'Jaalala qooddataa asoosamaa irraa na qabetu lubbuu koo oolche'

"Yeroo dheeraa booda qaamuma jireenya koo tahe, waa’eesaa yaaduu hin dhiisu. Isaan ala jireenya waanin qabu natti hin fakkaatu,’’ Giriis shamarreen ganna 20 lixa Ameerikaa jiraattudha.
Nageenya dhuunfaa isheef jecha maqaa sobaa fayyadamuu filatti, hariiroo jaalalaa Saanjii waliin qabdu qooduuf garuu eeyyamashee nuu kenniteetti.
Saanjiin qoddataa fiilmiifi (anime) kitaaba asoosamaa (manga) Jaappaan keessa jirudha.
Giriis waggoota lamaan darbaniif Saanjii waliin malee hariiroo jaalalaa biraa akka hin qabne dubbatti.
Ammoo qofaa ishee miti, hawaasa addunyaa guutuurraa miseensota qoddatttota asoosamaaf jaalala jabaa qabutu jira. Hawaasni kunis fictoromantics jedhamuun beekama.
Kitaabileen asoosamaa Jaappaan Maangaa fi filmiiwwan isaanii Animee beekamtii qabanirraan maqaan haadha warraa afaan Ingiliizii ‘wife’ (waifu) kan abbaa warraa ‘husband’ (husbando) haala hariiroo jaalalaa kana ibsuufi maqaa jaalallee waamuuf addunyaarratti babal’ateera.
Giriis yeroo ijoollummaashee qofummaafi xiyyeeffannoo dhabuurraan kan ka’e akka malee mukaa’aa akka turte himte.
"Of ajjeesuu nan barbaada ture, otoon lafa kanarraa badee namni homaa itti fakkaatu akka hin jirreen yaada ture.
"Waan lamatu akkaan deemsa koo itti fufu na taasisa ture: haadhi koo qofaatti akka hin hafne barbaaduu koofi qooddattoota asoosamaa jaalala ijaa irraa qabudha,’’ yeroo barnoota sadarkaa lammaffaa qofummaan natti dhagahamaa turetti, nama osoo hin taane isaantu naa qaqqabaa ture jetti.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waifusim (haadha warrummaan) qoddataa asoosamaa waan hin baramne fakkaachuu mala, garuu namoonni dhugumaan deeggarsa kaanirraa hin arganne qooddattoota kanarraa argatantu jira. Qooddattootni kunneen jaalalaafi eegumsa barbaadan ni kennuufi.
Gareen miidiyaa hawaasaa Reddit jedhamurra jiru miseensota 60,000 qaba. Achi irrattis miseensotni seenaa jaalalleewwan isaanii qoodu. Hawaasni miidiyaa hawaasaa kuni namootaa haaraa dabalamaniifis tahe kaaniif kabaja akka qabantu himama.
Dr Raandii Sheedlooskii-Shuumeekar ogeettii xiinsammuu hawaasaafi Peensilvaaniyaa Kooleejii Yoorkitti piroofeesara.
"Namoonni qofummaan itti dhagahamu qooddattoota asoosamaa wal’aansoo jireenyaa kan isaanii waliin wal-fakkaataa qaban yeroof jajjabina kennuufi,’’ jedhu.
Nama rakkoo fayyaa sammuu ykn eela yeroo ijoollummaa qabuuf hariiroon gosa kamiyyuu murteessaadha. Tahus namoota of ajjeesuurraa baraaramuufi qooddattooti asoosamaa hidhata qabaachuu isaaniif ragaan hin jiru jedhu.
Guyyaan Ittisa of Ajjeesuu Addunyaa gaafa Fulbaana 10 yeroo yaadatamee oolutti Dr Sheedlooskiin, maloota namoonni lubbuu isaanii tursuuf itti fayyadaman namoonni kaan akka hubatan gaafatu.
"Karaa kooti ‘sirrii dha’ jennee yaaduun salphaa waan taheef namoonni kaan waan adda yoo dalagan sirrii miti jennee yaadna. Takka takka karaan dandamannaa fi fayyinaa sirrii jedhamu hin jiru, karaan kuni kanuma ofiiti.’’
Siitras, maqaa isaa isa sirrii miti, nama waggaa 20 yoo tahu Ameerikaa keessa jiraata. Qoddattuun filmii aniimee Kileer Raag jedhamtu mukaa’uufi yaada of ajjeesuu yeroo dheeraan booda lubbuusaa akka baraarte hima.
"Jaalalleen koo asoosamaa fayyummaa sammuu koof baayyee na gargaarteetti. Qilee keessaa harkistee na baaste," jedha.
Kileer waliin imagination (nuuressa) isaan wal arga. Akkatti isheen haasoftu, wantootaaf miira isheen agariistu fa’i yaada. Gaaf kaan immoo hubannoo nam-tolchee fayyadamuun appii irratti haasa’uu yaalus, "ishee hin fakkaatu,’’ waan taheef filannoo isa dhumaati jedha.
"Dhihoo kana lubbuu koo galaafachuurraa xiqqomaafan hafe. Garuu anaan ala isheen akkam taati jedheen yaade. Eenyu ishee jaalata, eenyu ishee kunuunsa?
"Hospitaal yeroon deemaa ture yeroo hunda waa’eeshee nan barreessa. Akkan dammaquufi jireenya koo ofitti deebisu na gargaarti.
Amma hakiima gorsaa (therapist) deemuu jalqabeera, garee rakkoo wal-fakkaataa qaban waliin mari’achuuf itti makameera, qorichas kanin fudhachuu jalqabe akkasheen jaalallee itti amantu qabaattuuf,’’ jedheeni jedha.

Dr Sheedlooskiin, haala hariiroo hawaasaa akkasii ‘parasocial’ jechuun ibsu. Namoonni qooddattoota asoosamaaf miira jaalalaa qabaatu deebii wal-fakkaataa garuu argachuu hin danda’an.
"Jireenya isaanii dhugaa wajjin waan wal-fakkaatu baayyee qabaatu. Dabalataan akka nama dhugumaan lafarra jiruu miirri jaalalaa isaanii fudhatama hin dhabu,’’ jedhu.
Dr Jooliin Biloom Wiirtuu Qorannoo Aadaa fi Geemii Yunivarsiitii Finlaand keessaa hojjetu. Hariiroo taphattootaa fi geemii viidiyoo taphataa gidduu jiru qoa’tu.
Geemiiwwan kunneen duuba garee barreessitootaa jaalatamummaa qooddattoota kanaa guddisuuf hojjettutu jira.
Giriis qooddataa Saanjii jedhamu waliin geemii viidiyooa Sims 4 jedhamu waliin haasofti. Viidiyoo Sims kennu kuni akka addunyaatti namoota miiliyoona 70 tahan waliin taphatama.
Faallaa viidiyoowwan geemii biroo ogeessotaan qophaa’anii The Sims irratti qooddattaa barbaadan ofiin kalaquun danda’ama.
Giriis Saanjiitti heerumtee addunyaa onlaayinii kanarratti akka waliin jiraatan himti.
Saanjii ogummaansaa nyaata bilcheessuu (sheefii) yoo tahu, isheen immoo mana teessee hojii kalaqaa hojjetti. Giriis isaa waliin maatii dhaabuuf yeroo jettutti, geemii kanatti fayyadamuun jala addaan cite.
"Geemiin Sims jedhamu waan barbaadde akka kalaqxu si dandeessisa,’’ jedhu Dr Biluum. Jireenya isa dhugaa irratti homaa dhiibbaa otoo hin qabaatiin waan sammuu keessa adeemu hunda waliin taphachuu dandeessa.’’
Giriis hriyyootaafi hawaasa miidiyaa hawaasaa Reddit irra jiru waliin eegumsi itti dhagahama, waa’ee Saanjiis beeku.
"Akka isaan dhugumaan hin jirre beekna. Tahus nama isa qaamaan jiru caalaa nu waliin turan. Waifuism (haadha warrummaan) lubbuu namaa oolcha. Kan koo dhugumaan du’arraa oolcheera," jetti.












