Eebbisee: Shamarree koorsii 36 A+ fiduun waancaa dachaan eebbifamtee hojii dhabuun rakkatte

Eebbisee Likkaasaa jedhamti. Ijoollummaarraa kaastee barattuu qaxalee turte. Umuriin ishee waggaa 25 yoo ta'u, Yunivarsiitii Wallaggaa irraa Ikonoomiksiitiin qabxii olaanaa fiduun eebbifateetti.

Eebbiseen tokkoffaa akka Fakaaltii Biizinasiifi Ikonoomiksii (FBE)tti waliigalaan tokkoffaa bahuun, lamaffaa ammoo akka dubartootaatti qabxii guddaa bara sanaa galmeessuun waancaa lama fudhatte.

Qabxii waliigalaa 3.94 ture kan galmeessite; kana jechuun koorsiiwaan 56 fudhatte keessaa 36 A+ fidde.

Eebbiseen qormaata ba'insa yuniversity (Exit Exam) illee darbiteetti garuu hanga ammaa hojii hin argatiin jirti.

Qabxii olaanaa kana fiduun salphaa hin ta'u. Eebbiseen tooftaa gargaaramtu qabdii? Akkamiin qayyabatti? kan jedhu gaaffii BBCn dhiyeesseef akkasiin deebisti.

"Sagantaan baafattee yeroo kiyya aarsaa godheen qayyabadha. Lamaffaa ammoo ijoollee na dura jiran haala kamiin qormaanni bahuu dand'a odeeffannoo isaanirraa gaggaafadheen itti qophaa'a ture.

Akkasumas, daree keessatti xiyyeeffannoon hordofeen waan naaf hin galle ammoo barsiisota gaafadheen hubadhan ture. Haala kanaan hojjedheen qabxii akkasii kana fidadhe."

Barattee baatee hojii dhabeen taa'a kan jedhu yaadee hin beeku kan jettu Eebbiseen, beeksisa hojii bahu baayyee iyyattus hanga ammaatti kan ishee wame akka hin jirre dubbatti.

Qabxii olaanaa qabaachuu qofa gahaa miti kann jettu Eebbiseen, beeksisni ba'us hedduun isaa, firaafi wa beekuutiin" waan nama fudhataniif abdii nama kutachiisa jetti.

Qorannoon sadarkaa barattoonni dhaabbileen barnootaa olaanoo Itoophiyaarra eebbifaman hojii argatan hangam jedhurratti bara 2022 gaggeeffameera.

Qorannoon kun barattoota ynivarsiitiiwwaniifi dhaabbilee barnootaa olaanoo mootummaafi dhuunfaarraa eebbifaman keessaa kann hojii argatan %65 qofa akka ta'e mul'isa.

Akka hojii hin arganneef ammoo sababiinni ijoo qorannoon adda baase keessaa tokko kann Eebbiseen jettu waliin wal fakkaata. Innis, beeksisin hojii qacaruu ba'us hedduun isaanii firaafi malaammaltummaan ta'u.

Muuxannoo dhabuu, carraan hojii bal'aa dhibuufi walittibu'iinsa biyyattii keessatti mudaan hojii dhabuudhaaf sababoota qorannichi adda baasedha.

Beekisa baankiiwwan baasaniifi kan waajiraaleen gara garaa gita akkaawontaantiif baasan galmooftee yaalaa kan turte Eebbiseen hanga ammaatti qormaataafillee kan ishee waame baankii tokko qofaa ta'uu dubbatti.

Dhiphina sammuu baratanii hojii malee taa'uu

Eebbiseen baratanii hojii malee taa'uun ulfaataadha jetti. Keessumaa qabxii gaariin eebbifamanii, innumaammoo sammuu eebbifamee bahee hojiin argadha jechaa baratanii garuu hojii dhabuun akkaan miidhaa samuu qabaachuu kaasti.

"Ani akka carraa ta'ee maatii baratanirraa waanan dhaladheef 'hojiin yeroo Waaqni jedhe dhufa' jechuun na jajjabeessu. Garuu ijoollee baadiyaa warra maatii horii qaban gurgursiisanii baratanii hojii dhaban yoo yaaddu ni cima," jetti.

Erga eebbifamtee osooma hojii barbaadaa jirtuu ogummaa gara garaa kan akka kompiitaraafaa barachuun sammuun ishee akka waan biraatiin qabamu gochaa akka jirtu dubbatti.

Rakkoon baratanii hojii dhabuu kun kan Eebbisee qofa miti. Itoophiyaatti dargaggoonni hedduun yunivarsiitiiwwan irraa bahanii hojii argachuun ulfaataa ta'aa dhufeera. Kun ammoo addatti shamarran irratti hammaata.

Akka gabaasa Ministeerr Barnootaa Itoophiyaa Mudde 2022 Bakka Bu'oota Ummataa biyyattiif dhiyeessetti, barattoota yunivarsiitii hundarraa eebbifaman keessaa parsantaa 42 hojii argachuu hin dandeenye.

Ogummaa dhabuu, qabeenyi barbaachisu hanqachuufi ilaalchi hawaasa keessa jiru ammoo shamarran dhiira caalaa akka carraa hojii hin arganne ykn hojii uummachuu keessatti hin hirmaanne isaan taasisa.

Carraa hojii argachuu dubartootaa fooyyeessuuf

Deeggarsa Wiirtuu Qorannoo Misoomaa Idl-addunyaatti Carraawwan Guddinaafi Dinagdee Dubartootaaf [International Development Research Center (IDRC) Growth and Economic Opportunities for Women (GrOW)] -Pirojektiin Afrikaa Bahaa, Network of Ethiopian Women Association (NEWA), akkasumas dhaabbileen biyya keessaa lama (Komishinii Hawaasummaafi Misoomaa Waldaa Kaatolikii Itoophiyaafi Abbaamelaa Konsalting) qorannoo waggaa sadii akkaataa dubartoonni baratanii eebbifaman hojii argachuu danda'anirratti gaggeessaniiru.

Qorannoo magaalota gurguddoo sadii-Finfinnee, Hawaasaafi Jimma) keessatti hojjetaniin rakkoo hojii dhabuun dubartootaa deeggarsa imaammataa akka barbaadu hubachuu danda'aniiru.

Dubartoota 1936 qorannoo kana keessatti hirmaatan keessaa 1439 (parsatntaa 74.3) kan ta'an ji'oota ja'an darban keessa eebbifamanii dhimmanii hojii barbaadaa kan jiranidha.

Akka qorannoon kun adda baasetti, dubartoonni kunneen hojii xixiqqaa caalaa hojii kaffaltaa gaarii qabu barbaadu.

Dubartoonni qorannoo kana keessatti hammataman eebbifamanii ji'a ja'an dabarsan keessatti giddu-galeessaan hojii bakka torbatti galmaa'aniiru ykn iyyataniiru. Kan qormaataaf waamaman ammoo giddu-galeessaan tokko qofadha.

Giddu-galeessaan hojiif galma'anii carraan qormaata af-gaaffiifi dhiyaachuu parsantaa 16. Haata'u malee, dhimmanii hojii barbaaduun jiraatullee akkaataa hojii argachuu danda'anirratti deeggarsi barbaachi baayyee gadi aanaadha akka qorannoon kun mul'isutti.

Dubartoota baratanii hojii barbaadaa jiran1439 qorannoo kana keessatti hirmaatan keessaa parsantaa 8.9 kan ta'an qofatu hojii argachuurratti leenjiifi odeeffannoo mootummaafi qaama biroorraa argachuu danda'e.

Danqaawwan hojii argachuurratti jiran: Dubartoonni qorannoo kana keessatti hirmaatan hojii akka hin arganneef danqaawwan gara garaa akka isaan mudatu ibsu.

Isaan keessaa gurguddoon shan-Muuxannoo hojii dhabuu, carraawwan hojii murtaa'aa ta'uu, malaammaltummaa hundee gadi fageeffateeru, tasgabbii dhabuu siyaasaafi loogii afaan dubbatanirratti hundaa'uudhaan namarratti taasifamamanidha.

Dabalataan, lakkoofsi dubartoota yunivarsiitiirraa eebbifamanii hojii barbaaduu caalaa hojii mataasaanii ummatanii xiqqaadha. Xiqqaa ta'uu qofa osoo hin taane fedhiin ykn kaka'umsi hojii uummachuu hedduu miti akka qorannoo seera-baastota Itoophiyaa dhiyaate kanaatti.

Shamarran yunivarsiitiirraa eebbifaman keessaa kanneen1936 ta'an magaalota sadanirraa qorannoo keessatti hirmaatan keessaa 179 (parsantaa 9.2) qofatu biizinasii mataa isaanii hundeeffachuuf tarkaanfii fudhachuu yaale. Warra hojii ofiisaanii banachuuf yaadan keessaa kan caalu warra magaalaa gurguddoo keessa jiraatanidha akka qorannoo kanaatti.

Biizinasii mataa keessanii jalqabachuudhaaf gorsa ykn gargaarsa mootummaarraa ykn qaamolee biroorraa argatanii beektuu gaaffii jedhuuf hirmaattota keessaa 'eyyee' kan jedhe parsantaa 12 qofaadha.

Rakkoowwan hirmaattonni qorannnoo kanaa harka sadii keessaa lama (Parsantaa 63.1) kaasan keessaa hanqina carraa liqaa maallaqaati.

Walumaagalatti danqaawwan qorannoon kun adda baase ilaalcha carraawwan biizinasii hin jiru jechuu (parsantaa 37), haalli siyaasaa kan tilmaamamu ta;u dhabuu (parsantaa 34), muuxannoo dhabuu (parsanataa 34), akkasumas liqaa argachuuf wabii dhabuu (parsatnaa 31) ta'a.

Shamarran hojii mataa isaanii banachuuf yaalan keessaa ammoo parsantaa 12 kan ta'an malaammaltummaa birokiraasii keessa jiru ta'uu dubbatu. Ogummaafi beeksuma dhabuu, akkasumas saalarratti, hir'ina qmaarraatti, amantiirratti, afaan dubbatanirrattiifi dhimmoota kaanirratti hundaa'uun loogii gochuunis kanneen hirmaattonni akka rakkooleetti kaasan keessaati.

Hojii argachuurrattis ta'e hojii ofii banachuurratti ogummaawwan bu'uuraa barbaachisoo ta'an ykn [Soft Skills] jedhman ilaalchisee hanqinni jiraachuu qorannoon kun mul'iseera.

Ogummaawwan komunikeeshinii, ofitti amanamummaa qabaachuu, hojii barbaadaniifi of qopheessuu hojii barbaaddachuufis ta'e hojii ofi banachuu keessatti murteessaa ta'uurra darbee kaka'umsa namatti horu akka isaan hanqatus eerameera.

Walumaa galatti shamarran akka Eebbisee Likkaasaa yunivarsiitiirraa eebbifamaniif odeeffannoo gabaa hojii akka qabaatan, [soft skills] kannen jedhaman dabalatee ogummaawwan gara garaa akka gaabbifatan gochuurratti fala hatattama kennuu barbaachisa.