Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Naannoo Amaaraa bakkeewwan tokko tokkootti ‘walitti bu'insi cimaan’ eegalamuu jiraattoonni himan
Naannoo Amaaraa eddoowwan tokko tokkootti dhuma torban darbee irraa kaasee humna nageenyaa mootummaafi hidhattoota Faannoo jidduutti lolli deebiisee eegaluu jiraattoonni BBCn dubbise himan.
Eddoowwan Goojjam, Shawaa Kaabaa, Walloo Kaabaa fi Gondar tokko tokko keessatti walitti bu’insi cimaan jiraachuu fi daandiiwwan cufamuu jiraattoonni dubbatan.
Dhuma torban darbee irraa kaasee Mar’aawii, Kibba Caacaa, Quwaariiti, Kasalaa, Dagaa Daamooti, Antsokiyaa, Aanaa Gamzaa, gandoota Shawaa Roobiit, naannoo Laaliibalaatti argaman keessatti walitti bu’insi jiraachuun madden BBCtti himan.
Daandiin Dabra Birihaan irraa Dasee geessuu Samabata Guraandhala 24, 2024 irraa kaasee yeroo hin murtoofneef cufamuu komaandi poostiin Shawaa Kaabaa beeksiisee ture.
Komaandi poositichi kana kan dabarse, humnoota ‘‘finxaaleeyyii’’ jedheen irratti tarkaanfii fudhataa waan jiruuf namoota nagaa irra miidhaan akka hin qaqqabneef ta’uu ibseera.
Haaluma walfakkaatuun naannoo kibba Caacaatti raayyaan ittisa biyyaa sochaa’aa jiraachuu toora Feesbuukii isaarratti ibseera.
Itti dabaluudhaan miseensootaafi hoggantoota garee finxaaleeyyii jedheen irratti tarkaanfii fudhataa jiraachuu beeksiise.
Eddoowwan lolli ‘‘cimaan’’ keessatti gaggeeffameera jedhame keessaa tokko magaalaa Mar’aawii kan baatii Amajjii darbe keessa namoonni hedduun itti ajjeeffamuun gabaafame tokkodha.
Guraandhal 24, 2024 ammoo raayyaa ittisaa fi hidhattoota Faannoo jidduu walitti bu’insi sa’aatiiwwaniif ture gaggeeffamuu jiraataan maqaansaanii nageenyaaf jecha akka hin dhahamne gaafatan BBC Amaariffaatti himaniiru.
Walitti bu’insichis naannoolee waajiraaleen mootummaa argamanii ka’uudhaan gara sa’aatii lamaatiif gaggeeffamu jiraataan kun dabaluun himan.
Bodara humnootiin Faannoo magaalatii to’atanii kan turan ta’ulleen garuu kan magaalatii keessa turan sa’aatiiwwan qofaaf ture jedhan.
Hidhattoonni Faannoo magaalicha keessa bahan illeen sagaleen dhukaasaa dhagahamaa akka ture kan dubbatan jiraataan kun, namoonni nagaa ajjeeffamulleen eeraniiru.
Kanaan wal qabatees jiraattoonni yaadda’uun manaa bahaa akka hin jire kaasan.
Kana malees walitti bu’iinsa dhuma torban darbee eegale kanaan walqabatees daandiiwwan Mari’aawwiidha gara Baahir Daar akkasumas gara Finoota Salaam geessan Wiixata irraa kaasee cufamuun gabaafameera.
Bakka Mahaal Gannati jedhamtuuttis Sambata naannoo sa’aatii 4tti walitti bu’insi eegaluusaatiin wal qabate, jiraattoota keessaa namni du’uun alatti gootaaraa miidhaaniifi maneen jireenyaa gubachuu jiraattoonni himan.
Kana ilaalchisuun raayyaan ittisa biyyaa odeeffannoo toora miidiyaa hawaasaa isarratti tamsaaseen, ajajjaan waraanaa naannichatti bobbaafamee Koloneel Yimar Gabayyahun, ‘‘mana finxaaleeyyiin gubuu eegalan raayyaan saffiisaan qaqabuudhaan balleessee namaafi qabeenya oolcheera’’ jedhe.
Kana malees raayyaan ittisaa naannoo Mar’awiidhaa hanga Garcaciitti jiruurratti bobbaafamuun, ‘‘daandiiwwan cufaman saaqaa, danqaalee dhokaasaa fi kaan kaasaa’’ hidhattoota irratti tarkaanfii fudhachu ibseera.
Gama biraatiin ammo Sambata duraa irraa kaaseeShawaa kaabaatti daandiiwwan yeroo hin murtoofneef bakka itti cufameetti walitti bu’iinsii akka ture jiraattoonni dubbataniiru.
Godinichatti gandoota aanaa Antsookiyaa Gamzaatti argaman keessatti Dilabata Guraandhala 25, 2024 halkan keessa walitti bu’insii jiraachuu jiraattoonni dubbatan.
Akkasumas Waloo Kaabaatti kan argamtu naannoo magaala Laaliibalaattis walitti bu’insi humnoota nageenyaa mootummaafi hidhattoota Faannoo jidduu akka ture jiraattoonni BBCtti himan.
Walitti bu’iinsi buufata xiyyaara Laaliibalaan itti argamu ganda Shimshaa fi Dagoosaach kan jedhaman ganda Laastaatti wlaitti bau’iinsi gab jedhee kan ture Sambata cimee akka ture ibsameera.
Walitti bu’iinsa akka haaraatti ka’e kanaan walqabates nannichatti namoonni sochiirraa dhaabachuu kan himan jiraataan BBC dubbise tokko, gandoota naannoo Laallibalaatti argamaniitti socha’un akka hin danda’amne dubbatan.
Walakkeessa bara darbeetii kaasee murtee humna addaa naannoolee haalaa haaraatiin caaseechuufi hidhattoota nananoo Amaaraa hidhannoo hiikkachiisuuf darbe hordofuun hidhattoonni Faannoo naannoo Amaaraa eddoowwan garaa garaa keessa socha’am humnoota nageenyaa mootummaa waliin walitti bu’aa turunsaani ni yaadatama.
Kana malees qondaaltoota mootommaafi nageenyaa naannichaa irratti xiyyeeffachuun hidhattootaan ajjeechaan yeroo gargaagaraatti raawwatamaa akka ture gabaasuun kenya ni yaadatama.
Haalli nageenyaa naannichaa humna mootummaa naannichaatiin ol ta’usaattis mootummaan federaalaa jidduu akk galuuf gaafatamuun, labsiin yeroo muddamaa haaluma barbaachiseen biyyattii guutuutti hojiirra oolfamu naannichatti labsamuun humni raayyaa ittisaas naannichatti bobaafamee jira.
Walitti bu’iinsa hidhattoota naannicha keessa socha’aniifi humna nageenyaa mootummaa jidduutti yeroo garaagaraatti gaggeeffamuun sochiin idilee danqamuu, lubbuun namoota baduufi qabeenyaan barbadaa’u jiraattoonni ni kaasu.