Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gammachuu ibsannaa injifannoo Liivarpuulirratti argataniin 'jaaladheera' jedhe Arteettaan
Dilbata darbe Arsenaal sadarkaa tokkoffaarra kan jiru Liivarpuulin erga injifatee booda gammachuu ibsannaan Emireetsitti mul'ate komiis, deeggarsas argateera.
Arsenaal garee Liivarpuul garaagartummaa qabxii shaniin isa dursu goolii 3-1 injifate.
Injifannoon kun Arsenaaliif murteessaa ture. Osoo injifatamee ykn qixxee bahee jiraate fiigichi waancaa liigichaa argachuuf godhu akkaan danqamuu mala ture.
Goolii sadaffaan Tiroosaardiin yeroo lakkaa'amtu daqiiqaan idilee 90 raawwatee daqiiqaa dabalataa lammarraa gahee ture taphni.
Leenjisaan kilabichaa Mikeel Arteettaa fiigicha gammachuun goodaa waliin gahe. Emireets iyya guddaatu ture.
Dursaan taphattootaa Arsenaal Maartiin Odegaard wayita taphni raawwatu fotoogiraafara gareesaanii harkaa kaameraa ergifatee suura kaasuu eegale.
Taphni erga raawwatee haalli gammachuun itti ibsame ''hin baayyate'' yaadni jedhu miidiyaarra naanna'aa ture.
Odegaard tapha booda ''tapha yeroo injifattu gammachuu kee hin ibsattu yoo ta'e gammachuu ibsachuun yoom siif hayyamama'' jedhe.
Tapha torbee 24ffaa Sambata kana, Dilbataa fi Wiixata itti fufu dura miidiyaaleetti kan dubatte Mikeel Arteettaan ammoo gammachuu ibsannnaa sanaan ''jaaladheera'' jedhe.
''Leenjistootni as Emireetsittis, dirree kaanittis dirree seenaniin jilbeeffatanii argeera. Leenjistootni gurguddoon Piriimiyeer Liigii sarara dirree naanna'aa yoo gammadan argeera'' jedhe.
Halli gammachuun itti ibsame isaaf ajaa'iba ta'uu kan himu Arteettaan ''warri kaan akka biraatti yaaduu danda'uu'' jedhe.
Xiinxalaan kubbaa miilaa Sky Sport Gaariiy Neeviil gammachuu ibsannaan Arsenaal ''hanqinni bilichinaa muraasni jiraachuu agarsiisa'' jechuun qeeqe.
Arteettaan garuu ''akka dhuunfaa kootti jaaladheera'' jedhe.
''Haala adda fi uumamaa ta'een yeroo raawwatamu taphaaf kaka'umsaa fi miira fidaa'' jedhe ibsannaa gammachuu saniif deeggarsa qabu agarsiise.