Maatii shanan addunyaarratti soorumaan dursaa jiran

Madda suuraa, Getty Images
Miidiyaan Ameerikaa dhimma biizinasiifi qabeenyarratti addatti fuulleffachuun hojjetu Bloomberg bara 2025 keessa maatii hunda caalaa addunyaarratti sooreyyii ta'an 25 qabeenya isaan qaban waliin tarreessee baaseera.
Qabeenyi waliigalaa sooressoota addunyaa maatii 25 kanaa dolaara Tiriiliyoona 2.9 kan qaqqabe yoo ta'u, waggaa tokko darbe keessa dolaara biliyoona 358.7n dabaleera.
Akka Bloomberg jedhutti, qabeenyisaanii kan dabaluu danda'e gatiin istook (qooda gabaa) dabaluu, akkasumas fedhiin meeshaalee kanneen akka sibiilaafi nyaata beeylada manaa dabaluudha. Kun akkuma jirutti ta'ee, dandeettii dhiibbaa uumuufi muuxannoon qaban waggoota kurnan darban keessa horatanis qabeenyisaanii akka guddatuufis gumaacheera.
Maatiin mootii Sa'ud Arabiyaa (Hause of Saud) bara kana keessa qabeenyi isaanii akkaan dabaleera. Kanaaf, bara kana akka sadarkaa Bloombarg baasetti sadarkaa sadaffaa qabataniiru. Bara darbe maatiin mootota Sa'ud Arabiyaa sadarkaa ja'affaarra turan.
Sooruma maatii addunyaa ilaalchisee wanti nama ajaa'ibu tokko ammoo maatii sooreyyii shanan jalqabaa keessaa sadii addunyaa Arabaa irraa ta'uu isaati.
Indiyaa irraa maatiin Ambaanii sadarkaa idil-addunyaatti tarree jiran keessaa saddetteffaa qabataniiru.
Bloomber maatiiwwan addunyaarratti sooreyyii ta'an hedduu sadarkaa isaaniitiin tarreesseera. Isaan keessaa warra shanan jalqabaa fi icciitii sooruma isaanii ilaalla.
5ffaa Maatii Egmeez

Madda suuraa, Getty Images
Qabeenya waliigalaa: Dolaara Biliyoona184
Egmeez kampaaniiwwan uffataa fi faashinii gurguddoo addunyaa ta'an keessaa isa tokkodha. Yeroo ammaa kana miseensota maatii Egmeez 100 ta'an dhaloota ja'a keessaa babba'anitu biizinasii kana gaggeessaa jira.
Hoji-gaggeessaan kampaanichaa Aleks Domus jedhama.
4ffaa Maatii Al Taaniiy

Madda suuraa, Getty Images
Biizinasii: Zayita boba'aa, warshaa
Qabeenya waliigalaa: Dolaara Biliyoona:199
Maatiin Al Taanii warra Qaataar daldala zayita boba'aa fi gaazii biyyattiin wal qabata.
Miseensonni maaltii kanaa harki caalan mootummaa keessatti aangoo gurguddaa keessa kan jiran yoo ta'u, sektaroota dinagdee gara garaa hogganu.
Maatiin kun maatii baayye eguddoo yoo ta'u, maatii kana keessaa dameen tokko garuu biyyattiidha bulchu.
3ffaa Maatii Mootota Sa'ud Arabiyaa

Madda suuraa, Getty Images
Biizinasii: Zayita boba'aa, warshaa
Qabeenya waliigalaa: Dolaara Biliyoona 213
Qabeenyi maatii moototaa Sa'ud Arabiyaa bara kana keessaa akkaan dabaleera. Akka tarree Bloomberg bara darbe kaa'etti, qabeenyi maatii kanaa Dolaara Biliyoona 140 ture. Haata'u malee bara kana Dolaara Biliyoona 73n dabalee Biliyoona 210 qaqqabeera.
Qabeenyi kun garri caalaan isaa biizinasii zayita boba'aa irraa kan dhufedha. Bloomberg qabeenya maatii kanaa kan tilmaame kaffaltaa miseensota maatiif kuusaa maallaqa maatii moototaa kan waggaa 50 irraa kaffalamerratti hudaa'uun ture.
Qabeenyi biyyattii dlaara biliyoona tokkoo ol ta'u ammoo to'annoo kallattii Ilma Mootii Mohaammad Bin Salmaan jaladha.
2ffaa maatii Al Naahiyaan

Madda suuraa, Getty Images
Maatii Al Naahiyaatiif maddi guddaan sooruma isaanii biizinasii zayita boba'aadha. Maatiin kun warra Yunaayitid Arab Emireetis (UAE) gaggeessanidha.
Bulchaa Abu Daabii kan ta'an Sheek Mohaammad Bin Zaayid Al Nahiyaan, Pirezidantii Yunaayitid Arab Emireetisidhas.
1ffaa Maatii Waalton

Madda suuraa, Getty Images
Maatiin Waalton gahee gabaa Waalmaart keessaa parsantaa 44 kan qaban yoo ta'u, neetiwoorkiin suppermaarketii kanaa madda soorumaa isaanii isa ijoodha.
Waalmaat guutummaa addunyaarraa man-kuusa ykn suppermaarketiiwwan 10,750 kan qabu yoo ta'u, torban torbaniin maamiltoota miliyoona 270tti tilmaamaman tajaajila.
Hundeessaan Waalmaart Saam Waalton tokkoummaa cimsuun, biizinasii maatii kana caalaa jajjabeessuuf ogummaatiin qabeenya isaa ijoollee hundaaf hire.
Akka Bloombargitti, qabeenyi Waalmart akka guddatuuf sababiin guddaan qabeenya isaanii eeguufi abbummaa maatiin qabeenya kana keessaa qaban osoo hin hir'siin waliigalteewwan biizinasii taasisuudha.















