Hooggantoonni TPLF irraa adda bahan paartii lammataa hundeessuuf Maqaleetti kora taa'an

Qindeessaa yeroo Wudib Walado Tigraay Obbo Gi'ush Gidey

Madda suuraa, sm

Ibsa waa'ee suuraa, Qindeessaa yeroo hundeeffama paartichaa kan ta'an Obbo Gi'ush Gidey yeroo Obbo Geetaachoo Raddaa pirezidantii bulchiinsa yeroo turanitti bulchaa Godina Giddugaleessaa turan

Erga dhibdeen TPLF gidduutti dhalachuun hooggantoonni paartichaa qoqqodamiin paartiin lammaffaan hundaa'uusaati.

Paartiin amma hundeessuuf korri Maqaleetti taa'ame kun Wudib Walado Tigray jedhama.

Paartii dhaloota Tigraay jechuudha.

Kora hundeeffamasaa Sambata Fulbaana 20, 2025 Maqalee, hoteela Pilaaneet jedhamutti kan gaggeesse paartiin kun filannoo dhufurratti hirmaachuuf karoora akka qabu ibseera.

Qindeessitoota hundeeffama paartichaa keessaa sadi yeroo Obbo Geetaachoo Raddaa pirezidantii bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay bulchitoota godinaa warra turaniidha.

Isaanis bulchaa Godina Giddugaleessaa kan turan Ge'ush Gidey, bulchaa Godina Kaaba Lixaa kan turan Obbo Taklaay Fiqaaduu fi bulchaa Godina Bahaa kan turan Obbo Salamoon Tiku'im.

Miseensota akkasumas hooggantoota TPLF kan turan qindeessitoonni kunneen qoqqoodiinsa paarticha keessatti uumameen keessaa ba'an.

Hundeessitoonni paartii haaraa kunneen qondaalota TPLF Obbo Geetaachoo Raddaa hordofuun gara Finfinneetti imalan keessaati.

Garee TPLF kan Dr Dabratsiyon Gabramikaa'eliin durfamuu fi kan Obbo Geetaachoon durfamaa ture gidduutti muddamni hammaate aanga'oonni paartichaa kara karaa akka imalan dirqamsiiseera.

Gorsaa dhimmoota Baha Afrikaa Ministira Muummee Abiy Ahmad ta'uun kan muudaman Obbo Geetaachoo Raddaatiin gareen durfamus paartii haaraa ''Simret'' jedhamu hundeessuuf adeemsa eegalanii turan.

Paartii siyaasaa naannoo ta'ee akka hundaa'uuf Boordii Filannoo irraa eeyyama yeroofii kan argate ''Simret'', waajjira magaalaa Maqaleetti banate irratti saamichi akka raawwate himatee ture.

Qoqqoodiinsi TPLF gidduutti mudate paartileen haaraan akka uumaman qofaaf sababa hin taane. Hidhattoonni haaraanis uumamaniiru.

Akka fakkeenyaatti hidhattoonni ''Humnoota Nageenyaa Tigraay'' jedhaman naannoo ollaa Tigraay taate Affaar keessa socho'aa jiru.

Humni hidhate kun yeroo garaagaraatti humnoota Tigraay waliin walitti bu'aa tureera.

Paartii Dhaloota Tigraay

Madda suuraa, sm

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kora hundeeffama isaa Sambata kan gaggeeffamte "Wudib Walado Tigraay" paartii siyaasaa qindoomina namoota dhuunfaa hooggansa TPLF keessaa bahaniin hundeeffame isa lammaffaa ta'eera.

Qindeessaan yeroo paartichaa Obbo Ge'ush Gidey ''siyaasa Tigraay keessaa waan dhiibamaniif dhaaba siyaasaa ijaaruuf dirqamne'' jedhan.

"Tigraay keessatti fedhiin jijjiiramaa jira; fedhii jijjiiramaa dhaloota dargaggeeyyii dhugoomsuuf dhaaba haaraa 'dhaloota' jedhamu qabannee dhufneerra," jedhan.

Wudib Waldo Tigraay; mallattoo miseensotaa walitti qabuu fi konfiraansii hundeefamasaa gaggeessuuf boordii filannoorraa eeyyama yeroofii kan argate Adoolessa 2017 ture.

Ergasii akkaataa bu'uura seera ittiin bulmaataa boordii filannootiin mallattoo miseensota hundeessitootaa kuma afur walitti qabaniiru.

Obbo Ge'ush dambiin miseensummaa fi "manifestoon" dhaabichaa konfiraansii hundeessitoota Sambata taa'ame irratti ifoomeera jedhan. Itti dabaluunis dura taa'aa dabalatee hoggantoota dhaabaa sadarkaa adda addaatiif filannoon ni gaggeeffama jedhan.

Qindeessaan kun paarichi ilaalcha akkamii akka hordofu gaafatamanii, "ilaalcha biyya keessaa fi sirna Tigraay kan kabaju ta'uu" ibsan.

Paartiinsaanii filannoo waliigalaa torbaffaa bara kana gaggeeffama jedhamee eegamu irratti hirmaachuuf karoorfachuu isaa ibsaniiru.

Obbo Ge'ush filannoo bara 2018 "injifachuuf cimanii akka hojjetan" ibsaniiru.

"Yoo hin injifanne akka dhaaba siyaasaa dorgomaa naannichaatti itti fufna."

Hirmaattota kora hundeeffama paartichaa

Madda suuraa, Laza Tigrigna

Ibsa waa'ee suuraa, Hirmaattota kora hundeeffama paartichaa