'Bakka gahuu feenudha' - Arsenaal 'abaarsa' ganna 14 cabse

Bitootessa 9, 2010, Niklaas Beenditnar rukuttaa penaalitii galchuun hatirikii hojjetee Poortoo 5-0 mo'atan. Tapha marroo jalqabaa Chaampiyoons Liigii kan mo'amanii turan Arsenaalonni, mo'icha kanaan nuusa-xumuraa qaqqaban.

Ergasii waggaa 14 fi guyyoota sadiin booda, Arsenaal gareewwan xumuraa saddeet falmii Chaampiyoons Liigii Awurooppaa qaqqabe. Akkuma gaafasii Poortoo, rukuttaa penaalitii fi marroo jalqabaan mo'amuurraa kahuun injifachuu taateewwan lamaan kana walfakkeessa.

Taatee ammaa kanaan kan dubbii ijoo tahe nama penaalitii rukutee galche odoo hin taane, karra eegaa goolii oolchedha. Deevid Raayaa rukuttaa penaalitii kanaan galchiiwwan lama oolchuun, Arsenaala 4-2n mo'ateera.

Arsenaal tapha kana dura Porchugaalitti 1-0n mo'amee dhufe. Liyaandiroo Tiroosaard tapha keessa galchii tokkittii lakkoofsiseen, hanga sa'aatii dabalataa gaheera.

Sa'aatii dabalataa keessa miirri muddamaa Istaadiyemii Arsenaal guutee ture.

Garuu gaafa Raayaan gar bitaa utaaluun rukuttaa Gaalenoo oolchu, gammachuufi qiliixamsuun akka malee Istaadiyemii Emireetisitti bu'e - miira barkurnee tokkoof eegamaa ture.

"[Erga kun tahee] waggaa 14 taheera. Kuni kilaba akka Arsenaaliif yeroo dheeraadha. Hangam cimaa akka tures kan agarsisedha," jechuun leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteettaa TNT Sports'tti hime.

"Battala murteessaa maayichaa argachuuf cimnee hojjechuun nurra ture. Istaadiyemii keessatti miira ajaa'ibaa uumuu jalqabneerra. Kana milkeessuuf hundi keenya carraaqaa turre, wajjin taanees milkoofneerra."

Barri taphaa Chaampiyoons Liigii 2009-10 Arsenaaliif, bara dhumaa kilaboota gurguddoo Awurooppaa jedhaman keessaa itti bahedha.

Gaafas morkataa isaanii Poortoo marsaa 16 irra mo'achuu danda'anis, nuusa-xumuraa irratti Baarseloonaan akkaan injifataman. Taphni marroo lammeessoo 4 fi 1'n mo'icha Baarsaan obba'e - arfanuu Meesiitu galche.

Arsenaal nuusa-xumuraa Chaampiyoons Liigii kan milkeessuu danda'an, erga Pirimeer Liigii dursuu jalqabanii guyyootaan booda ture.

Gaazexeessituun BBC Emaa Ismiiz akka jettutti, kun ammoo Za Gaanars kubbaa miilaa Awurooppaa keessa olbahanii mul'achuu jalqabuu isaaniif abdiin akka dagaagu godheera.

"Akka dhuunfaatti yeroo duuraaf Chaampiyoons Liigii keessa taphachuu kootti, miira addaatu [natti dhagahame]. Akkasumas kilabichi waggoota hedduun duuba nuusa xumuraa gahuun miira addaati," jechuun karra eegaa Raayaa TNT Sports'tti hime.

Za Gaanars ammaaf miira guddaa fi gammachuu keessa jiraachuu malu, garuu miira kana itti fufsiisuun isaanirraa eegama. Kuni kan jalqabu taphasaanii ittaanu irraati.

Boqonnaa taphoota idiladdunyaa guyyoota 19 booda, tapha Pirimeer Liigii akkaan eegamuun Siitii morkachuuf gara Maanchistar deemu.

Leenjisaa isaanii Arteettaa, Chaampiyoons Liigii fi waancaa Pirimeer Liigii lammanuu yeroo jalqabaaf kaasuuf abdatuuf, qormaatasaa cimaa ittaanuuti. Inni garuu qophaa'eera jedha.

"Haalli amma keessa jiru bakka itti gahuu feenudha. Obsaan eeggachaa turre, cimnees hojjenne. Namoonni hedduunis battala cimaa ta'anitti, murtee sirrii fudhatan. Bakka irra jiraachuu barbaaddus kana."

Kan gabaase Emaa Ismiiz, BBC Ispoort irraa