Bilbilli harka keenyarra jiru hangam akka sammuu keenya to’ate beektuu?

Dhiibbaa bilbila moobaayilaa

Baayyeen keenya yeroo nuti bilbila keenyarratti dabarsinu guddaa akka ta’e ni beekna. Sababa kanaanis akka balleessaa raawwanneetti miira keenyatti dhaga’ama.

Bilbila irraa fagaachuuf jecha namoonni bilbilasaanii balleessan, bilbilasaanii of jalaa dhoksan jiru. Bilbilarraa adda ba’uun garuu salphaa miti.

Wanti bilbila qofaan hojjetamu akka jiru isaanitti dhaga’amee namoonni battaluma deeebiyanii bilbilasaanii banu. Araadadha.

Nageenya maatii kan ittiin gaafatamu, ergaan buna dhugnaa kan ittiin darbu, kiraan manaa kan kaffalamu, yaadannoo kan irratti qabatan, ibsaa kan ittiin ibsatan, herrega kan ittiin shallagatan martinuu bilbilaan hojjeta.

Akkas taanaan bilbilarraa adda ba’anii yeroo dheeraaf turuun ni danda’amaa?

Ameerikaatti namoonni umurii ga’eessummaa keessa jiran guyyaatti giddu-galeessaan si’a 344 bilbila isaanii akka ilaalan qorannoon tokko eereera.

Kana jechuun garaagarummaa daqiiqaa afurii keessatti bilbilasaanii kaasu jechuudha.

Guyyaatti bilbilarratti saatii sadii kan ta’u dabarsu.

Iimeelii ilaaluuf ykn miidiyaa hawaasaa fayyadamuuf bilbila keenya kaasnee booda deebisnee kaa’uun nutti ulfaata.

Wanti kun maraammartoo karaa ittiin keessaa ba’an hin qabnedha.

Hanguma faayidaa bilbilli nuuf qabu baayyataa deemu saatiin bilbilarratti dabarsinu dheerata.

Yeroo nuti bilbilarratti dabarsinu hanguma dabalaa deemeenis faayidaa bilbilli kennus ni baayyata.

Miidiyaan hawaasaa sochiiwwan jiraniif ‘barbaachisaa’ ta’uun dhiibbaa inni sammuu keenyarratti fidu qorattoota ni yaaddessa.

Fedhiin bilbila irra deddeebiyanii ilaaluu dhiibbaa hin taane akka qabu qorannoowwan ni mul’isu.

Yeroo tokkotti wantota baayyee raawwachuuf yaaluun ofii isaatiiniyyu bu’a-qabeessummaafi dandeettii yaadachuu jeeqa.

Kanaaf fakkeenyi hamaan, osoo konkolaataa oofanii bilbila fayyadamuudha.

Ergaa barreeffamaa ilaaluu baatanillee bilbilaan haasa’aa deemuun mataan isaayyu miidhaa akka qabu qorannoowwan ni mul’isu.

Sagalee ergaa bareeffamaa yeroo dhaga’an namoonni hojii isaaniirraa gufatan xiqqaa miti.

Bilbila fayyadamuu qofa osoo hin taane, bilbilli jiraachuun mataan isaayyuu yaada keenyarratti dhiibbaa akka qabu kan himan hedduudha.

Namoota bilbila moobaayilaa fayyadamaa jiran

Madda suuraa, Getty Images

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Qorannoon tokko yeroo gaggeeffamu namoonni qorannicha keessatti hirmaatan bilbilasaanii bakka arguu danda’an ykn bakka dhokataa akka kaa’an gaafataman.

Hirmaattonni kunneen gaaffiiwwan gara garaa akka deebisan taasifame. Caalaa bu’a-qabeessa ta’anii kan argaman hirmaattota warra bilbilasaanii bakka arguu hin dandeenye kaa’anidha.

Bilbilli nutti dhiyoo yoo jiraate sammuun sirriitti akka hin yaadne taasisa. Bilbilli dhiyoo yoo ta’e, ilaaluu akka qabnu sammuun keenya ergaa dabarsa.

Qorattoonni furmaatadha kan jedhan, bilbila kutaa keessa jirruun ala gochuudha.

Gama biraatiin ammoo jireenyi bilbilarratti hundaa’e bu’a-qabeessadha jedhanii kan falmanis hin dhiban.

Bilbilli wanta daganne akka yaadannuuf nu gargaara.

Fakkii geengoowwan keessatti walitti qabaman ilaalanii geengoowwan garee tokkotti fo’anii akka adda baasan namoota gaafataman keessaa bu’aa foyyaa’aa kanneen galmeessan warra bilbilsaaniitiin gargaaraman akka ta’e qorannoon tokko ni mul’isa.

Akkaataa sammuun ittiin odeeffannoo kuufatu, akkaataa odeeffannoo tokko isa kaanirraa adda baasee ittiin dabarsu akka foooyyeessu qorattoonni hubataniiru.

Rakkoon garuu bilbillisaanii isaan cinaa hin jiru taanaan ofii isaaniitiin wantoota yaadachuu dhabuu isaaniiti.

Walitti dhufeenyi bilbila waliin qabnu sammuu keenyarratti dhiibbaa inni qabu sirriitti beekuuf qorannoo waggootaaf gaggeessuu feesisa.

Ofiin murteessuu, yaaduu, qalbifachuu/yaadachuufi dandeettiiwwan sammuu biroo irratti dhiibbaa akkamii akka qabaatu kan beekamu waggootaan booda ta’a.

Daavid Roobsan dhimma kanarratti kitaaba maxxansiiseera.

Osoo bilbila irra deddeebinee hin ilaaliin hojii tokkorratti qalbifachuu karaa ittiin dandeenyu gabbifachuu akka dandeenyu ibsa.

Namoonni osoon bilbila hin ilaaluun turuu hin danda’u jedhanii namoonni of amansiisan yeroo of to’achuu dadhabanii rakkatanitti, faallaa isaaniitiin ammoo namoonni f jabeessan bilbila maolee yeroo dheeraaf akka turan dubbatu.

Bilbila kutaa biro keessa tursiisanii of shaakalchiisuu, sammuun gargaarsa bilbila amalee humna akka qabu of amansiisuufi bilbila ilaaluu yeroo nu feesisu of dagachiisuu furmaata hanga tokkodha.