Arteettaan gorsa akkamii Gaardiyoolaa irraa fudhachuun Maadirid mo'ate?

Halkan deeggartoonni Arsenaal gonkumaa hin dagannedha.

Saantiyaagoo Bernaaboo istaadiyeemii miidhagaa addunyaa kanaa keessaa tokko tahe baaxiin isaa cufamee Arsenaal dhiphisuuf qophaa'e dhaloota haaraa Arsenaaliin gara callisaatti geeddarame.

Kadhanni deeggartoota Arsenaal biyyoota adda addaa keessaa dhagahamuu hin hafne.

Arsenaal walakkaa xumura shaampiyoonsi Liigiif darbuu qofa osoo hin taane Beernaaboo irratti 2-1 mo'achuun madaa Riyaal Maadiriditti akka ashaboo naquuti.

Waliigalaan Arsenaal 5-1 Riyaal Maadiridiin deeggartoota isaa fuulduratti qaanesse.

Arsenaal erga 2009 as yeroo jalqabaaf walakkaa xumura Shaampiyoonsi Liigiif dhaqaban. Walumaagalaan ammoo seenaa kilebichaa keessatti yeroo sadiif darbuu isaaniiti.

Bukaayo Saakaa yeroo murteessaatti miidhama irraa deebi'e rukuttaa peenaaliitii dhabus galchii jalqabaa lakkoofsisuun naasuu guddaa Maadiriditti dabale. Abdii kutannaa fi callisatu Beernaabootti uffate.

Gabri'eel Maartineelii galchii lammaffaa yeroo lakkoofsisu Riyaal Maadirid dirree isaa irrattillee injifatamuu irraa of oolchuu hin dandeenye.

Bukaayoo saakaa taphaan booda yaada kenneen "waan isaan jechaa turan miidiyaa hawwaasaa irratti argaa turre. Qabxicha ni garagalchina jechaa turan. Nuyi garuu cimina xiin-sammuu akkamiin akka taphanne isaanitti agarsiifne'' jedhe.

Mikeel Arteettaan taphattoota isaan baay'ee akka boone hime. Dorgommi Shaampiyoonsi Liigii keessatti taphoota saddet osoo hin mo'amiin jiru.

Dhaloonni haaraan Arsenaal Mikeel Arteettaan ijaarame seenaa Arsenaal bara 2006 Riyaal Maadirid irratti galmeesse irra deebi'e.

Arteettaan ''baay'ee gammadeera. Akka yaadutti seenaa kilebichaa keessatti yeroo sadaffaaf walakkaa xumuraaf darbuu keenya. Kanaaf baay'een ofitti, taphattoota keenyattis boona'' jedhe.

''Jireenyakoo keessatti halkan addaati. Kileba seenaa guddaa qabu morkannee mo'anne. Hunduma keenyaafiyyuu kun jajjabina guddaadha. Seenaa nuyi dorgommii kana keessatti qabnu xiqqaadha. Waan amma galmeesine kana itti fufsiisuu qabna.

Kana ammoo gochuu dandeenya.

Walakkaa xumuraaf darbuu keenya osoo hin taane haalatti Landanii fi Beernaabootti mo'annetu nu boonse jedhe Arteettaan.

Leenjisaa tahee istaadiyeemii kanatti yeroo jalqabaaf morkachuukooti. Waan hundinuu haala muddama guddaa qbau kana keessatti akka danda'amu hubadheera.

Deeggartoonni isaanii bifa addaan isaan deeggaran. Kanaaf waan tokko gochuu danda'u jedhanii itti amananii ture. Garuu haalatti miira keenya to'annee fi injifanne ajaa'iba'' jedhe Arteettaan.

Kaarloo Anchelootiin taphaan booda Arsenaal osoo wanacaa Shaampiyoonsi Liigii mo'ate natti tola jechuun Arteettaatti himuu miiidiyaaleen gabaasaniiru.

Anchelootiin waancica Baarseloonaan akka hin mo'anne barbaadaniitimoo dhuguma caalmaa Arsenaal Riyaal Maadirid irratti agarsiiseef akaks jedhan?

Leenjisaan waancaa Shaampiyoonsi Liigii yeroo afur mo'achuun milkaa'ina guddaa qaban kun taphattoota urjii qabaatanis dhaloota haaraa Arsenaaliif harka kennuuf dirqamaniiru.

Kileboota biyyoota shanii adda addaa aliin waancaa injifachuun ammoo leenjisaa jalqabarra jiranidha.

Arteettaan waa'ee injifannoo kanaa maal jedhe?

Arsenaal dirree isaa fi dirree isaan alattis tapha akkaan miidhagaa agarsiisuun injifannoon gale.

Maayilsi Lewis Iskeelii ofitti amanamummaa fi gahumsa addaa agarsiise umurii isaa waggaa 18 olidha.

Saakaan ol adeemaa kana jajauun ofiis gahumsa ajaa'ibaa agarsiise. Addatti garuu Riyaal maadiridiif qoricha kan qotee fi dorgommicha keessaa isaan baase Deklaan Raayisidha.

Galchii lama dirree isaanii irratti lakkoofsisuu qofa osoo hin taane taphattoota sarara duraa Riyaal Maadirid dhaabuu keessatti gaheen isaa olaanaa ture.

Taphataa cimaa dorgommicha atahauun Beernaaboo fi Emireetis irrattis badhaafameera.

Hanga daqiiqaa 55 gahutti Riyaal maadirid yaalii qiyyeeffannaa isaa eeggate tokkollee Arsenaal irratti hin yaalle.

Miidhamaan Kaayi Haaverti, Gabri'eel Yesuusii fi Gabri'eel Maagalesh kan dhabe Arsenaal Mikeel Meerinoo akka taphataa sarara duraatti fayyadamaa jira.

Miidhamni kun Arsenaaliif carraa haaraa kennuu hin hafne.

Areettaan tapha kana dursuun Peep gaardiyoolaa irraa bilbilaan gorsa fudhateera.

Shaakala tapha kanaaf taasisan haala ulfaataa keessatti akak taasisani fi xiinsammuu isaanii Bernaaboof qopheessan gaardiyoolaan Mikel Arteettaaf gorsa kennaniiru.

Arteettaan ''waan jedhu hin qabu Gaardiyoolaaf galata guddaa qaba'' jedhe taphichaan booda.

Taphataan duraanii Arsenaal Tiyoo Waalkoot ammoo Arteettaan ''garee kana sammuu isaa keessaa ijaare. Tokko tokkoo isaanii waliin hariiroo jabaa qabu fayyadamuun ijaare.

Arteettaan hojii isaa irratti baacoo hin beeku. tasa garaa hin laafu jedhama. Anaaf garuu taphattoonni Arsenaal keessa jiranis isa wlaiin ejjennoo tokko irra warra jiranidha. Taphataan oftulummaa qbau hin jiru'' jedhe.

Waalkoot taphattoonni Arsenaal kunneen akka gareetti malee gahumsa nama dhuunfaa irratti hundaa'uun hin taphatan jedhe.

Riyaal maadirid Imbaappee, Viinishiyees, Beeliingihaam fa'aa qabatee qaana'e.