Waraanni Sudaan masaaraa mootummaa deebisee to'achuun lola biyyattii keessatti deemaa jiru ni jijjiiraa?

Humna Waraana Sudaan

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Loltoonni Humna Waraanaa Sudaan masaraa mootummaa deebisanii yeroo to'atan gammachuu ibsataa osoo jiranii

Ji'oota muraasaa as humni waraana Sudaan haleellaa cimaa gaggeessun Humna Addaa (RSF) irraa baqqeewwan qabatamanii turan deeffataa jira.

Magaalaa guddoo kan taate Kaartuum deeffachuuf waggoota lamaan darban lolarra ture. Guyyaa kaleessaa, Bitootessa 21, lola gaggeeffameen masaraa mootummaa magaalattii keessatti argamu harka RSF baafatanii gammachuu guddaa ibsataa oolan.

Humni waraana biyyattii masaraa mootummaa deebisee to'achuunsaa mallattoo birmadummaafi aangoo akka waan harkatti deeffateetti ilaalama. Garuummoo waraana kana mo'achuun ammayyuu deemsa dheeratu hafa.

Guutummaa Sudaan harka jala galfachuun haa hafuutii, magaalaa Kaartuum harka humnoota RFS baasanii guutummaan to'achuuyyuu hin dandeenye.

Amma humni waraana biyyattii humnoota RSF bakkeewwan ijoo magaalaa Kaartuum keessatti argaman kanneen akka masaraa mootummaa, biroo giddu galeessa humna waraanaa fi gamoowwan mootummaa keessaa baasun hanga giddu gala magaalaattiitti fulla'uun to'ateera.

Kana jechuun humnooni RSF ammayyuu magaalattii keessa jiraatanis akka kana duraa magaalaa Kaartuum olaantummaan to'achaa hin jiru jechuudha.

Humnoonni RSF ammayyuu bakkeewwan akka buufata xayyaaraa fa'aa qubatanii waan jiraniif lolli ijibbaachisaan gaggeeffamuun ittuma fufuun waan hin oolledha.

RSF bakkeewwan ijoo magaalattii keessa jiran keessaa humnaan baafamus ammayyuu haleellaa gaggeessuu akka danda'u kaleessa mirkaneessera. Haleellaa diroonii masaraa mootummaarratti gaggeessen qondaalota waraanafi gaazexeessitoota Sudaan heddu ajjeesera.

Magaalaa Kaartuum guutummaan kan dhuunfate egeree biyyattii humnoota wal-lolan lamaan gidduutti danqamee jiru kan murteessu ta'a.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Humni Addaa (RSF) Jeneraal Mohaammad Hamdaan Dagaalodhaan durfamu Daarfuriifi kibba biyyattii hamma tokko to'atee jira.

Humni Waraanaa Sudaan Jeneraal Abdul Fattaah al-Burhaanin gaggeeffamu ammoo Baha Sudaanifi Kaaba Sudaan to'atee jira.

Ebla 2023 lamaansaanii gidduutti waraanni osoo hin eegalin dura waliin ta'uun fonqolcha mootummaa gaggeessanii turan.

Humni waraanaa magaalaa Kaartuum guutummaatti to'ata taanan, giddu galeessa biyyattii deebisee dhuunfachuuf carraa guddaa banaaf. Yeroo dhiyoo as giddu galeessatti humnoota RSF irratti milkaa'aa jira waan ta'eef.

Gama biraan ammoo giddu galeessa qofa osoo hin taane Daarfuur keessattis humnoota Hamdaan Dagaaloo irratti dhiibbaa gochuu mala.

Sudaan bakka lamatti bahuu dandeessi sodaan jedhus jira. Sababni isaa keessumaa Daarfuur keessatti, magaalaa Elfaashaariin alatti guutummaan harka RSF jirti waan ta'eef.

Humni Addaa (RSF) naannoo ofii to'atutti mootummaa of danda'e (parallel government) hundeessuf hojjataa jira.

Ji'a darbe magaalaa guddoo Keeniyaa Naayiroobitti wal-gahuun gareewwan RSF gareewwan isa deeggaran heddu walitti qabuun mootummaa hundeessuf chaartara mootummaafi heera qopheessuu beeksisee ture.

RSF dirree waraanatti bakka heddutti rakkoon isa mudatus biyyattii dhuunfachuuf amayyuu humna fedhii qabu agarsiisuf mootummaa hundeessuu akka barbaade himu xinxaaltonni.

Haala Sudaan keessa jiru Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii yoo ibsu: "rakkoo namoomaa akka addunyaatti balaafamaa ta'e" jedhe.

Akka gabaasa UNtti lammiilen biyyattii miliyeena 12 qe'eesaanirraa yoo buqqa'a, miliyeenan kan lakkaa'aman hanqina nyaataa hamaaf saaxilamaniiru.

Bakkeewwan biyyattii kaan ammoo beelaa hamaaf saaxilamaniiru. Magaalaan Kaartuum sadarkaa beelli mudachuurra akka gahetu himama. Kuni ammoo humnoonni RSF saamicha gaggeessaniifi deeggarsi namoomaa akka hin qaqqabne dhorkuurraa kan ka'eedha.

Kanaaf, magaalaa Kaartuum to'achuun deeggarsa namoomarratti jijjiiramni akka jiraatu gochuu mala.

Gareen lachuu deeggarsa namoomaa dhorkuufi akka meeshaa waraanatti itti fayyadamuutti himatamu.

Lamaansaanituu yakka waraanaa raawwachuusaanii ibsa UN. Haa ta'u gareen RSF gudeeddifi duguuggaa sanyii raawwachuun caalmatti himatama.