Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Injifannoo goolii walakkaa darzanaa booda 'halkan miidhagaa ture' jedhe Artetaan
Arsenaal Wiixata galgala tapha piriimiyeer Liigii dirree isaa malee deemee Sheefild Yunaayitidiin morkate 6-0n injifateera.
Arsenaal daqiiqaa 39ffaa irratti qaata gooliiwwan shan lakkoofsisee taphicha irra aane. Kanaanis seenaa haaraa hojjete.
Piriimiyeer Liigicha keessatti gareen daqiiqaa 40ffaa dursee goolii 5-0n masaanuusaa durse hin jiru.
To'annoo kubbaa dhibbeentaa 80 kan qabate Arsenaal, yaaliiwwan goolii 16 yaaleera.
Sheefild garaagartummaa goolii hedduun yoo injifatamu kan jalqabaasaa miti. Fulbaana darbe Niiwkaasiliin 8-0n injifatameera. Injifannoon Arsenaaliin irra gahe garuu gahumsi kilabichaa akka malee akka qeeqamu sababa ta'eera.
''Kun saalfachiisaadha'' jedhe xiinxalaan kubbaa miilaa Sky Ispoort Jimii Kaarager.
''Gahumsa gad aanaa akkasii argee waanin beeku miti, kan kana caala badaas waanin argu hin ta'uu'' jedheera.
Leenjisaan Arsenaal Mikeel Artetaa ''halkan miidhagaa'' ture jedhe. ''Haalli taphicha itti eegalle garaagarummaa uumeera, baayyee jifannee taphanne, gahumsa gaarii agarsiifne'' jedhe.
Taphni eegalee daqiiqaa 15ffaarratti Arsenaal goolii sadii Odegaardiifi Martineeliin akkasuma goolii taphataan Sheefild ofirratti galcheen taphicha galaafatee ture. Achii boodas hin dhaabne. Haaverts, Raayisiifi Been Waayit gooliiwwan sadii biroo itti daranii daqiiqaa 58ffaa irratti goolii 6-0 irra gahee dhaabate.
Arsenaal taphoota qabu injifachuun morkii waancaaf godhu jabeessuu qofa osoo hin taane gooliiwwan hedduu roobsuun morkii garaagarummaa qabxii tokkoon jabaatetti irra aanee baahuuf tattaafachaa jira.
Arsenaal liigicha kan dursu Liivarpuulirra goolii dabalataa jaha qaba. lamaffaarra kan jiru Siitii ammoo goolii 10n dursa.
Arsenaal taphoota ligichaa darban afur Weestihaam, Baarnileey, Niwkaasiliifi Sheefild waliin taphate ida'amaan goolii 17-1n injifate.
Akka tilmaama sirna koompitaraa dhaabbata Opta jedhamu hojjetetti taphoota hafan fi dhimmoota kaan ilaalcha keessa galchuun Arsenaal waancaa primiyeer Liigii injifachuuf hiree dhibbeentaa 11.2 argachuun sadarkaa sadaffaarra jira.