Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haati yeroo tokkotti daa'imman sadii deesse ilmaansheef maqaa taphattoota Arsenaal moggaaste
Haati Keeniyaatti yeroo tokkotti ijoollee sadii deesse ilmaansheef maqaa taphattoota Arsanaal moggaasuun dubbii ijoo taate.
Ipakaan Ekaalee deeggartuu kilaba Piriimiyeer Liigii Ingiliiz yoo taatu ijoollee sadi yeroo tokkotti deesseen Maartineelii, Jeesuusiifi Magalees jechuun maqaa taphattoota Arsenal sadan itti moggaaste.
Ipakaan Keeniyaa kaawuntii Turkaanaa keessa jiraatti. Haati kun yeroo tokkotti ijoollee sadii erga deessee booda isheenis ijoolleenis haala gaariirra jiruu jechuun miidiyaaleen Keeniyaa gabaasaniiru.
Barruun Keeniyaa The Star deeggartootni Arsanaal Keeniyaa keessa jiran Hospitaala Ipaakaan keessa jirtutti imalanii ishee gaafachaa jiru jedha.
Deeggartootni kun dhaqanii yeroo gaafatan maallaqa walitti qabuun meeshaalee adda addaa arjoomaniiru.
Meeshaalee deeggartootni kun bitanii arjoomaniif keessa daakuun aannanii, huccuu, saamunaa, daayipariifi kaanis ni argamu.
Haati deeggartuu Arsanaal taate kun gumaacha godhameen gammaduu ibsiteetti.
Haati kun yeroo tokktti daa'imman sadii guddisuuf humna akka hin qabne kan hubatan deeggartootni Arsanaal deddeebi'anii akka ishee gargaaran waadaa galaniiru.
Haati ganna 30 kun dhiira dubara lamaafi dhiira tokko deesse. Sadeeniin Maartineelii, Jeesus fi Magalees jetteetti.
Maqaan kun kan taphattoota lammii Biraaziili. Ipakaan ammoo naannoo Turkaanaa keessatti kasala gurguruun jireenyashee gaggeessiti.
Seenaa kana waldaa Deeggartoota Arsanaal Keeniyaatu miidiyaalee hawasaa adda addaarratti qoode. Ergasii deeggartootni garee kanaa Ipaakaa uitti fufiinsaan gargaaruuf duula adda addaa jalqabaniiru.
Deeggartootni garee Arsanaaliifi Maanchistar Yunaatiid Keeniyaa keessa jiran waantoota akka kanaa wayita godhan kun kan jalqabaa miti.
Deeggartootni kun wal sassaabanii kan dhibe gaafachaa fi dhiiga arjoomuun mata duree oduu ta'anii beeku.
Torbanoota dura ammoo deeggartootni Arsanaal magaalaa Naayiroobii wal sassaabanii gareen isaanii milkii akka argatu waldaa dhaqanii kadhannaa godhaniiru.
Arsanaal Kiristaal paalaasiin 5-0 rga jifatee booda huccuu kilaba isaanii uffachuun faarfannaa fi shubbisaan gammachuu ibsatanii ture.
Kadhannaa isaaniin Arsanaal waancaa liigichaa akka injifatu gaafatan.
Ji'oota durammoo deeggaraan Yunaayitiid tokko tirgaan nyaatamuutti aree killee 15 liqimsuun hospitaala galuun dubbii ijoo ta'ee ture.