Nageenyafi Tasgabbii Tigraayi kan ta'an Leetinant Jeneraal Fissahaa Kidaanuu gamasaanin Tigraayirraa hidhattoonni dhukaasa banan akka hin jirre BBCtti himan.

"Milishaan, jiraattonni, uummanni qe'ee keenyatti deebina gaaffii jedhu qabu," jedhan Leetinaant Jeneraal Fissahaan.

Bulchaan Aanaa Zaataa Obbo Kaasahuun garuu hidhattoonni Tigraay kallattii sadiin dhukaasa banuun aanichatti akka seenan himuun dhukaasni gaafa Roobii baname sa'aatii tokkoof daqiiqaa 20 akka ture jedhan.

Dhukaasichi dhaabachuu kan danda'e poolisiin federaalaa gidduu galuun akka ta'e kan himan Obbo Kaasahuun, "dhukaasa bananii [humnoonni Tigraayi] garanatti yoo seenan poolisiin federaalaa gidduu seene. Isaan irratti si'a sadi yaalii haleellaa gaggeessanis hin milkoofne," jedhan.

Guyyaa kaleessaa [hanga oduun kun qindaa'utti] darbee darbee dhukaasni isnaayipparii gaggeeffamaa akka tures himan aangawaan kun.

Haa ta'u garuu, BBCn odeeffannoo kana qaama walabaarraa mirkaneeffachuu hin dandeenye.

Sababa waraana Kaaba Itopphiyaatti gaggeeffameen aanaalee Raayyaa bulchiinsa naannoo Amaaraa jala jiran keessatti torbee darbee kaasee bakkeewwan garaa garaatti dhukaasni gaggeeffamaa akka ture BBCn odeeffateera.

Aangawoonni aanaalee Raayyaa [bulchiinsa naannoo Amaaraa jala jiranii] akka jedhanitti sagaleen dhukaasaa Guraandhala 6, 2016 ALI irraa kaasee ture.

Dhukaasni jalqaba karaa Aanaa Raayyaa Baallatiin akka baname kan himan bulchaan aanichaa Obbo Haftuu siyyum, "Humna lakkoofsan 400 gadi hin taanetu dhufe. Baay'ensaanii meeshaalee ammayyaa kan hidhataniidha. Diishqaa, bireenii qabatanii naannoo Tigraay irraa dhufan" jedhan.

Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraayitti itti gaafatamaa Godiina Kibba Tigraay kan ta'an Obbo Haptuu Kiiros BBCtti akka himanitti aanaleen Raayyaa jaha humnaan naannoo Amaaraa jalatti bulaa akka jiraniifi hidhattoonni Tigraayirraa ka'uun haleellaa banan himata jedhu "holola" jedhan.

"Kaabineen mootummaan yeroo naannoo Tigraayifi MM Abiy Ahmad Finfunneetti mariin gaggeessan garee kanatti sodaa waan uumef...lafti dhiiga keenyan arganne bulchiinsa yerotiin Wayyaanedhaaf kennamee Tigraayitti deebi'uuf jira jedhanii dargaggootan ka'aa jechaa jiru," jechuun aangawoota gama Amaaraa komatan.

Haa ta'u garuu dhukaasni yeroo gabaabaf ture gaggeeffamuu hin haalle Obbo Haptuun.

Naannichatti bakeewwan raayyan ittisaafi bulchiinsi yeroo Tigraay yakkoota garaa garaa ittisuuf waliin to'atan akka jiru kan himan Obbo Kiiros dhukaasi kan baname gama naannoo Amaaraa irraa bariituu MM Abiyfi kaabinoonni bulchiinsa Tigraay Finfinneetti mariyatanitti ta'uu kaasan.

"Sodaan waan itti uumameef malee waanti addaa naannichatti uumame hin jiru.

Dhugumatti dhukaasichi yeroo gabaabaf ture. Bakkichatti nutti dhukaasaniituu hariifannee deebii hin laanne nuti. Baay'ee turree of-ittisuuf yaalii goone," ajajoota raayyaa ittisaa bakkicha jiran waliin mariyatanii dhukaasichi dhaabachuu himan Obbo Haptuun.

Guyyaa Roobin alatti gaafa Sambataas dhiyeenya magaala Koramitti kan argamtu bakka "Adi Naba" jedhamutti konkolaataa Dhaabbata Fannoo diimaa Itoophiyaafi konkolaataa uummataa tokkoratti haleellan gaggeeffamuu maddeen naanichaa BBCtti himan.