Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Baroota gidduutti morkii waancaa isa jabaa- Piirimiyeer Liigicha eenyu injifata?
Morkiin waancaa Piriimiyeer Liigii bara kanaa baroota keessatti isa jabaa ta'eera.
Taphoota torban kanaan garaagartummaa qabxii kilaboota sadarkaa tokkoo hanga sadii qabatan wanti bal'isu hin mudanne.
Liivarpuul Sambata xiqqaa dirree Nootiihigaam Foorest dhaqee seenaa baroota dhiyoo keessatti yeroo duraaf goolii daqiiqaa dhumaatti galcheen injifateera. sadarkaa lammataatti mucacaachuuf fiixeerraa deebi'e.
Maanchistar Siitiin ammoo dirreesaa Etihaaditti daqiiqawwan 55f durfamaa erga turee boodaa ka'ee 3-1 Yunaayitid injifateera.
Sadaffaarra kan jiru Arsenaal Wiixata kana kilaba yaaddoo liigicha keessaa ba'uurra jiru, Sheefild Yunaayitii dhaqee morkata.
Dirreen Liivarpuul Anfiild Dilbata dhufu morkii waancaarratti ergaa dhaamu ni qabaata. Miidhamni taphattootaa itti hammaatus harka laachaa kan hin jirre Liivarpuul Siitii morkata.
Liigichi xumuramuuf taphoota hafan 11 hunda caala Arsenaalitti waan ciman fakkaatu. Cheelsii, Siitii, Astoon viilaa, Tootenhaamiifi Yunaayitiid fa'a waliin taphata.
Siitiin Torba dhuftu Liivarpuuliin morkatee dhuma ji'a kanaa ammoo Etihaaditti Arsenaaliin falma.
Kilabootni sadeen waancaaf morkachaa jiran Arsanaal, Liivarpuuliifi Siitiin taphoota 11 isaan hafan keessaa taphoota shan shan dirree alagaa deemuun taphatu.
Liivarpuul warra dirreessaa malee dhaqee morkatu keessaa Maanchistar Yunaayitiidifi Astoon Viilaan itti cimuu danda'u.
Siitiin ammoo Liivarpuul fi Tootenhaamiin dirreessaaniitti dhaqee morkata. Arsanaal waliin ammoo Etihaaditti morkata. Taphootni kun itti cimuu malu.
Arsanaal ammoo dirreessaa malee kanneen dhakee morkatu keessaa Maanchistar Siitii, Tootenhaam fi Maanchistar Yunaayitiid ni argamu. Dirreessaatti ammoo Cheelsiifi Astoon Viilaan qoramu danda'a.
Moodeliin kompitaraa Optaa bu'aa taphoota hafan kana injifanoo, qixxeefi mo'amuu kan jedhuun erga adda baasee booda gahumsa yeroo dhiyoo gareelee jiranii fi dhimmoota kaanis ilaalcha keessa galchuun gareen kam hiree olaanaa waanchicha injifachuu akka qabu tilmaameera.
Akka tilmaama kanaatti Maanchistar Siitiin hiree 52.9%, Liivarpuul hiree 35.9%, Arsenaal ammo hiree 11.2% argataniiru.
Taphoota 11 hafan gidduutti garuu wantootni baayyeen geeddaramuu danda'u.