Iloon Mask waligaltee doolaara bil. 44n Tiwitarii bituuf ture haqe

Madda suuraa, Getty Images
Iloon Mask miidiyaa hawaasummaa Tiwiitarii doolara biliyoona 44’n bituuf waligaltee deemsisaa ture, sababa qabxiileen waliigaltichaa hedduun hin kabajamne jedhuun haqeera.
Dureesssi addunyaa kun Eebla keessa erga Tiwiitarii bituuf murteessee booda, adeemsa dheeraa ture keessatti beeksisni kun jijjiirama isa haaraadha.
Aab Mask akka jedhetti waligalticha kan haqe Tiwiitarri lakkoofsa akkaawontiiwwan sobaa irratti odeeffannoo ga’aa waan hin kennineefidha.
Tiwiitarri gama isaan waligalticha mirkaneessuuf tarkaanfii seeraa fudhachuuf karoora akka qabu ibseera.
"Boordiin Tiwiitarii dhimmoota fi kaffaltii Aab Maskii waliin irratti waliigalame mirkaneesse xumuruuf kutateera,” jechuun hogganaan Tiwiitar Bireet Taaylor fuula Tiwiitaraa isaa irratti barreeseera.
Kun ammo qaamolee lamaan gidduutti lolli seeraa walxaxaa fi dheeraa akka uumamu gochuu mala.
Waligaltee isa jalqabaa keessaa, yoo waligalteen cabe kaffaltiin doolara biiliyoona 1 akka jiraatu qabxiin eeru jira.
Falmii akkawuntii Sobaa
Caamsaa keessa, Aab Mask waligaltichi ‘yeroof addaan citeera’ jechuun, lakkoofsa akkawontiiwwan sobaa Tiwiitarii irratti odeeffannoo eegaa akka jiru ibsee ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Daldalaan biiliyeenara ta’e kun, isa dhaabbatichi akkaawontiiwwan sobaa fi kan fayyadamtota sirri hin qabne (bot) %5 qofa ta’u jedhuuf ragaa akka dhiyeessu gaafatee ture.
Abukaatoon Aab Maski odeeffannoo kana tiwiitariin dhiyeessuu hin dandeenye ykn dideera jedheera.
"Takka takka Tiwiitarri gaaffii Aab Maskiif deebii hin kennu, sababa fudhatamummaa hin qabneef jecha dide, takka takka ammoo tole kan jedhu fakkaatee odeeffannoo gutuu hin taanee fi bu’aa hin qabne kennaa tureera,” jedha abukaatoon kun.
Akkuntiiwwan sobaa (spam) kan umaman odeeffannoo namoota hedduutti raabsuufi akkamiin akka miidiyicha fayyadaman irratti dhiibbaa uumuufidha.
Kamisa irratti, Tiwiitarri akkawuuntiwwan akkanaa gara miiliyoona tokko ta’an guyya guyyaan akka haqu ibseera.
Aab Mask akkawuntiiwwan sobaa (spam ykn bot) kun fayyadamtoota Tiwitarii keessaa %20 ta’u jedhe amana.
Erga Iloon Mask waligalticha haquu akka fedhu beeksisee booda sheeriin Tiwitara gabaa irratti %7’n kufeera.
Nama dureessa addunyaa kan jedhamu Iloon Maski, hundeessaa dhaabbata rookkeetti SpaceX fi hogganaa dhabbata konkolaataa elektirikiii Tesla jedhamudha.
Ani ‘deeggara walabummaa yaadaati’ jedhee kan of waamu Iloon Mask yeroo dhabbaticha bitu, seera gulaallii Tiwiitarii akka salphisu waadaa seenee ture.
Yeroo dheeraaf Tiwiitarri akkaawuntiiwwan akka kan pireezidantii duraanii US Doonald Tiraamp haquu isaas qeeqaa tureera.












