Umurii waggaa 17tti Mesii, Roonaaldoo moo Yamaaltu caala?

Mesii fi Roonaaldoon hanga umuriin isaanii waggaa 18 guututti biyya isaaniif hin taphanne ture. Galchiis hin lakkoofsifne.

Lamiin Yamaal garuu umurii isaa waggaa 17 galchii lakkoofsisuu qofa osoo hin taane Ispeen waliin waancaa Awurooppaas mo'ateera.

Waancaa laaligaa, Koorraa Del Rey, Ispaanish Kaappii fi badhaasota adda addaa umurii isaa waggaa 17 kanaan mo'ateera.

Umurii waggaa 17'n Mesii, Roonaaldoo moo Yaamaaltu caalaree? Mee waliin haa ilaallu.

Umurii isaa waggaa 15'niin leenjisaa Baarseloonaa kan ture Zhaavii Hernaandez Lamiin Yamaaliif carraa yeroo kenne namni taphataa akkasii tahuu isaa tilmaame hin turre.

Baarseloonaan rakkoo faayinaansii guddaaf waan saaxilameef taphataa haaraa bituurra guddattoota akkaadaamiif carraa kennuuf yaadeeti jedhamaa ture.

Zhaaviin garuu nama Liyonel Mesii bakka bu'u daa'imman Baarseloonaa keessatti argeera. Lamiin Yamaal!

Yaamaal galchii lakkoofsisuufi kubba mijeessee kennuun ija jaalattoota kubba miilaa keessa gale. Garee biyyalessaa Ispeeniifis waamamuun umurii isaa waggaa 16'n seenaa hojjete.

Dorgommii Waancaa Awurooppaa irratti Ispeeniif galchii lakkoofsisuu irra darbee dhiibbaa uumuun Ispeen akka waancaa Awurooppaa mo'attuuf shoora olaanaa bahateera.

Baarseloonaa waliin waancaa Ispaanish Kaappii 2025, Kooppaa Del Rey, Laaliigaa 2023 akkasumas Ispeen waliin waancaa Awurooppaa mo'ateera.

Tapha El- Kilaasiikoo Riyaal Maadirid waliin barana taasisan sadii yeroo Baarseloonaan mo'atu Lamiin Yamaal gahumsa guddaa agarsiiseera.

Taphataan akka Liyonel Mesii waggaa 100tti takkaa yoo argamedha osoo jedhamuu osoo Mesiin kubba hin dhaabiin Lamiin Yaamaal achii as bahe.

Yeroo inni dhalate Mesiin maatii Yamaal waliin waan walitti dhiyaatuuf yeroo isa baatuu fi qaama isaa dhiqu argamee ture.

Kubba miilaan isa cuuphuun waan hin oolle.

Yamaal akkaadaamii Baarseloonaa keessaa akkuma Mesii yeroo hin eegamnetti argame.

Mesiin yero Roonaaldino Goochoo, Saamu'eel Ettoo fi Ziilaataan fa'a jiran taphataa argamedha.

Yeroo sana hojii leenjisummaa isaa tokko jedhee kan jalqabe Peep Gaardiyoolaan taphattoota maqaa guddaa qaban akka Saamu'eel Eettoo fi Roonaaldinoo Goochoo fa'aa kilebichaa akka bahan gochuun Mesiif ammoo carraa guddaa kenne.

Kun guddina Mesii baay'ee ariifachiise. Kubbaa fi naamusa gaariin akka guddatuuf gaheen Gaardiyoolaa adda ture.

Ofiiyyuu Gaardiyoolaa jalatti carraa taphaa kan argate Zhaaviin, yeroo leenjisummaa Baarseloonaa waliin jalqabu daa'ima waggaa 15 Lamiin Yaamaaliif carraa kennuun ture.

Pawu Kubaarsii, Baldee fi kaanis Zhaavii jalatti taphattoota abdii boruu Baarseloonaa tahuun achii as bahanidha.

'Taphataa akkasii waggaa 50tti al takkaa argita'

Har'a Lamiin Yaamaal umuriin isaa waggaa 17dha. Kiristaanoo Roonaaldoo umurii isaa waggaa 17'n waliigalaan taphoota 19 taphachuun galchii shan lakkoofsisee kubba afur galchiif mijeessee kenne.

Liyonel mesiin umurii isaa waggaa 17'n taphoota sagal qofa taphachuun galchii tokko qofa lakkoofsise. Kubba homaayyuu galchiif mijeessee hin kennine.

Lamiin Yaamaal umurii isaa waggaa 17'n taphoota 100 taphachuun galchii 22 lakkoofsisee kubba galchii tahan 33 mijeessee kenne. Eenyu caala jetturee?

Yamaal nai Mesii waliin of hin dorgomsiisu inni taphataa jabaa adunyaa yeroo hundaati jedhe. Gahumsi isaa kun garuu dorgommii kana alaa kan isa godhu miti. Yoo caale malee.

Baarseloonaa fi Inter Miilaan Nuu Kaampi irratti yeroo taphatan Baarseloonaati onnee kan hore Lamiin Yamaal ture. Taphataa muuxannoo guddaa qabu fakkaata ture.

Galchii jalqabaa lakkoofsise. Inter Miilaan taphattoota lamaa ol itti ramaduun akka inni hin taphanneef yaalanis Yamaal dhiibbaa uumuu hin dhiisne.

Leenjisaan Inter Miilaan, Simoonee Inzaagii taphataa dandeettii adda tahe qabu akkasii waggaa 50 keessatti takkaa yoo argitedha jedhe.

Taphattoota lama itti ramadnee eegaa turre jedhe. Inniyyuu hin geenye. Rakkoo guddaa nutti uume. Garuu taphataa akkasii arguun hedduu namatti tola jedhe Inzaagiin.

Taphataan Maanchister Siitii Erliingi Haalaandi ''LAMINE YAMAL… Gurbaan kun ajaa'iba!'' jechuun maxxanse.

Baarseloonaa irratti galchii kan lakkoofsise Maarkas Turaam taphataa cimaan addunyaa amma ijoollee biyyakoo Faransaay kan tahan Osmaan Dembeelee fi Imbaappeedha jedhe. Lamiin Yaamaal isaanitti aana jedhe. Garuu taphataa jabaadha jedhe.

Isaanis tahu umurii Yamaal kanatti rikardii akkasii hin qaban ture.

Yamaal namoonni waa'ee koo akka odeessan nan dhagaha. Garuu ani hojiikoon hojjedha. Taphattoonni baay'een hojii guddaa hojjetan akka Raafiinaa, Peedrii fa'aa jiru'' jedhe.

Isa cina kan taphatu Raafiinaan kubba galchii tahan saddet bara dorgommii Shaampiyoonsi Liigii tokkotti kennuun rikardii Luwis Fiigoo bara 1999-2000 galmeesse qixxaachuuf tokko qofatu isa hafa. Fiigoon yeroo sana Baarseloonaaf taphata ture.