Taateewwan ijoo shan waraana Sudaan dhiheenya keessatti mudatan

Waraanni Sudaan naannoolee murteessoo magaalaa guddoo biyyattii, Kaartuum, harka gareen Humnoota Deeggarsa Saffiisaa (RSF) kanneen mootummaa UN'n beekamtii qabu diiguu barbaadu harkaa deebisee to'ateera.
Guyyaa Jimaata darbe loltoonni waraana biyyattii jiidduugala magalaatiitti seensa masaraa pirezidantii fuuldura bakka madaa lolaatiin marfametti gammachuu guddaan oofee suuraa ka'aa turan.
Lolli Sudaan keessaa kunis baatii Ebla bara 2023 kan ka'e yoo ta'u, RSFn buufataalee Humnoota Waraanaa Sudaan (SAF) guutuu Sudaan keessatti argamamu irratti haleellaa banuun kutaalee ijoo magaalaa guddoofi buufata xiyyaaraa dabalatee, naannoo bal'aa qabate.

Sababii waraanaa kanaatinis namoonni kuma kudhanii lakkaa'aman lubbuusaanii kan dhaban yoo ta'u, miiliyoonaan kan lakkaa'aman manasaanii dhiisanii baqachuuf dirqamaniiru. Hedduun ammoo beela hamaa kan dhaabbanni Biyyoota Gamtoman rakkoo cimaa namoommaa jechuun ibse mudateera.
BBC Verify suuraaleefi viidiyoowwan tibba waraanaatti yeroo baayyee loltoota gama lamaanitii maxxanfamaa turan xinxaleera.
Haleellaan magaalaa guddoo kana deebisee qabachuuf godhame ciminaan kan jalqabe Fulbaana 26 yeroo waraanni naannoolee RSFn qabaman Kaartuum keessatti haleellaa qilleensaa bane.
Sana booda baatii Amajjii keessa, jalqaba waqtii bonaatti lolli waraanni haaraan, gamtaa haaraan garee Islaamummaa fi milishoota sabaa wajjin uume jabaatee, injifannoo tarsiimoo walitti fufiinsaa galmeesse.
Viidiyoo fi suuraalee taatee ijoo yeroo magaalattii deebi'anii fudhachuu keessatti argaman adda baasneerra.
Amajjii 25 - Marfama keessaa cabsanii bahuu
Waajjirri muummee waraanaa giddugala Kaartuum ji'oota 21'f humnoota RSFn marfamee kan ture yoo ta'u, loltoonni kutaalee waraanaa biroo magaalattii cufaman waliin walitti dhufeenya uumuu hin dandeenye kiyyootti galcheera.
Sana booda dhuma baatii Amajjii keessa, tarkaanfii waraanaa gara kaabaatti taasise hordofee, waraanni kun sararawwan RSF cabsuun marfama ture xumuruuf humna dabalataa erguu danda'e.
Viidiyoowwan miidiyaa hawaasaa mirkanaa'an kan Amajjii 25 irratti maxxanfame yeroo loltoonni mooraa waajjira mummee raayyaa ittisa biyyaa keessatti gammachusaanii ibsataa jiran agarsiisa.

Guyyaa itti aanutti hogganaan raayyaa ittisa biyyaa Jeneraal Abdal Fataah al-Burhaan,wayita Waajjira Mummee waraanaa dowwataniitti, humnoonni isaanii humnoota RSF "barbadeessuudhaan" hanga daangaa biyyattiitti ari'na jedhan.
Guraandha 6 - Karaa RSF ittiin baqatan cufuu
Loltoonni RSF hedduun dhiibbaan bakka isaan qabatan irratti waan dabalaa dhufeef guutuu Laga Waayiti Naayiil gadhiisuudhaan gara naannoo nageenya qabu kan gama lixaatti baqachyy yaalaa jira.
Haleellaa qilleensaa SAFn riqicha guddaa laga kana ce'u irratti raawwachuu isaa gabaafame hordofuun daandii ittiin miliquu danda'an cufameera.
Maxxansi viidiyoo Guraandhala 6 akka agarsiisutti, bakki qaxxaamuraa hidha Jebel Awliyaa jedhamu kun gara kibba Kaartuum irraa gara km 40 fagaatee kan argamu yoo ta'u, konkolaattota haalaan miidhamaniin cufamanin, fageenya irraa aarri gurraachi ol ka'ee ni mul'ata.

BBC Verify suuraa saatalaayitii fayyadamuun bakka suuraan kun itti argamu mirkaneessuu danda'een riqicha gubbaarratti aarri gurraachi ol ka'aa ni mul'ata.
Bitooteessa 3 - Riqicha ijoo to'achuu
Humnoonni waraanaa Kaartuumitti dhiyaatan Riqicha Maanshiyaa, qaxxaamuraa guddaa isa dhumaa to'annoo RSF jala jiru to'achuuf yaalan.
Bitooeessa 3, SAF suuraa diroonii lola riqicha to'achuuf godhame irraa maxxanseera.
Isa keessatti waraanni konkolaataa RSF fi loltoota baqachuuf yaalan irratti xiyyeeffatee arguu dandeenya. Konkolaataan fe'umsaa dhiiroota muraasa fe'ee fi kaan immoo kan cinaadhaan fiigaa jiru, riqicha irratti yeroo haleelameetti ibiddi itti qabatee ol ba'uu mul'ata.

Waraabbiin diroonii biraatiin ammoo yeroo dhiironni hedduun biqiltoota keessaa gara riqicha kanaatti fiigan agarsiisa.
Guyyoota itti aanuutti ammoo, waraanni biyyatti riqicha irratti ejjennoo isaa cimfachuudhaan loltoota RSF naannoo sana keessatti qabaman akka hin baane itti cufuu danda'an.
Bitooteessa 16 - Jidduugala Kaartum irratti cufuu
BBC Verify waraabbii diraamaa fakkaatu kan gaafa Bitooteessa 16 maxxanfame, kan yeroo waraanni Sudaan kanneen loltuu RSF fakkaatan waliin osoo wal lolaa jiranuu, loltoonni SAF wayita baqataniitti waraanni Sudaan ammoo gara giddugala magaalattiitti tarkaanfataa jiran adda baaseera.
Daandii aspaaltii irratti, mootar saayikiliin saffisaan deemaa jiru tokko rasaasaan rukutamuudhaan akkuma tasaatti garagalee nama oofaa ture ofiirraa darbate.
Dhiiroonni dhukaasicha banan, kanneen uffanni isaanii kan waraanaa ta'un adda baahuu fi kan mataatti waan halluu keelloo qabu hidhatan, viidiyicha irratti yoo haleellaa kana hordofee baga gammaddan yoo jedhu dhaga'ama.

Gamoowwanii fi mukkeen viidiyoo sanarratti arginu suuraa saatalaayitii wajjin walsimsiisuudhaan, taatee kun akka bakka masaraa pirezidantichaa irraa gara kibbaatti gara km 2 (maayilsii 1.2) fagaatee argamutti raawwatame mirkaneessineerra.
Bitootessa 20 - Masaraa pirezidantii dhunfachuu
Waraabbii viidiyoo yoo waraanni konkolaattota marasaa pirezidantii irraa baqachuun daandii 'al-Qasr Avenue' irra imalaa turan irratti haleellaan raawwatamu, kan Bitooteessa 20 ganama barii toora interneetii irratti maxxanfame adda baasneerra.
Waraabbiin kunis ibiddi guddaan ka'ee kan agarsiisu yoo ta'u, dhohinsi hedduu fi dhukaasniwwan ibidda keessaan darbuun tarii boombiiwwan konkolaatoota kanneen irratti fe'amanii imalaa turan ta'u akka hin ollee agarsiiseera.
Viidiyoon haasaa sagalee afaan Arabaatiin dubbatamuun dabaalame kunis, haleellaa sun kan konkolaattota RSF meeshaa waraanaa qaban irratti raawwatame ta'u ibsu waliin kan dhiyaatedha.

Bakki kunis suuraalee gamoo lama taatee kanarratti mul'atan irratti hundaa'uudhaan, Google Maps irraa gamoowwan kunneen masaraa pirezidantii irraa gara km 1 ol bakka fagaatee argamu waliin walsimudhaan, bakka taateen kun itti mudate adda baasuu dandeenyeera.
Sa'aatii muraasa booda ammoo, loltoonni waraana Sudaan gammachuun guutaman gamoo masaraa fuulduratti walitti qabamuudhaan suuraa ka'anii, harka isaanii injifannoodhaan ol kaasanii mul'ataa turan.
Humnootiin RSF ammallee kutaalee magaalattii hedduu akkasumas naannoo bal'aa lixa Sudaan to'atanii argamu. Haata'u malee, lolli waraana biyyattiitiin masaraa mootummaa deebiisanii qabachuudhaaf taasifame waldhabdee kana keessatti yeroo fakkeenya guddaadha.












