Arteettaa, Eneriikeefi Filiik: Duuka buutota Gaardiyoolaa Shaampiyoonsi Liigiin walmorkatan

Falaasamni kubba miilaa amma kilaboota jajjaboo gariin keessatti hojiirra oolu 'juego de posicion' - to'annoo kubbaa kan jedhamu kalaqa Peep Gaardiyoolaa miti. Ammoo Gaardiyoolaan leenjistoota akka Huwaan Kiraayiifi Luwiis Vaan Haal irraa fudhatee sadarkaa olaanaatti fooyyesse.

Leenjistootni isa dura turan kamuu fooyya'insa inni taasisee fi sadarkaa inni ittiin gahe hin geenye. Tooftaan taphaa Peep kun amma aadaa ta'eera. Jaallannes jibbines ilaalcha olaantummaa argatedha.

Amma duuka buutotni Gaardiyoolaa sadan- Liwiis Eneriikee, Mikeel Arteettaafi Hansii Filiik torban kana keessa morkii walakkaa xumuraa Shaampiyoonsi Liigiirratti hirmaatu. Kana jechuun Gaardiyoolaan jiraachuu baatus tapha xumuraa Shaampiyoonsi Liigii irratti tooftaan taphaa isaa ni mul'ata jechaadha.

Tooftaan taphaa kun hunda biratti hin leellifamne. Qeeqxonni tooftaan kun taphattoota Roobootii godha jechuun qeequ. Warri ittisa irratti taphatan amala akka taphattoota sarara gidduu akka qabaatan godha jedhu.

Xiinxaltootni gariin leenjii keessa baheedha, akkamee caasaa qabateedha jechuun jeeqamaafi ta'ii addaa kubbaa miilaa keessa tasa dhufu nama dhabsiisa jedhu.

Kaan ammoo qeeqni kun kan dhiyaatu sababa hanqina raawwii moodelichaati malee moodeelicha mataasaarraa hin maddu jedhu.

Dhugaa jiru kan ilaallu yoo ta'e kilaboota nuusa xumuraa morkii Shaampiyoonsi Liigiirratti hirmaatan saddeet keessaa shan to'annoo kubbaa olaanaa qabaachuutti warra amananiidha.

Kilabootni Awurooppaa tooftaa durii hordofan kan akka Liiverpuuliifi Manchester Yunaayitiid leenjisaa Amoriim jalatti modeela kanatti dhufaa jiru.

Moodeelichi tapha miidhagaa mul'isa. Tooftaa taphaa ta'uun alattis moodeela injifannoo argamsiisudha.

Amma aadaa ta'aa dhufeera. Kilabootni leenjistoota ilaalcha kana leenjisan barbaadu, akaadaamiiwwan kubbaa miilaa ijoollee mala kanaaf ta'an leenjisu, barnootni kubbaa miilaa addunyaas ilaalcha kana irratti hundaa'aa jira.

Gaardiyoolaan bara 2001 leenjisummaa eegale. Xiyyeeffannaan isaa guddaan kubbaa goolii jalaa qabanii taphataa deemu (build up) irratti ture.

Bara 2019 Wancaa Addunyaa Afrikaa Kibbaatti godhame booda seerri tokko haarome. Kunis taphattootni kubbaa gooliirraa dhiitamu iddoo goolii eegaaf daangeffame keessa dhaabatanii fudhachuu akka danda'an hayyama.

Amma kubbaa achii qabanii taphachaa deemuun aadaa ta'eera. Bu'uura kubbaa miilaa ammayyaas jedhameera. Adeemsa goolii ofiirraa kaasanii hanga goolii kilaba faallaa deemuu kana Gaardiyoolaan Baarselonaa osoo leenjisuu eegale. Baayer Muuniikiifi Maanchister Siitii keessatti ammoo ni gabbise.

Kubbaa akka gaarii taphatamaa dhufe haala itti xumuran irattı garuu ammallee ilaalchi qindaa'aan tokko hin jiru. Moodeelli sana sirriitto lafa kaahu hin argamne.

Haaromsi haaraan fuula duratti kubbaa miilaa keessatti dhufu kubbaa to'annoo gaariin dhufe qe'ee kilaba masaanuu keessatti akkamiin xumurama kan jedhu irratti yaada dimshaashaa kaha ta'a.

Duuka buutootni sadan Gaardiyoolaa akkamiin ibsu?

Ammatti Unaay Eemrii, Enzoo Mareeskaa fi Robeertoo de Zerbii leenjistoota biroo falaasama Peep gabbisaniin milkaahaa jiraniidha.

Leenjisaan PSG ammaa Luwiis Eneriikee ''Peep warra kubbaa qabatanii taphachuu barbaadaniif fakkeenya keenyadha...Gareensaa wayita taphatu mara teessee ilaaluun irraa baratta. Yeroo mara'' jedhe.

Leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteettaa ammoo ''isa waliin hojjechuun akkaataan kubbaa miilaa itti ilaalu naaf jijjiireera. Ogummaan ittiin leenjisaa ta'u naa kenneera'' jedhe.

Duuka buutuun inni biraan Baarseloonaa leenjisaa jiru Filiik ammoo ''Peep karaa hedduun dhiibbaa gaarii narratti uumeera. Tapha qindeessuurratti dandeettii hin amanamne qaba. Iddoo to'achuufi dafee dafee fala barbaaduurratti. Wayita inni Baayerniin leenjisu arguun ija koo baneera. Beektota kubbaa miilaan argate keessaa isa tokko'' jedheera.

Kubbaa miilaa amma ce'umsarra jira. Leenjistootni gariin moodeelicha fudhataniiru. Kaan ittiin milkaahaa jiru. Kaan ammallee itti madaquuf barachaa jiru. Kaansaaniimmoo cirumaa yaadicha mormu.

Haata'u malee waggoota sanan dhufan keessatti kilabootni hedduun ilaalch walfakkaataa kanatti seenanii arguu malla.