Magaalaan Allaamaaxaa to'annoo Raayyaa Ittisaafi Poolisii Federaalaa jala jirti - Kantiibaa

Magaalaan Allaamaaxaa yeroo ammaa to’annoo raayyaa ittisaafi poolisii federaalaa jala seenuushee kantiibaan magaalattii Obbo Hayiluu Abarraa BBC’tti himan.

Torban darbe gaafa Sambataa eegalee itti dhiheenyaan bakkeewwan Raayyaa Allaamaaxaa walitti dhukaasuun itti dhagahamaa ture keessaa tokko magaalattii kana turte.

Bulchaan Aanaa Raayyaa Allaamaaxaa Obbo Mollaa Darribaw fi aangawoonni aanichaafi magaalattii biroo magaalicha gadhiisanii aanota Raayyaa biroo adeemuu ibsaniiru.

Bakkeewwan Naannoon Amaaraafi Tigraay kiyya jedhanii waldhaban keessaa tokko kan taate magaalattiin to’annoo humnoota federaalaa jala kan seente Wiixata ta'u kantiibaan dubbatan.

Dhukaasa gaafa Sambataa eegale kanaaf aangawoonni aanichaa humnoota Tigraay yoo himatan, qondaalonni gama Tigraay jiranis humnoota Amaaraatti quba qaban.

Aangawoonni Raayyaa Allaamaaxaa walitti bu’iinsa guyyootaaf itti fufeef humnoonni Tigraay ''kutaalee waraanaa bobbaasuu’’ isaanii dubbataniiru.

Humnoonni Tigraay bakkeewwan aanichaa kaan to’achaa gara magaalaa Allaamaaxaa dhihaachaa akka turan BBC’tti himanii turan.

Jiraattonni magaalaa Allaamaaxaa BBCn har’a dubbise, Wiixata waaree boodaa kaasee jiraattonni baayyeen aanichaafi magaalicha gadi dhiisanii bahuudhaan gara naannolee ollaatti baqachuusaanii dubbatan.

Eddoowwan naannichaa jiraattonni ‘‘itti baqataniiru’’ jedhaman keessaa tokko magaala Qobboo yoo ta’u, ittigaafatamaan magaalaa Qobboo tokkoos erga kaleessaatii qabee namoonni baayyeen gara magaalattii seenaa jiraachuu ibsan.

Dureewwan Aanaa Raayyaa Allaamaaxaa fi bulchiinsa magaalaa Allaamaaxaa, Wiixata irraa kaasee naannicha gadi dhiisanii bahuudhaan ammaan tana Qobbootti akka argaman Kantiibaan Allaamaaxaa Obbo Hayiluun dubbataniiru.

Kaleessarraa kaasee Magaalaa Allaamaaxaa to’atanii kan jiran raayyaa ittisa biyyaafii miseensoota poolisii federaalaa ta’usaanii kantiibichi beeksisaniiru.

‘‘Magaalaa Allaamaaxaa kan jiran raayyaa ittisaa fi poolisii federaalaati. Naannoonsaa garuu kan qabame hidhattoota Tigraayiin’’ kan jedhan Obbo Haayiluun, ‘‘keessa keessa magaalaa hidhattoonni Tigraay jiru’’ jechuun himatan.

“Erga eddoo to’atanii achiitii hojjechaa jirra miti’’ kan jedhan Obbo Haayiluun, naannoleen Raayyaa Allaamaaxaa erga naannoo Amaaraa jala ta’een booda, ittigaafatamtoonni caasaa mootuummaa hundaa’e keessa turan amma magaalicha bulchaa akka hin jirre ibsan.

Ajjeechaa bulchaa aanaa

Bulchaan Aanaa Raayaa Allaamaaxaa kan turan Obbo Mollaa Darribawuu fi namoota baay’ina isaanii hin ibsine kaan guyyaa kaleessaa ajjeefamuusaanii kantibichi dubbataniiru.

Obbo Mollaan kan du’an lola humnoota Tigraay waliin akka hin taane dubbatan.

‘‘Obbo Mollaan kan du’an haala TPLF waliin wal qabateen miti. Waan seerri qabateefu hanga qulqulleeffame waa jedhamutti homaa hin ibsu’’ jechuun sababii du’asaanii dubbachurra of qusatan.

Pirezidantiin bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay, Obbo Geetaachoo Raddaa kaleessa galgala karaa miidiyaa hawaasaa isaanitiin ergaa barreessaniin, haalli ‘‘Kibba Tigraayii fi bulchiinsota Tigraay qabamanii jiran kaan’’ keessa jiru walitti bu’iinsa mootummaa federaalaa fi bulchiinsa yeroo akkasumas naannoo Tigraayiifi naannoo Amaaraa jidduutti uumamee akka hin taane ibsaniiru.

Haalli naannichatti mul’ataa jiruuf ‘‘hojii diinota waliigalteen’’ Piritooriyaa hojiirra akka hin oollee barbaadanii ta’u barreeffamichaan ka’aniiru.

Duulli lolaa ‘‘qaamoolee farra waliigaltee Piritoriyaa ta’aniifi dhihoofi fagootti argaman’’ jiraatulleen daandii tokkichi garuu ‘‘nagaa fi marii’’ ta’u Obbo Geetaachoon ibsaniiru.

Paartiin Sochii Biyyaaleessaa Amaaraa (ABIN) gamasaatiin ibsa kaleessa baaseen, TPLF karaa Raayyaatiin ‘‘kallattiin haleellaa’’ banuudhaan weerara marsaa arfaffaa raawwateera jechuun himate.

Paartichi ibsa isaa kanaan, ‘‘mootummaan federaalaafi mootummaan naannoo Amaaraa weerara ummata keenyarratti raawwatamaa jiru atattamaan akka dhaabsisuuf cimsinee gaafanna’’ jedhe.

Ummanni Amaaraa bakka hundatti argamus raayyaa ittisa biyyaa waliin ta’udhaan haleellicha akka qolatuuf waamicha taasise.