Waan 'gammachuu nuu kennu' soomuun qaama keenyaaf faayidaa qabaa?

Madda suuraa, Getty images
Waggoota muraasaan dura ‘sooma dooppaaminii’ waan jedhamu indaastirii teeknoloji Ameerikaa kanneen akka Siliikoon Vaalii keessatti jalqabamee hordoftoota horateera.
Kaayyoon dooppaamiin lagachuu waantoota sammuu si'eessan garuu ammoo fayyaalessa hin taanerraa adda of baasuudha.
Kunis miidiyaa hawaasaafi meeshaalee elektirooniksii fayyadamuu lagachuu dabalata.
Yaadnisaa sammuun keenya yeroo gabaabaaf akka of haaressu carraa kennuufidha.
Kana gochuun ni hojjetaa? Saayinsiidhaan hoo waan deeggarameedhaa?
Jeems Siinkaan daldalaafi nama dooppaamiini soomu dha.
Akka inni jedhutti dooppaamiinii soomuun, ''Elektirooniksii gosa kamiyyuu fayyadamuu dhiisuu, nyaata lagachuu, namootatti haasa’uu dhiisuu.
Walumaagalatti gochaawwan jireenya ammayyaa keemikaalli dooppaamiinii sammuu keessatti akka gadhiifamu taasisan irraa of adda baasuudha.''
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Anaa Leembkeen ogeettii fayyaa sammuufi barreessituu kitaaba ‘Dopamine Nation’ jedhamuuti.
''Yeroo dooppaamiin lagattu, dooppaamiinii lagachaa jirta miti. Kan ati gochaa jirtu wantoota ykn amaloota dooppaaminiin akka badhaasaatti sammuu kee keessatti akka gadi-lakkifamu taasisan irraati of qusachaa jirta,’’ jetti.
Jeems amaleeffannaa dooppaaminii soomuu bara 2015tti akka jaqabe dubbata.
''Yeroon jalqabe hiriyoota koof waan hoodaa, bitaacha itti tahee ture. Kunis miidiyaa hawaasaa akka malee fayyadamuu akkasumas dooppaamiinii argachuun waan barame tahaa dhufuusaatiini,’’ jedha.
Namoonni ''waan haaraa fidde’’ yeroo isaan jedhan badaa akka hin dinqamne ibsa Jeemsi.
Addunyaa hanqina otoo hin taane tarfaasni itti heddummate keessatti gosti dhiphinaa haaraa dhufeera jetti Anaan.
''Akka malee burjaajessaa dha. Akka dhala namaatti waan barbaadaa turre arganne ofiin jenna. Jireenyi akkasitti salphateefi gaarii tahee hin beeku nu jechisiisa.
Haa tahu malee iddoon amma irra geenyee jirru, waanti harkaa qabnu hammuma baay’ate, gammachuun keenya hir’isaa adeema,’’ jetti
Sooma dooppaaminii?
Dooppaamiiniin keemikaala sammuu keenya keessatti oomishamuudha. Muuxannoo dhala namaa kanneen akka gammachuu, badhaafamuufi kaka’umsaaf murteessaadha.
''Hammuma dooppaamiiniin baayyee kutaa sammuu keenyaa toora badhaasaa’’ jedhamu keessatti gad-lakkifamu wantoota ykn muuxannoo gammachuu nuu kennu jennuun akka raawwannu caalaatti nu jajjabeessa,’’ jetti Anaan.
Waggoota 75 darbanitti abuurraan niwuroosaayinsii inni guddaan, kutaa sammuu keenyaa gammachuu xiinxalutu, dhukkubbiis akka xiinxalu baramuusaati. Fiixee madaalaa irra faallaa irraan ykn bitaa, mirgaan akka taa'anii hojjechuuti jechuun ibsiti.
''Fakkeenyaaf yoon mi’oofttuu kan akka chokkolaataa nyaadhe, keemikaalli dooppaaminii xiqqoo sammuu koo keessatti gadhiifama. Sammuu koo keessatti madaalli dhukkuubbii-gammachuu gara gammachuutti luucca’a,’’ jetti.
Akka Anaan jettutti battaluma sana sammuun keenyi hamma dooppaaminii sanatti of madaqsuutti ka’a.
Kanas hamma dooppaamiinii gadi lakkifamu sana to’achuun raawwata, kanas gama kutaa sammuu keenyaa dhukkubbii xiinxalu tahuun wal-maadaalchisuu yaala.
''Kunis niwuroonota sammuun hojjetama, gammachuufi dhukkubbiin kuni wal-madaalurra darbe hamma wal-qixxee tahutti adeemsi kuni itti fufa. Kunis fakkeenyaaf dhugaatii gammachuudhaan dhugaa bullee ganama dhukkubbi nutti dhagahamufaan mul’achuu danda’a,’’ jechuun ibsiti Anaan.
Jeems, ''injinarooti miidiyaa hawaasaa tajaajilota nuu kennan hunda keessatti dooppaaminiin sammuu keenya keessatti akka gadi-lakkifamu taasisu hamma danda’ame itti dabaluu isaanii haalaan mirkaneeffatu,’’ jedha.
Dhalli namaa kanaan dura nyaata akka ammaatti warshaa keessatti oomishame argee hin beeku, poornoograafii ykn viidiyoon saal-quunnamtii si’eessituu sammuu guddaa dha. ''Haashiishiinis akkasuma humna si’eessuu waggaa 50 fi 100 dura qaburraa amma harka kudhan caalaa fooyya’eera,’’ jedha.
Soomni dooppaaminii ani raawwachaa jirus dhimmoota kana gara duubaatii deebisuufi jedha.
Lagannaa dooppaaminii kana guyyaa tokkoof fa’iif akka raawwatu dubbata Jeems.
''Ganama gaafan ka’u waanti ofiif eeyyamu, callisaan of-dubbii taasisuu (meditate) gochuu, oolmaa guyyaa waraqaa irratti katabuu, bishaan dhuguu, lafoo adeemuu fi yaada yeelaluu fa’i, jedha.
Nama arguun hin jiru, miidiyaan hawaasaa hin jiru, kompiitarri hin jiru. Kanas waggaa keessatti kurmaana, kurmaanaani dalaga.
Si’eessituu naannoo keenya irraa of adda baasuun gochaa haaraa akka hin taane hima Jeemsi.
Namootni amantii Buudizimii hordofan kana, durii qabee raawwachaa turan.
Anaan, ''sammuun keenya gammachuu akka barbaaduufi dhukkubbii akka lagatutti kan caaseffame. Tahus caaseffamni kuni addunyaa hanqinniifi balaadhaan guutameef kan tolfamedha.''
Kana gama yaad-rimee jijjiirama tirannaatiin yoo ilaallee tarsiimoo akkaan gaarii tahedha jetti.
Sababiinsaa bara durii keessa nyaataafi bishaan barbaadaa hin ooltu taanaan ni duuta siin jedha sammuun kee, gaafa sana argattu keemikaala kana gadhiisuun hojii hojjetteef si badhaasa.
Haatahu malee caaseffamni kuni, ''addunyaa bibila ofii gara bitaafi mirgaa, oliifi gadii daddabrsuufi cuqaasuun saal-quunnamtii, baala sammuu si’eessu, viidiyoo geemiifi kaan sii fiduuf hin hojjetu,’’ jetti Anaan.
Bara kana sammuu keenya keessatti madaalliin gammachu-dhukkubii akka malee gara gammachuutti kan jige dha.
''Kanaaf jireenya keenya keessatti waan gaariin, gammachuun akka nutti dhagahamuuf waan cimaa gammachuu nuu kennu argachuu qabna jechuu dha,’’ jetti.
Kanaaf maal gochuu qabna? Silaa caaseffamni sammuu keenyaa, ''toorri badhaasaa’’ sammuu keenyaa hin geeddaramu.
Sababiinsaas caaseffamni ykn ''toorri badhaasaa sammuu,’’ suni waggoota miiliyoonaaf jijjiirama tirannaa keessa eegameetu tureera,’’ jetti.
''Toorri badhaasaa sammuu,’’ keenyaa uumamoota kaan waliin wal-fakkaataa dha.
''Si’eessituuwwan dooppaaminii nuu keennan lagachuu, callisaan of-dubbii taasisuu, oolmaa guyyaa katabuu keessa waanin bare tokko, waa’ee koo waan haaraa barachuudha.
''Yaadni naa dhufa, yaada hojii koo geeddaruu faa, waantoota dur dhiise fa’itti deebi’uu. Haala kanaan ofitti deebi’uu, of argachuu danda’eera,’’ jedha Jeemsi.
Shaakallii kanaan akka eenyummaansaa bilchaachaa dhufeefi irra deddeebiin soomuuf fedhii godhachaa akka dhufe dubbata.

Madda suuraa, Getty Images
Miidiyaa hawaasaa irraa of adda baasanii turuuniifi dooppaaminii lagachuun akka ilaalamuu hojii maraatuu akkasumas waan gochuuf akkaan rakkisaa tahe miti.
''Qofaa tahuu, nuffii keessa turuu fi yaada yeelaluu keessa sonniifi bu’aan baayokeemikaalaa, qaamaa fi jijjiirama tirannaa argamu jira,’’ jedha Jeems.
Anaanis akka jettutti waan gochuu qabnu tokko yoo jiraate sirnakkoo keenya geeddaruu dha.
''Dooppaamiin lagachuun toora badhaasaa,’’ sammuu keenyaaf boqonnaa keennaafi jetti.
Rakkoon garuu sooma ykn lagannaa kanaan booda yeroo jireenyatti deebinu maal goonaa kan jedhu dha.
Namoonni akkuma araada alkooliin qabaman, miidiyaa hawaasaa irraas akkasuma araadni hamaa isaan qabachuu danda’a jetti.
''Ani waggoota 20 darbaniitti namoota araada gosa kamiyyuu qaban lagannaa dooppaaminii adda tahe akka shaakalan gorseera,’’ jetti.
Waantota ykn muuxannoo gammachuu isaaniif kennan irraa cirumaa akka of qusatan otoo hin taane, amaleeffannaa ykn waanta isaan irraa rakkoo qaban akka adda baasanin gorsa jetti.
''Amaleeffannaa ykn waanta araada irraa qabdurraa guyyoota 30f of fageessi.
Guyyaan 30 maaliif yoo jenne ammoo, sammuun keenya madaalli dhukkubbii akkaan ol ka’eerraa gara madaallii gammachuu-dhukkubbii wal-qixa tahetti of deebisuuf guyyaa 30 gaafata,'' jechuun ibsiti.
Madaalliin gammachuu-dhukkubbii sammuu keenyaa dooppaaminii nuu kennuuf karaa dhukkubbiitiin haa dhufuu ykn kara gammachuutii dhimma hin qabu jetti.
''Kanaaf dooppaaminii keenya al-kallattiin, ispoortii hojjeechuun, bishaan qorraatiin dhiqachuu fa’in argachuu dandeenya jechuu dha. Kanas dhukkubsattoota araada kamiyyuu qabaniif nan gorsa,'' jetti Anaan.












