Akkamitti qormaataaf qayyabachuun qabdu: Qabxiilee barbaachisoo milka'inaaf

Qoramata heddutu isiin eeggachaa jira? Haala sammuu naga qabeessa keessa jiraachu qabdu!

Qoramaataf keessa debii gochuun ulfaatu danda'a- yeroo tokko tokko eessa biraa akka jalqabnu hin beeknu- ta'us garuu dandeettii yaadachuu, xiyyeeffachuufi haala keessaniyyuu fooyyeessu ni dandeettan.

Qorannoo garagaaraa ogeeyyii Niiroosaayintiistii, Qor-sammuufi Haala Nyaata- barsiisota yuniivarsitii, barsiisotafi baratoota dubbisuun qabxiiwwaan armaan gadii isiiniif qopheessineera.

Qabxiiwwaan armaan gadii haala isiin haala gaarii qormaataf qophoo'ooftaniifi barnoota keessa itti fuftaan isiin gargaara.

Garuu waanni jalqabaa:

1. Cireefi nyaata sammuu keenyaaf gaarii ta'an

Qaamni keenya dalagaa isaa haala gaarii hojjachuuf anniisaa barbaada. Akkasumas haalli xiyyeeffannaa sammuu keenya humna annisaa gilukoosiirra argattu irratti hunda'a.

Akka qorannooni agarsiisutti baratoonni ganama ciree isaanii nyaatan xiyyeeffachuufi odeeffanno argatan haala salphaa ta'een yaadatu.

Kanaafuu, guyyaa keessan gosa nyaata Karboohayidereetii kan annisaa isaanii suuta suutan gad dhiisaniin jalqabaa- fakkenyaaf, marqa, daabboo yookiin nyaata hammi sukkaraa isaa gad-aanaa ta'e.

Qaama keessaan nyaata pirootinii ta'aniin kan akka aanaanii, itittuu yookiin killeen ijaaruus qabdu.

Gosoonni nyaataa sammuu keenya jabeessaan jedhamanii beekaman: killee, qurxummii, midhaan, rafuu, timaatimiifi abukaadoo fa'a.

Nyaata yeroo isaa eegamee nyaatamu hin dagatinaa!

2. Yeroodhaan jalqaba...

Waa marafuu guyyaa qormaata yeroodhaan jalqaba. Akka hin cinqamneefi tasgaba'ooftan isiini gargaara.

Akkasumas ganama yeroodhaan qo'adha. Yeroo sammuun keessaan bilisa jiruttifi waantoonni isiin jeeqani hin jiraatani- irra deebii keessa waaree booda godhuu dhiisa, yoo carraa qabatan dadhabuu dandeessu yookiin immoo halkaan turtanii akka hojjatan isiinarra eegamuu danda'a.

Irra deebii keessan haala walfakkaata osoo gootanii gaarii ta'a. Kunis immoo akka haala bareedaa ta'een guyyaa hundaa jalqabdanii xumuratanii isiin gargaara.

3. ...akkasumas maalirratti akka xiyyeeffachuu qabdan adda baasa

Gaafii afaaniiti? Kan yaalii? Gaafilee adda addaa?

Gosoonni qormaataa garagaaraa akkataa gargaaraa qabu: kanaafu akkata qormaataa keessan adda baasufi gosa barnoota kam akka irra deebi'uu qabdan beekuu qabdu.

Gaafillee filannoo yookiin deebii gabaabaa kennu qo'anaan bal'aa barbaadu- ta'us garuu gad fageenya hamma ta'ee qofatu barbaachisa- gosa barnoota beeku.

4. Karoora qabaadha

Yeroo fudhachuu danda'a garuu karoora irra deebii qabaachuun yeroo keessan ni qusata'a. Karoora qabdu taanan daqiiqa tokko maal gochuu akka qabdan yaaduf qisaasesitaan hin qabaatan. Akkasumas jijjiirma keessan beekuufis isiin gargaara.

Yeroo hiriyoota keessan waliin dabarsitan, ispoortii hojjachuufi boqachuu qabdanis hin dagatina.

5. "Fageenyi" tumsa gaarii keessan ta'uu danda'a

Irra deebii keessaniif yeroo bal'aa kenna. Guyyaa tokkofi gosa barnoota tokkorratti sa'aatii 10 qo'achuurra, guyyoota kudhaniif gosa barnoota tokko sa'aatii tokko qo'achuutu irra fooyyee qaba.

Garuu haalli qormaata tokkof hojjate kan biraatiif hojjata jechuu miti.

Karaan biroo irra deebii goonu sammuu keenya keessatti kaarta uumuu, hojii garee, axereeraa baafachuu yookiin immoo sagalee keenya waraabuun yeroo biraa dhageeffachu fa'a of keessatti qabata.

Kanaaf kan yeroodhaan jalqabuun kan barbaachisuuf. Yeroo yaaliifi maaltu akka isiinif hojjattu adda baasuf isiin gargaara. Akka qorannoo ibsutti qarshii baasuun qofti haala barnoota keenya hin fooyyeessu.

6. Of qoradhaa

"Of qorachuun" haalota waan qo'atan ittin yaadatan isiin gargaaran keessa isa bu'a qabeessa jedhu ogeeyyii qor-sammufi niiroosaayintiistii.

Teekniikin kun haala salphaadhaan akka hubattan isiin fayyada. Kunis immoo cal jettanii yaadachuu qofa osoo hin taane hubannaa keessanis ni dabala. Kana malees beekumsa keessan keessatti bakka hir'inna qabdan adda baasufis isiin fayyada.

Karaan bu'a qabeessi dhuma irra deebii booda godhamu kan of qorachuuf fayyadan keessa waraaqaa yaalii yookiin gaafiin of qorachuudha.

7. Barsiisa/tu ta'a

Ega amma irra deebii gootan, ofis qoratan...maaltu itti aanaa? Deemati nama biraa barsiisa, eeyyee!

Dandeettii yaadachuu keessa jajjabeessa: nama biraa barsiisuun of keessanii beekuufi qindaa'inna beekumsa keessa karaa gaariin qabachuu isiin gaafata.

8. Qaroo ta'a...bilbilla keessa dhoksa

Bilbilli fayyida isaa qaba. Garuu yeroo qo'annaa miti.

Qorannoon akka ibsuti yeroo dheeraa bilbilla waliin dabarsuun qabxii barnoota akka gad buusu ibsa.

Bilbila keessan minjaalarra keessanii hin tuqu jechuun of hin gowwumsiina: bilbila keessa ilaaluun karaa salphaa ta'een xiyyeeffannaa keessaan cabsuu akka ta'eeti ilaalama jedha qorannoon.

9. Muuziqaa xiqqeessa, cal'insaa baayyisa

Baratoonni naannoo cal'isaa keessatti qo'atan dandeetiin yaadachu isaanii bartoota muuziqaa dhageeffachaa qo'atan irra fooyyee qaba.

10. Boqannaa gaha, qilleensa fudhachuufi ispoortii hojjachuu

Irra deebii bu'a qabeessa jechuun yeroo dheeraa irratti dabarsuu jechuu miti: jiddu jidduun boqonnaafudhachuun sammuun keessan akka waan hojjate san yaadatuuf carraa kennudha.

Dabalataan immoo sammuun keessaniifi qaamni keessan kan walitti hidhatedh: ispoortii hojjachuun akka dhiigni keesssan haala gaariin qaama keessa dedeebi'uu, oksijiinii gaha ta'e gara qaama keessan akka seenufi akka haalan hojjattu gargaara- akkuma waan guyyaa qormaata isiin barbaachisu.

Qilleensa fudhachuun gara minjaala qo'aanaa keessanii deebitanii haal gaariin akka xiyyeeffattaan isiin gargaara.

11. Hirriiba

Guyyaa qormaat dura hirriba gaarii isiin barbaachisa.

Hirriba sa'aatiidhaan rafuun akka ganama yeroodhaan kaatanii, boqatanii irra deebii keessaniif qophii taanan isiin fayyada.