Azarbaajaan xiyyaarrishee osoo hin kufin dura 'giddu-galummaa alaatiin' Raashiyaa irratti rukutame jette

Madda suuraa, Reuters
Ministirri geejjibaa Azarbaajaan xiyyaarri Daandii Qilleensaa Azarbaajaan Muddee 25 kufe, rippabiliika kibba Raashiyaa Cheecheniyaa keessa bu'uuf yaaluun isaa, "giddu-galummaa alaatiin" keessaa fi alaan miidhame jedhan.
"Namoonni lubbuun hafan hundinuu osoo adda hin baafamin, xiyyaarri kun wayita samii Grozny irra turetti sagalee dho'iinsa sadii dhaga'uusaanii ibsan," jedha Rashaad Naabiyev.
Xiyyaarri kun galaana Kaazaakistaan ce'ee gara Kaazaakistaan osoo hin deebii'iin dura sirna ittisa qilleensaa Raashiyaa irraa akka itti dhukaafame yaadama. Achitti kufees lubbuun namoota 38 galaafate.
Kireemlin yaada kennuu dide, haata'u malee itti gaafatamaan dhaabbata siiviil aviyeeshinii Raashiyaa yeroo sanatti haalli Girozny ''baay'ee walxaxaa'' akka turee fi pirootokooliin samii-cufaa kaa'ame ture jedhan.
Itti gaafatamaan Roozaaviiyaashiyaa, Dimitiri Yaadroov ibsa karaa viidiyootiin dhaabbata oduu Raashiyaa Tass irratti maxxanseen, ''dirooniin waraanaa Yukireen magaalota Grozny fi Vladikavkaz keessatti bu'uuraalee misoomaa siiviilii irratti haleellaa shororkeessummaa raawwachaa turan,'' jedhan.
"Sababa kanaan naannoo buufata xiyyaaraa Grozny keessatti 'karoorri hafaa' (Carpet Plan) kan jalqabame yoo ta'u, xiyyaaronni hundi naannoo murtaa'e irraa hatattamaan akka ka'aniif kan tumamedha," jedhan.
"Kana malees, naannoo buufata xiyyaaraa Grozny keessatti awwaara cimaatu ture."
Dubbi himaan pirezdaantii Yukireen, Andirii Yermaak, balaa xiyyaarichaaf Raashiyaan itti gaafatamummaa fudhachuu qabdi jedhan.
Dhaabbanni Daandiin Xiyyaaraa Azarbaajiyaan ammoo, Jimaata darbe akka jedhetti, qorannoon duraa ''gama qaamaa fi teeknikaatiin gidduu seenummaa alaa'' jechuun lamaanuu komate osoo bal'inaan hin ibsiin.
Haata'u malee, ogeeyyiin aviyeeshinii fi namoonni biroo Azarbaajaan keessaa, sirni GPS xiyyaarichaa karaa elektirooniksiitiin kan miidhame yoo ta'u, sana booda dhohinsa misaa'ela ittisa qilleensaa Raashiyaatiin miidhame amanu.
Ministirri geejjibaa qorattoonni amma, ''meeshaa waraanaa ykn rookkeettii akkamii akka fayyadame'' ni qoratu jedhan.

Madda suuraa, REX/Shutterstock
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Motummaa Baakuu keessaa garuu kallattiidhaan Raashiyaa himachuurraa kan of qusate yoo ta'u, tarii Pirezidanti Vilaadmiir Putiin waliin jibba keessaa akka hin seeneef ta'u mala.
Haata'u malee, Miseensi paarlaamaa mootummaa deggeru, Raasim Musabekov ifatti: "Xiyyaarri kun naannoo Raashiyaa, samii Grozny irratti haleellame. Kana haaluun hin danda'amu," jedhan.
Xiyyaarichi miidhaan irra ga'uu fi balaliisaa xiyyaarichaa Grozny keessatti hatattamaan qubachuuf gaafachuusaa dhaabbata oduu AFPtti himeera. Buufata xiyyaaraa dhiyoo jirutti qajeelfamuu dhiisanii GPS malee Galaana Kaaspiyaan qaxxaamuruun ''fagootti ergame'' jedhan.
Hojjetaan balaliinsaa Zulfuqaar Asaadov, yeroo xiyyaarichi Cheecheniyaa irratti ''karaa alaatiin waan ta'een haleelamu dhagahu'' ibste.
"Dhiibbaan taatee sanaatiis xiyyaaricha keessatti naasuu uume. Akka tasgabbaa'aniifi taa'aniif gochuu yaalle. Yeroo sanatti, haleellaan gara biraa raawwatame, harki koos miidhame."
Paayileetiin sorama bahee Azarbaajaan, Taahir Agaguliev, miidiyaalee Azarbaajaaniitti akka himanitti, haleellaatuu haayidirooliiksii xiyyaaricha to'atu irratti miidhaa geessiseera: "Misaa'elli mataansaa xiyyaaricha hin rukunne; dhukaatuu misaa'elaa (shrapnel) rukute. Misaa'elichi gara meetira 10 (30ft) fagaatee, osoo xiyyaara bira hin ga'iin dura dhoohe," xiyyaaricha."
Paayileetonni xiyyaara Embraer 190 kanaatiis, qaama xiyyaarichaa gartokkee lafaan gahuu qaqabuudhaan, waan lubbuun imaltoota xiyyaaricha keessa turan keessaa 29 baraaruun isaanii ni leellifameera.

Madda suuraa, REX/Shutterstock
Xiyyaarri Daandii Qilleensaa Azarbaajaan Raayyaa ittisa qilleensaa Raashiyaan rukutame ilaalchisee himannaan dabalaa dhufe irratti Kiremliin garuu yaada kennuu dide.
Dubbi himaan Dimitiri Peeskov, ''qorannoon taatee aviyeeshinii kana irratti gaggeeffamaa kan jiru yoo ta'u, bu'aa qorannoo kanaan hanga xumura hin argamnetti tilamaama kamiyyuu kennuudhaaf mirga akka qabnu of hin ilaallu,'' jedhan.
Azarbaajaan mootummaan Raashiyaa dhiifama akka gaafatu ykn yoo xiqqaate haleellaa raawwachusaatti akka amanu barbaadaa akka jirtu, namoonni mootummaa Baakuutti dhihoo ta'e ni dubbatu.
Waggaa afur dura Baakuun dhuma waraana bara 2020, Nagorno-Karabakh keessatti helikooptarri humna qilleensaa Raashiyaa Mi-24 wayita itti dhukaafamuun kufeetti gaaffii beenyaa dhihaateef dhiifama gaafattee turte.
''Amma ammoo akkasumas gama Azarbaajaanin Raashiyaan tarkaanfiiwwan sana akka fudhattu eegaa jira,'' jedhan namni siyaasaa yaada kenne, Faarhaad Maammaadov.
Angawoonni Kaazaakistaan namoota miidhaman yaaluudhaan, qorannoo kana irrattis Azarbaajaan waliin walitti dhiyeenyaan hojjechaa jiru.
Qondaaltonni akka jedhanitti, oomishtoonni xiyyaarichaa, Biraazil Embraer, ogeeyyii lama gara bakka balaan kun itti dhaqqabe, kan buufata xiyyaaraa Akta'uu Kaazaakistaan irraa km3 fagaatutti kan ergaman yoo ta'u, miseensonni dhaabbata aviyeeshinii Biraazil sadii ammoo Samabata har'aa akka dhaqab eegama.
Daandiin Qilleensaa Azarbaajaan fi daandiiwwan qilleensaa biroo hedduunis balaa xiyyaarichaaf deebii kennuuf jecha gara magaalota Raashiyaa tokko tokkootti balalii taasisan addaan kutaniiru.













