Waraanni Sudaan Kaartum guutummaan to'achu beeksiise

Jenaraal Abudl Fattaa al Burhaan

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Jenaraal Abudl Fattaa al Burhaan

Hogganaan waraanaa Sudaan, Jenaraal Abdal Fattaah Al-Burhaan, waraannii isaanii buufata xiyyaaraa idil-addunyaa magaala Kaartuumiitti argamu erga garee Humnoota Deeggarsa Saffisaa (SRF) harkaa dhunfataniin booda, masaraa pirezdaantii Kaartuum daawwatan.

Bakka sanatti loltoota gammachuudhaan gutamanii, mallattoo aangoo guutuu fi miira olaantummaa guddaa ta'e, Burhaan magaalaa guddoo kana Humnoota Deeggarsa Saffisaa waraana irraa "bilisa" jechuun labseera.

"Kaartuum bilisa, raawwatameera" jedhan.

Waraanni Sunda erga waggoota lamaan dura jalqabee booda Burhaan masaraa pirezidaantii keessa yeroo jalqabaaf miila galfachuusaati jedhamee amanama.

Wal waraanni biyyattii keessatti akkuma egaleen Humnoota Deeggarsa Saffisaa magaalattii kan to'atee ture yoo ta'u, mootummaan waraanaan durfamu teessoo isaa magaalaa buufata Sudaan kan Galaana Diimaa cinaatti naanneessuuf dirqamee ture.

Kanaan durasa ajajjan waraanaa tokko loltoonni isaanii buufata xiyyaraa gutummaa guutuutti to'achuusaaniifi kan isaan hafe loltoota Humnoota Deeggarsa Saffisaa bakka bakkatti harca'an qulleessuu akka ta'e BBCtti himanii ture.

Waraanni kun erga guyyaa Jimaataa masaraa Pirezidantii deebiisee to'achuun dhaabbilee mootummaa harka Humnoota Deeggarsa Saffisaa turan kaanis erga gadhiisiiseen booda to'annoo magaalattii keessatti qabu bal'ifachaa dhufe.

Waraanni Sudanaa erga Ebla 2023 eegalamee as Humnoota Deeggarsa Saffisaa irra caalaa magaalaa guddoo biyyattii Kaartuum to'atanii ture.

Wal waraana tureen waliigalatti namoonni muka dhibbaan lakka'aman kan ajjeeffaman yoo ta'u, kanneen miliyoonaan lakkaa'ama qe'esaaniirra buqqaafamuun baqachuuf dirqamaniiru.

Dubbii himaan waraanichaa dabalataanis waraanni isaanii riqicha laga Naayilii irratti magaalota sadan Kaartuum Guddittii walitti hidhu dabalatee, kaampii waraanaa Jebel Awliyaa, bakka cimaa garee kanaa kibba Kaartuum keessatti argamu fa'is deebi'anii qabachuu isaanii ibsaniiru

Jiraattonni torban loltoonni RSF gara kibbaa, gara kaampii waraanaa Jebel Awliyaa fakkaatuutti, karaa ba'uu tokkicha isaaniif hafeen booddeetti deebii'aa akka turan himan.

Suuraan dirooniin kaafamanii fi waraanichaan gadhiifamanis namoonni riqicha hidha achi jiru irra qaxxaamuraa akka turan agarsiisa. BBC'n eenyu akka ta'an garuu addatti mirkaneessuu hin dandeenye, waraanni garuu loltoota RSF Kaartuumii baqatan ta'uu ibseera.

Kaarsaa magaala Kaartuum
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Viidiyoonni miidiyaa hawaasaa irratti maxxanfaman jiraattooonni jiduugala Kaartuum keessa jiraatan tokko tokko tarkaanfii waraanni biyyatti magaalattii dhuunfachuun RSF ari'achuusaatti raayyaa ittisa biyyaaf kabajan agarsiisu turan.

Jiraattoonni magaalattii gadhiisanii bahuu hin barbaaddee ykn kan hin dandeenye humnoota RSFn saamiichi akka irratti raawwatame gabaafameera.

Magaalaam Kaartuum bakkeewwan gabaa sababii saamamaniifi gareewwan lamaaniinu deeggarsi akka hin gallee waan dhorkameef dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii Sudaan biyya beelli hamaan mudachuuf jira jedheen keessaa tokkodha.

Dhaabbileen mirgaaf falaman miidhaawwan saala bu'urreeffataniif kaan galmeessaniiru. Humnoota Deeggarsa Saffisaa fi waraanni biyyattii garaa garummaa tokko malee bakkeewwan jireenya namoota nagaa irratti haleellaa qilleensaa raawwatu jedhamuun himataman.

Jaqaba torban kanaarratti humni qilleensaa biyyattii haleellaa lafa gabaa irratti raawwateen namoonni nagaa hedduun ajjeeffamu kanneen ijaan aragn dubbataniiru.

Kaartuum deebiise to'achuun waraana biyyaatiif injifannoo olaanaa yoo ta'u, waraanicha keessattis faayidaa tarsimoowaa qabaachu danda'a jedhameera.

Humnoota Deeggarsa Saffisaa ammaan kana naannoo Daarfuur kan lixa Sudaaniitti argamu guutummaan kan to'atu yoo ta'u, wal waraansi biyyattii keessatti gaggeeffamu ammalleen ganaa hin xumuramne.

Gareewwan wal waraana lamaanuu kan humnoota alaatiin deeggaraman yoo ta'an, meeshaalee waraanaas kallattiiwwan garaa garaa irraa argatu.

Yaaliiwwan idil-addunyaa biyyattii keessatti nageenya waaraa buusuuf taasifamu hanga amaatti hin milkoofne.