Rakkoo nageenyaa Godina Addaa Saba Oromoo: Haleellaan namoota nagaarratti raawwatamaa jira - Jiraattota

''Networkii nurratti cufan. Akka nuti rakkoo keessa jirru hin himanne nu dhorkuuf. Kanaaf waanuma keessa jirrullee himachuu hin dandeenye,'' jedhu jiraataan Aanaa Jiillee Dhummuugaa.

Aanaan kun Naannoo Amaaraa Godina Addaa Saba Oromoo (Walloo Kamisee) keessatti bakka haleellaa hidhattootaan guddoo miidhamte ta'uu namni kun BBCtti himaniiru.

Godina kana keessatti guyyaa soomi Ramadaanaa qabamerraa kaasee guyyoota kurnan darbaniif haleellaa qaamolee hidhataniin raawwatamaa jiruun lubbuun namaa darbuu fi manneen gubachuu tibbana akkaan odeeffamaa jira.

Haala godina kana keessa jiru adda baasuun waan namoonni odeessan kana mirkaneeffachuuf guyyoota darban keessa garas bilbilaa turrus, akkuma jiraataan jalqabarratti dubbatan jedhan bilbilli nama hedduu hin hojjetu.

Sababi isaa rakkoo netwoorkiiti jedhan jiraattonni.

Roobii har'aa ganama (Bitootessa 20, 2024) garuu jiraattota muraasa argannee haala jiru irraa iyyaafanneerra.

Akka jiraattonni BBCn dubbise jedhan, guyyoota kurnan darban aanaalee godinichaa kanneen akka Jiillee Dhummuugaa, Harxummaa Fursee fi Daawwaa Caffaa (Kamisee) haleellaan namoota nagaarratti raawwatamaa jira.

Jiraattonni kunneen haleellaa raawwatamuuf hidhattoota 'Faannoo' kan mootummaan biyyattii 'Finxaaleyyii Amaaraa' jedhuun himatan.

Haleellaa hidhattootaa kanaan aanaaleen guddoo miidhaman Jiillee Dhummuugaa fi Harxummaa Fuursee ta'uu jiraattotarraa odeeffanneerra.

Jiraataan Aanaa Jiillee Dhummuugaa nageenyasaaniif jecha maqaansaanii akka eeramu hin feene, ''erga Ramadaanni baranaa seenee lolli nurratti banamee jira. Gandoota aanaa keenyaa hunda keessatti haleellaatu gaggeeffamaa jira,'' jedhan.

''Kanaan dura meeshaalee waraanaa gurguddoo kanneen akka dishqaa fi matarayyesiidhaan nu haleelaa turan. Amma meeshaa waraanaa akkaan hamaa fi guddaa ta'e mortar kan jedhamu nurratti dhukaasaa jiru.''

Waan naannichatti adeemaa jiru ilaachisee mootummaa Naannoo Amaaraa irraas ta’e, mootummaa federaalaa irraa wanti jedhame hin jiru. Kana malees BBCn anga'oota Aanaalee kanneenii argachuuf yaaliin irra deddeebiin taasise, hin milkaa'in hafeera.

''Guyyaama lolli kun jalqabu namoota 14tu du'an,'' kan jedhan jiraataan kun, namni shan ammoo ganda Wasan Qurqur jedhamu keessatti guyyaa itti aanu haala suukanneessaan ajjeefaman jedhan.

''Gandi kun Shawaa Roobititti aanti. Kanaan dura marsaa lama gubaniiru. Namoonni mana waan hin qabneef sharaa hidhatanii jiraatu. Osoo isaan nyaata alatti qopheeffatanii ijoollees haadhas achumatti fixan. Daa'imi ji'a shanii warra ajjeefaman shanan keessaati,'' jedhan.

Wayita isaan dubartootaa fi daa'imman kunneen iddoo tokkotti fixan warri dhiirotaa mana hin jiran jedhu jiraataan kun.

''Namoonni shan iddoo tokkotti ajjeefaman reenfisaanii hin awwaalamne, waraabessumatu nyaate.''

Akka jiraataan kun jedhanitti, gandoota aanichaa Wasan Qurqur, Baaltii Xiquree, Mudhii Facaa, Baxxee, fi kaan keessatti waliigalatti namoonni 26 ta'an ajjeefamuu himan.

Jiraataan Aanaa Harxumaa Fursee kunis akkasuma nageenyasaaniif jecha maqaasaanii eeruu irraa of qusataniiru.

''An Aanaa Harxumaa Fuurseen jiraadha. Guyyaa har'aa kana Haxaayyeerratti lola cimaatu deemaa jira,'' jechuun haala amma jiru himan jiraataan kun.

''Erga Ramadaanni baranaa seenee har'a guyyaa kudhan. Takkaa lolli adda citee hin beeku. Guyyuu lubbuun teenna bahaa jirti.''

Akka jiraataan kun jedhanitti namni suhuura (nyaata obboroo itti sooma qaban) nyaatee gadi ba'ee ol deebi'uu hin danda'u.

''Achumatti ajjeefama, har'allee lubbuu nama lamaatu akkanaan ba'e. Kan madaa'e lakkoofnee adda baasuunuu ni ulfaata,'' jedhan

Ramadaana keessa...

Godina Addaa Saba Oromoo aanaalee adda addaa keessatti walitti bu'insi lubbuu lammiilee galaafatu fi qabeenya barbadeessu irra deddeebiin mudata.

Haata'u malee akka jiraattonni BBCn dubbise jedhanitti waggaa waggaan ji'a Ramadaanaa keessa haleellaan hin mudatin hin hafu, haleellaan kunis kan yeroo kaanii caalaa hammaataadha.

Uummanni godinichaa amantii adda addaa kan hordofu ta'us, garri caalaan amantii Islaamaa akka hordofu dubbatu jiraattonni kunneen.

Jiraataan Aanaa Jiillee Dhummuugaa ''gaafa soomanaa isaan ni dadhabu jechuun guyyaama sooma eegalle sana haleellaa nurratti banan,'' jedhan.

''Achirraa eegalee namni guyyuu ajjeefama. Dubartii hijaaba uffattu bira hin darban. Kaan ni ajjeesu, kaan hijaaba fuularraa darbatu. Shamarran, dargaggoota dalga hidhatanii deeman hunda bira hin darban,'' jedhu jiraataan kun.

Jiraataan aanaa Harxummaa Fursee kan biraan erga waraanni kun eegalamee ijoolleen hedduun abbaa malee hafaniiru jedhan.

Akka jiraataan kun jedhanitti keessattuu ganda Koomee jedhamtu keessatti miidhaa guddaatu qaqqabe.

''Ganda kana keessatti bara darbe manneen 200 caalantu gubatan. Namoonni manni irraa gubate ijaarrachuu hin dandeenye. Sharaa hidhatanii keessa jiraatu. Baranas isheema kana irratti mancaasan,'' jedhan.

Karaan cufamuu, wal'aansa fayyaa dhabuu...

Jiraattonni BBCtti dubbatan karaan hunduu cufaa waan ta'eef, namoota madaa'an gara magaalaa Kamisees ta'e gara Finfinnee geessuun yaalsisuu akka hin dandeenye dubbatan.

Jiraataan Aanaa Jiillee Dhummuugaa maqaasaanii eeruu hin feene akkas jedhu.

''Karaan hunduu nutti cufamee waan jiruuf mana yaalaa nama geessuu hin dandeenyu. Gariin filannoo isa dhumaa fayyadamuun karaa Affaar ce'anii gara Adaamaa deemuun yaalamaa jiru. Kunneen warra maallaqa harkaa qabanidha. Daangaarratti kaffalanii darbuu warra danda'aniidha. Kaan achumatti dhiigaa, du'aa jira.''

Torbee darberraa eegalee haleellaa Godina Addaa Saba Oromootti raawwateen namoonni miidhaman Hospitaala Waliigalaa Adaamaatti yaalamaa akka jiran namoonni miidiyaa hawaasummaarratti maxxansaa jiru.

Jiraattonni BBCn godinicharraa dubbise gara Adaamaa imaluuf karaansaayyuu balaafamaa akka ta'ee fi maallaqa guddaa akka gaafatus himan.

Sababa kanaan kanneen madaa'an wal'aansa dhabuun balaa guddaaf saaxilamuu himan, keessattuu dubartoonni ulfaa baayyee miidhamaa jiru jedhan.

Jiraataan Aanaa Jiillee Dhummuugaa ''bajaajii fayyadamnee namoota miidhaman gara mana yaalaa geessufillee lafti boba'aa bitannu hin jiru. Manaa baanee deemnee maallaqa baankiidhaa baafannee deebi'uu hin dandeenyu, abdii kutannee jirra,'' jedhan.

Jiraataan Aanaa Harxummaa Fursee ''akkuma jiraattota Aanaa Jiillee Dhummuugaallee carraa gara Adaamaa deemnee yaalamuu hin qabnu,'' jedhan.

''Warri Aanaa Jiillee Dhummuugaa karaa Affaar, Odaa Sirbaa bakka jedhamuun daangaa ce'anii gara Adaamaa deemaa jiru. Nuti ammoo daangaa Affaar argachuu hin dandeenyu. Aanaa keenya keessaa baanees gara Aanaa Jiillee Dhummuugaa imaluu hin dandeenyu. Wal'aansaan walqabatee rakkoo hamtuu keessa jirra.''

Jiraataan Aanaa Jiillee Dhummuugaa akka jedhanitti namoonni karaa duraan birrii 800 kaffalanii deeman amma karaa Affaar naanna'uun hanga birrii 30,000 kaffalanii imalaa jiru.

Rakkoo deddeebi'ee mudatu

Naannoon Amaaraa erga rakkoo nageenyaa keessa seenee bubbuleera, keessattuu erga mootummaan humna addaa naannolee diigee bifa haaraan ijaaruu labsee naannochatti walitti bu'iinsi dhalate ittuma fufeera.

Raayyaa ittisaa fi garee mootummaan 'Finxaaleyyii' jechuun waamu gidduutti walitti bu'iinsi yeroo garaagaraatti mudatu naannocha rakkoo nageenyaa hamaaf saaxileera.

Rakkoon kun Godina Addaa Saba Oromoo keessattis kan mudatu yoo ta'u, bakka kanatti garuu walitti bu'iinsi irra jireessaan uummata waliin ta'uu jiraattonni yeroo garaagaraatti BBCtti himaa turan.

Raayyaan ittisaa naannocha keessa jiraatus haleellaan uummata nagaarratti raawwachuu hin dhiisne.

Akka jiraattonni jedhanitti haleellaa amma deemaa jiru keessattis Raayyaan Ittisaa humna isaan Faannoo jedhaniin kana irraa deebisuu hin dandeenye.

''Raayyaan ittisaa bakka hidhattoonni kunneen jiran hin taa'u. Fakkeenyaaf Haxaayyee fi Kaarra Qorii keessa imaluu hin dandeessu. Isaan garuu bakka rakkoo nageenyaa qabu akkanaa eeguu dhiisanii uummata keessa, bakka nagaa qabu jiraatu. Silaa bakka sana taa'ee akka namni nagaan socho'u gochuu qaba,'' jedhan jiraataan Aanaa Harxumaa Fuursee.

Hooggantoonni mootummaa sadarkaa aanaa hanga godinaatti jiranis rakkoo mudate kanaaf dhimmamanii furmaata barbaadaa hin jiran jechuun komatu.

Rakkoo Godina Addaa Saba Oromoo keessatti deemaa jiruu fi komii namootaa kana irratti yaada akka kennaniif bulchaa godinaa fi Hoogganaa Kominikeeshinii Aanaa Jiillee Dhummuugaa bira irra deddeebiin bilbillus argachuu hin dandeenye.