Afrikaarraa biliyeenaroota qabaachuun biyyoota kamitu dursaa jira?

Madda suuraa, HP
Gabaasni Qabeenya Afrikaa 2025 haaraan, kan dhaabbata gorsaa invastimantii addunyaa Henley & Partners dhaabata birooNew Wolrd Wealth waliin ta'uun qophaa'u baase, kaartaa sooressoota addunyaarratti ardii Afrikaatiif fuula haaraa agarsiiseera.
Ardii Afrikaarraa biyyoonni torba biliyeenaroota qabaachuun tarree biliyeenaroota addunyaa keessatti hiriirsifataniiru.
nAfrikaan Kibbaa biyyoota Afrikaa torba tarree biliyeenaroota addunyaa keessa galan kanneen keessaa durarra jirti.
Bahaa Afrikaa irraammoo Tanzaaniyaan sadarkaa keessa galteetti
Walumaagalatti yeroo ammaa kana, Afrikaan biliyeenaroota 25, namoota qabeenya dolaara miloyoona 100 ol qaban 348 fi kanneen miliyeenaroota ta'an ammoo namoota 122,500 qabdi.
Haalli kun jaarraa 20ffaa gara dhumaa yeroo biliyeenaroonni muraasni turaniifi dinagdeen biyyoota Afrikaa gadi badaa turerraa baayyee jijjiiramaa dhufuu agarsiisa.
Akka gabaasichaatti, biyyoonni Afrikaa keessaa biliyeenaroota qabaachuun dursan isaan kanadha:
Afrikaa Kibbaa - biliyeenaroota 8 qabdi
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Masirii - biliyeenaroota 7 qabdi
Morookoo - biliyeenaroota 4 qabdi
Naajeeriyaa - biliyeenaroota 3 qabdi
Aljeeriyaa - biliyeenara 1 qabdi
Siishels - biliyeenara 1 qabdi
Tanzaaniyaa - biliyeenara 1 qabdi
Qabeenyi biliyeenaroota biyyoota Afrikaa torbaa kun walitti qabeenya Afrikaa parsanta 88 qabata.
Taanzaaniyaan biliyeenara tokko qabaachuun biyyoota Baha Afrikaa keessaa tokkoffaadha.
Akka gabaasa bara kanaatti Baha Afrikaa keessatti biyyo dinagdee guddaa qabdu Keeniyaan, biliyeenara tokkollee hin qabdu, garuu Tanzaaniyaa fi biyyoota Afrikaa Bahaa biroo kaan caalaa miliyeenaroota baayyee qabdi.
Keeniyaan Afrikaa keessatti namoota miliyeenara ta'an qabaachuun shanaffaarratti kan argamtu yoo ta'u, miliyeenaroota 6,800 qabdi.
Itoophiyaa keessatti ragaan wayee kanaa himu badaa hin jiru. Dhaabbileen Itoophiyaa kana haala qindaa'aan galmeessanis badaaa hin jiran.
Haata'u malee dhaabbileen idil-addunyaa ragaalee argatan hanga ta'erratti hundaa'uun galmeessuuf yaalaniiru.
Dhaabbatni Henley & Partners jedhamuufi dhimma qabeenyaafi Investimantiirratti hojjetu gabaasa Top 10 Wealthiest Countries in Africa bara 2024 baaseen, Itoophiyaan abbootii qabeenyaa doolaara miiliyoona tokkoo ol galmeessan 2,700 qabdii jedhe.
Gabaasichi Afrikaan Kibbaa miliyeenarootaafi biliyeenaroota hedduu qabaachuun Afrikaarraa sadarkaa tokkoffaarra jiraachuu hima.
Itoophiyaan ammoo dureeyyii 2,704 qabaachuun Afrikaa keessaa sadarkaa sagalaffaarra jirtii jedha.
Afrikaan Kibbaa ardii Afrikaa keessatti hunda caalaa soorettiidha

Gabaasni kun Afrikaa Kibbaa wiirtuu qabeenya guddaa Afrikaa ta'uun kan ramade yoo ta'u, miliyeenaroota 41,100 qabdi. Kunis lakkoofsa miliyeenaroota biyyoota shanan itti aanan: Masrii, Morookoo, Naajeeriyaa fi Keeniyaa walitti qabaman caalaa baay'eedha.
Masriin miliyeenaroota 14,800 qabachuun sadarkaa 2ffaa irra kan jirtu yoo ta'u, Morookoon (7,500), Naajeeriyaa (7,200) fi Keeniyaan (6,800) itti aantee jirti.
Gabaasni kun akka hubachiisutti, waggoota kurnan dhufan keessatti lakkoofsi miliyeenaroota Afrikaa dhibbeentaa 65n akka dabalu kan eegamu yoo ta'u, kunis invastimantii yeroo dheeraaf carraa guddaa ta'uu agarsiisa.
Kunis kan ta'e diinagdeen Afrikaa Sahaaraa gadii bara 2025tti %3.7 guddachuu, bara 2026tti %4.1 akka ga'u kan tilmaamame yoo ta'u, saffisa kan Awurooppaa (%0.7) fi Ameerikaa (%1.4) caala.
Biyyoota guddachaa fi kufaa deeman
Mooriiishes waggoota 10 darban keessatti guddina namoota dhuunfaa qabeenya guddaa qaban (HNWI) dhibbeentaa 63n dursaa turte, kunis tasgabbii siyaasaa fi imaammata gibiraa mijataa ta'een kan hoogganamudha.
Ruwaandaa (+48%) fi Morookoo (+40%)s guddina guddaa agarsiisaniiru.
Haata'u malee, biyyoonni tokko tokko lakkoofsi miliyeenarootaa qaban hir'achuu kan agarsiisan yoo ta'u, Naajeeriyaa (-47%), Angoolaa (-36%) fi Aljeeriyaa (-23%) warra hir'isan keessatti argamu.
Akka itti gaafatamaan kutaa maamiltoota dhuunfaa Henley & Partners Dominiik Voolek jedhutti, Afrikaan amma qabeenya addunyaaf sochoostuu ijoo taatee mul'atteetti.
"Dameen godaansa invastimantii amma kallattii lamaan hojjechaa jira: Afrikaanonni carraa idil-addunyaa dabalataa barbaadaa jiru, invastaroota biyya alaa ammoo Afrikaa akka bakka invastimantii yeroo dheeraa fi tasgabbaa'aa ta'etti ilaalaa jiru," jedhu.















