Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Yunaayitid akkasitti itti fufnaan hojii gadhiisuu akka malu Amoriim dubbate
Leenjisaan Maanchister Yunaayitiid Ruuben Amoriim gahumsa Maanchister Yunaayitiid liigicha keessatti agarsiisee itti fufa taanaan leenjisummaa garee kanaa akka dhiisuu malu beeksise.
Yunaayitid Dilbata kaleessaa garee taphoota saddeet darban injifannoo tokkollee hin argannee Weestihaamiin dirreessaa Oldii Tiraafoorditti 2-0n injifatame. Kunis bara dorgommii seenaa Yunaayitiid keessatti isa hamaa ta'ee galmaa'e ittii hammeesseera.
Mo'atamuusaa hordofee Yunaayitid qabxii 39n sadarkaa 16ffaarra jira.
Hegereesaarratti gaaffii akka gaafachuu eegale kan himu Amoriim, ''miiraa nuti kilaba guddaadha jedhu dhabaa jirra. Dirree ofiitti mo'atamuun dhuma baraati.
''Akka Manchister Yunaayitiditti mo'atamuu hin sodaannu yoo ta'e, homaa nutti hin fakkaatu taanaan rakkoo guddaan kilaba guddaa mudatuu kanaa ol hin jiru'' jedhe.
Amajjii 26 booda Yunaayitid gareelee lama amma liigicha keessaa bu'uu isaanii mirkaneessan Leesteriifi Ipiswiich Taawun qofa mo'achuu danda'e.
Seenaa liigichaa keessatti bara tokko malee akka kana tapha walitti aanu torbaaf injifannoo malee imalees hin beeku.
''Namni marti waayee xumura Awurooppaa Liig yaadaa jira. Taphni xumuraa sun waan guddaa miti. Haala isa caala guddaa ta'e keessa jirra.
''Waayee koon dubbachaa jira, waayee aadaa kilabichaan dubbachaa jira. Aadaa garee kanaa. Isa jijiiruu qabna.''
Barri dhufu isa akka kanaa ta'uu waan hin qabneef ''jabaachuufi goota ta'uu qabna'' jedhe Amoriim.
''Ammas akkuma kanatti eegalla(bara dhufu) yoo ta'e, miirri kun ni jaraata yoo ta'e, iddicha namoota biroof lakkisuu qabna.''
Haala amma jiruun qabxiin Yunaayitiid isa bara 1930-31 liigicha keessaa bu'aaniin booda qabxii hamaa kilabichaati.
Qabxii amma qabuun kilaboota sadan bu'uu isaanii mirkaneesaniin alatti Totenhaam qofatu isaa gad jira. Totenhaam waliin ammoo Awurooppaa Liig irratti waancaaf morkatu.
Amoriim haala amma itti jiraniin qaana'uu dubbateera. Bilbaawootti tapha xumuraa godhamuun milkaahes milkaahuu baates akkuma Raanginiik bara leenjisummaasaa jedhe kilabicha waldhaansa baqaqsanii yaaluu barbaada. Ta'uu baannaan hojiisaa akka lakkisu akeeke.
Erga Liigicha keessaa gadi bu'ee booda riikardiiwwaan badaan Yunaayitiid ijoon:
Bara kana dorgommiiwwan 36 keessaa 17n injifatameera. Erga bara 1973-74 tapha 20 mo'amee booda isa badaadha.
Yunaayitiid bara kana dirreessaatti yeroo sagal mo'ameera. Kunis isa bara 1930-31, 1933-34 fi 1962-63n qixxeedha. Hamma kanaa ol dirreessaatti injifatamee hin beeku.
Yunaayitiid taphoota walitti aanan torba darba irratti injifannoo hin arganne. Lama qixxee bahee, shan ammoo ni mo'atame. Kunis isa bara 1992 ta'e wajjin qixxeedha. Kanaa ol isa mudatee hin beeku.
Dilbata darbe Weestihaam waggoota 8 booda marsaa 16ffaarratti yeroo duraaf Yunaayitidiin dirreesaatti injifate. Ammoo bara kana dirree ofiittis dirree alagaattis injifatee seenaa galmeesse. Baroota 16 darban Weestihaam yeroo 13 injifatamee yeroo sadii ammoo qixxee baheera.
Gabatee Piriimiyeer Liigichaa yoo ilaaltu malatu sitti dhagaahama jedhamee yoo gaafatamu '' leenjisaa Yunaayitid taatee miira akkamiitu sitti dhagaahamuu danda'a? qaaniidha'' jechuun deebise.
Morkiin waancaa Awurooppaa Liig kilaba keenyaaf rakkoo isa xiqqaadha'' kan jedhu Amoriim wanta kana caala gadi fagoo ta'e jijjiiuu qabna'' jedhe.
Dabaluunis ''Piriimiyeer Liigiifi Shaampiyoonsi Liigii taphachuun hamma addeessa fagaata jedheera.
Yinaayitiid morkii Awurooppaa irratti injifannoo argachaa dhufus liigicha keessatti garuu xiyyeeffannoo dhabaa bahe.
Amoriim kun isaaniif yaaddoo guddaa ta'uu ibseera, maqaa Yunaayitid nyaachaa jira. jedhe. ''Ilaachis garee guddaa jedhu badaa jira'' jedhe.
Injifannoo dhabuun akka dhuma baraatti ilaalamu qaba, sana gochuuf cichoominni barbaachisaadha jechuunis dubbate.