Diraamaa tapha Baarseloonaa fi Inter Miilaan akkamiin xumurame, maaltu eegama?

Nama kamiifiyyuu tapha yeroo hedduuf yaadatamutu Nuu Kaampi irratti gaggeeffame. Taphni jalqabee sekondii 30 keessatti Maarkas Turaam Inter Miilaaniif galchii jalqabaa lakkoofsisuun falmii jalqabaa bane.

Falmii, xiiqii ajaa'ibaan kan guutame akkuma dorgommii buunyaa dhahanii lafa wal buusanii daawwachuuf namatti toluu ture jedhe taphataan sarara ittisaa duraanii Liiverpuul Istiifen Waarnook.

Baarselonaa fi Inter Miilaan garee akka addaatti ijaaraman tahanis lameenuu cimina qaban dirree irratti agarsiisaniiru.

Taphataan duraanii Reenjersi Alii Makoosti ammoo kubbi miilaa miidhagina barbaannu halkan kana nuuf kenniteetti jedhe.

''Halkan addaati. As taa'anii daawwachuun miira addaa nuuf kenne,'' jedhe.

Galchii miidhagaa adda tahan, diraamaa guddaa gahumsa dhuunfaa ajaa'ibaa kan irratti arginedha jedhe.

Halkan kubba miilaa guddaa itti daawwanne kun akkamiin jalqabe?

Taphaan dura irra caalaa tilmaama guddaa kan argatee fi odeeffamaafii ture Baarseloonaaf ture.

Ittisni isaanii sarara gidduutti siiqanii haalatti taphatanii fi garee faallaaaf kiyyoo hidhan, galchii hedduu lakkoofsisuu danda'uu isaanii, taphattoota sarara duraa qindoomina guddaa qabanii fi ijoollee bu'aa akkaadaamii Laa Maasiyaa tahan, jaalalaa fi dandeettii kubba miilaa adda tahe qaban irratti kan xiyyeeffate ture.

Haasaan kun hundi Nuu Kaampi irratti taphni jalqabee Sekondii 30 keessatti jijjiirame.

Galchii Maarkas Tuuraam miila isaa duubaan lakkoofsise walakkaa xumura Shaampiyoonsi Liigii keessatti galchii yeroo gabaabduu keessatti lakka'amte jalqabaa taate.

Deeggartoota Baarseloonaaf naasuu guddaa tahus Hansii Filik garuu akkatti ijoollee Baarseloonaa waraanichatti galchan beeku ture.

Akkasuma garuu Inter Miilaan galchii tokko qofa lakkoofsisun gahaa akka hin taane beeku ture. Daqiiqaa 20 keessatti galchii lammaffaa lakkoofsisan.

Denzel Daamfaayirsi galchii lammaffaa lakkoofsisuun halkan addaa dabarse. Baarseloonaan waggaa 10 as yeroo jalqabaaf xumura waancaa Shaampiyoonsi Liigiif dhaqqabuuf jedhuuf dhugaa itti hin fakkaanne.

Inter Miilaan kana booda sarara ittisaa isaa cufa jedhamee eegamee ture. Shaampiyoonsi Liigii baranaa irratti galchii shan qofatu irratti lakkaa'ameera ture.

Baarseloonaan galchii baay'ee lakkoofsisee as gahe. Inter Miilaan irratti ammoo galchii xiqqaatu akka walii galaatti lakkaa'ame.

Lameenuu garuu amma cabaniiru. Lamiin Yaamaal taphataa urjii Baarseloonaan harkaa qabu galchii jalqabaa Baarseloonaaf lakkoofsise.

Bara kana gahumsa addaa irratti kana argamu Feeraan Toores galchii lammaffaa lakkoofsisuun wal qixxaatan.

Lamiin Yaamaal taphni jalqabuu dura shaakala irratti miidhamee ture. Naasuu guddaan Baarseloonaa yeroo sana jalqabe.

Warqeen Baarseloonaa Liyonel Mesii bakka bu'e jedhamu kun waan umurii isaa olii hojjechuun galchii miidhagduu Baarseloonaaf lakkoofsise.

Tapha 100ffaa isaa irratti galchii lakkoofsise. Kubba argattan hundaa Lamiin Yaamaalitti kennaa kan jedhu tooftaa Baarseloonaa tahe.

Kubba qabatee tuuta taphattootaa gidduun osoo hin dhiphatiin yeroo kubba gara fuulduraatti qabatee qaarisu namni waa'ee umurii isaa yaadatu hin jiru. Ammayyuu waggaa 17!

Baarselonaan ittisa irratti hammam laafaa akka tahe saaxilame. Garuu sarara fuulduraa irratti baay'ee cimoodha.

Inter Miilaan galchii sadaffaa lakkoofsisee kan ture sekondii 114 qofa ture. Raafiinaan kubba fageenya irraa rukute karra eegaan Inter Miilaan Soomer itti bu'uun ofirratti lakkoofsise.

Leenjisaan Baarseloonaa Hnasii Filiik gahumsi gareen keenya agarsiisan baay'ee gaarii ture.

Garuu galchiin nurratti lakkaa'aman gaarii hin turre. Amma isaaniin xiinxalootu nurra jira jedhe.

Baarseloonaan saan Siiroo irratti Inter Miilaan mo'achuun waggaa 10 booda xumura waancaa dhaqabuuf dhaadateera.

Lamiin Yaamaal amma xiyyeeffannoo keenya tapha Saan Siiroo irratti goonurra jira jedhe.

Inter Miilaan bara 2023 xumura waancaaf erga dhaqabee kun yeroo lammaffaaf. Simoonee Inzaagii leenjisaa jabaa Serie A mo'atee fi shaampiyoonsi Liigiin morkataa tahuu isaa agarsiisedha.

Denzel Daamfaayirsi taphicha mo'achuu barbaannee ture. Hin taane. Garuu tapha baay'ee bareedaa taphanneerra jedhe.

Dirree keenya irratti mo'annee darbuuf taphanna jedhe.