Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Yargen Kiloop Liverpuul gadhiisnaan hirriba nagaa rafee buluukooti'- Gaardiyoolaa
'’Kana booda hirriba nagaan rafa. Yeroo taphni Liiverpuul walin taphannu gahu dhugaatti halkan guutuu abjoochaan [wareeraa] bula jechuun danda’ama,’ jedhan leenjisaan maanchister Siitii, Peep Gaardiyoolaan.
Morkataa Gaardiyoolaa yeroo dheeraa tahuun kan beekaman Kilooppi Gaardiyoolaan leenjisaa jabaa tahus akka inni kana caalaa dandeettii qabu hundaa fayyadamuun sadarkaa kanarra gahu nama gumaacha olaanaa qabanidha.
Jalqaba yeroo Gaardiyoolaan leenjisaa Baayern Munik turan, Kilooppi ammoo Boorushiyaa Doortimoondi leenjisaa turan. Achiin booda maanchister Siitii fi Liiverpuul gidduu falmii ture waan addunyaan argedha.
Garuu Kilooppi kileba baajata xiqqaa qabaniin hojjetu Gaardiyoolaan taphattoota barbaadan kamiyyuu kilebichi ni fidaaf.
‘’Akkuma nama kamiiyyuu yeroon oduu kana dhagahe naheera. Dhugaa dubbachuuf isa dhabuu hin qabnu ture. Gar-tokkeen Maanchister Siitii akka badetti natti dhagahame. Isaa fi Liiverpuul malee turtiin keenya asii hiika hin qabu ture,’’ jechuun dinqisiifannaa Kilooppiif qaban himan.
Kilooppi TNT Sport irratti akka dubbatanitti, kilebichaa bahuu barbaadeen miti. Bahuuma waanan qabuufidha malee. Yoon gareekoo shaampiyoonsi Liigii akka mo’atan hin gargaarre, yoo hin onnachiisne maalifan hojicha irra tura?
‘’Hojicha irra teessee amma shaakala kan qabnu yoomi isa jedhanii gaafataa jiraatan an gochuu hin danda’u.
Sababni isaa kun anaaf hojii guddaadha. Akkuma kara deemaa tokkoo tahuu hin barbaadu. Anis kanumaafan murteesse’’ jedhan.
Kilooppi leenjisaa Liiverpuuliif hojjetaman jedhamanii beekamu. Kilebichi aadaa Kilooppi jaalatu qaba.
Miirri deeggartootaa Aanfiilditti mul'atuu fi addunyaarraa bakka biraatti hin argamne sun miira Kilooppi isa ho'aa fi yeroo gareen isaa galchii lakkoofsisu haga kishaafee [fuullee ijaa] cabsutti utaaluun gammachuu isaa ibsatu sun waggootaaf wal tahaniiru.
Kilooppi Liiverpuuliin ala kana booda kileba Piriimer Liigii kamiyyuu keessatti na hin argitan kan jedhaniif. Leenjisichi hedduu jaalatamu.
Dudduubatti deebinee yoo ilaallu, Kilooppi bara 2013 Sir Aleeksi Fergusaniin akka bakka bu'aniif hedduu barbaadamanii ture.
Inumaayyuu gara Oldi Tiraafoordi dhufuun haadha warraa isaanii waliin daawwachuu Kilooppi Sky Sport irratti dubbataniiru.
Ulaan garuu 'lakki jette. Waa'ee Maanchister Yuunaayitid kana miira gaariin natti hin dhagahamne' na jette jedhan.
Kilooppi Maanchister Yuunaayitid leenjisuu barbaadanis murtee haadha warraa isaaniin dhiisan.
Achiin booda Liiverpuul gahanii daawwatan.
'Kilebni siif tahu kunoo isa kana' na jette jechuun murtoo haadha warraa isaanii himan.
Kanumaan walumaagalaan barri dorgommii kun yoo xumuramu waggoota sagaliif Liiverpuuliin leenjisanii gadhiisu jechuudha.
Kilooppi qabxii tokkoof jecha waancaa Piriimer Liigii garee Gaardiyoolaa Maanchister Siitiif dhabanii ture.
Waliigalaan garuu waancaa Piriimer Liigii, FA Cup fi Shaampiyoonsi Liigii Liiverpuul waliin mo'ataniiru.
Dubartii jabduu murtoo Kilooppi duuba jirtu
Murtoo Yargen Kilooppi jireenya isaa keessatti fudhate gurguddaa duuba kan jirtu haadha warraa isaanii Ulaa Saandirook jedhamtudha.
Ulaan bara 2013 yeroo Maanchister Yuunaayitid Kilooppiin leenjisaa isaa godhee qacaruuf yaalu, hin tahu jettee diduun waggaa lama booda Liiverpuuliin akka leenjisuuf kan amansiifte Haadha warraa isaanii Ulaadha.
Kilooppi waggaa lama dura yeroo kontiraata Liiverpuul waliin qaban haaressan gorsa isheen tahuu himaniiru.
Isheenis dhiibbaa hoggantootni olaanoo Boorushiyaa Doortimonditti leenjisicha irratti fudhatan waan beektuuf murtoo dabarsitu hundaa eeggannon gooti jedha gabaasni Daily Mail.
Kilooppi Liiverpuuliin akka gadhiisan ibsuun isaanii jireenya isaaniif abdii haaraa qabatee dhufeera.
Kilooppii fi haati warraa isaanii qarqara galaanaatti kan ijaarame mana duraanii Istiifen Jeeraard keessa jiraachaa turan.
Magaalaa Foormibaay jedhamtu keessa kan jiraatan maatiin kun bara 2015 akkuma achi galaniin naannichi hedduu jijjiirame.
Ulaan mana nyaataa fi dhugaatii naannicha jiru abbaa warraashee Kilooppi waliin yeroo deeman hojjettoota gargaaruuf jecha maallaqa isaaniif kennituun beekamti jedhe Daily Mail.
Hojjetaan suuqii tokko akkas jedhe. Ulaan beekamtii argachuuf ykn xiyyeeffannoo namaa argachuuf dubartii waa gootu miti. Garuu hojjettootni suuqii keessaa beekamtii fi kabaja isaaniif malu akka argatan barbaaddi,’’ jedhe.
Kilooppi duraan xumura bara 2024tti akka Liiverpuulii bahan ibsanii ture.
Egasii garuu waliigaltee haaraa hanga 2024tti turu Liiverpuul wlaiin mallatteessan.
Ulaan akka kontiraata isaa kana dheeressuuf yaada isaaf kenniteetti.
Bara 2022 yeroo kontiraata isaanii dheeressan akkas jedhan.
‘’Waggaa lama dabalataaf as nan tura….anuma qofa leenjisa. Gareen leenjistoota koo hundis ana waliin turu, waan gaariin tokko isa kanadha.
‘’Maaliif yoo jette, Ulaan as akka turru barbaaddeetti. Akka abbaa warraa gaarii tokkootti haati warraakee as turuun barbaada yoo si jette maal gochuu dandeessa? Asuma turuu qofadha.’’
'’Jireenya koo keessatti kontiraata baayee gaarii fi murteessaa kanan mallatteesseeru Ulaa waliinidha. Guyyaa tokko Kiichen [mana nyaata itti bilcheessan] keessa teenyee Ulaa waliin maaltu akka wayyu irratti haasofne. Bara 2024 keessa waan baanu natti hin fakkaanne,’’ jedhan Kilooppi.
Fedhii maatiikoo malee homaayyuu hojjechuu hin danda’u kan jedhan Kilooppi waan murteessaa fi hunda dura dhufuu qabu maatiikeeti jedhan.
‘’Yoo isheen asuma turra na jette, homaa rakkoo hin qabu ni turra. An kubba daawwachuus waan jaaladhuuf asuma taa’een daawwadha. Garuu amma biyya galuu feeti. Kanaaf murtoo ammaa kanarra geenye’’ jedhan.
Kilooppi sababa itti Liiverpuul gadhiisan yoo ibsan ‘’humnakoo [aannisa] qabu fixaan jira. Kana caalaa itti fufee waan raajii sana hojjechuu hin danda’u’’ jedhan.
Kilooppi gara waggaa saddetii Liiverpuul keessa turan.
Giifti Duree Bundisliigaa
Haati warraa Kilooppi Ulaa Saandirook hojii tola ooltummaa biyya ishee fi Keeniyaa keessatti hojjetaa turteef maqaa kabajaa 'Giifti Duree Bundisliigaa' jedhamu argatteetti.
Ulaan Keeniyaa magaalaa Naayiroobii keessa barsiiftuu fi hojjettuu hospitaalaa tahuun tajaajilaa turteetti.
Sana booda gara biyya isheetti deebi'uun Lixa Jarman magaalaa Meenzi jiraachuu jalqabde.
Yeroo sana Kilooppi leenjisaa kilab Meenzi tahuun hojjetaa turan. Ulaan kitaaba ijoollee barreessuun beekamti.
Kitaabni ishee Toom fi 'Magic Football' jedhaman bara 2008 maxxanfaman haalaan jaalatamu.
Bara 2010 ammoo kitaaba biraa waa'ee jireenya Afrikaa haasa'u maxxansite. Kitaabichi akka Haarii Pooter tahee garuu kubba miilaa irratti xiyyeeffata.
Kilooppii fi haati warraa isaanii Ulaan waliin ijoollee horatan hin qaban. Garuu lameenuu ijoollee gaa'ila isaanii duraa keessatti godhatan qabu.
Jechuun Kilooppi haadha warraa isaa ammaa Ulaa jedhamtuun dura fuudhee ilma Maark jedhamu qaba.
Maarki kilebuma Kiloop leenjisaa turan Boorushiyaa Doortimondiif taphataa ture.
Bara 2015 garuu miidhamni itti hammaannaan kubba irraa soorama bahe.
Haati warraa Kilooppi ammaa Ulaanis abbaa warraashee duraanii irraa ilma Deenis jedhamu qabdi.
Daily Mail akka barreessetti Kilooppi yeroo ganna darbe ijoollee ijoollee isaanii waliin dabarsuun gammachuu guddaa qabu ture.
Amma Kilooppi umurii ganna 56'n akaakayyuu taheera. Ilmi isaa fuudhee ijoollee godhateera.
Kilooppi haadha warraa isaa duraanii waliin bara 2001 adda bahuun Ulaa Saandirook waliin bara 2005 wal fuudhan.
Yargen Kilooppi akkuma Peep Gaardiyoolaa
Yargen Kilooppi akkuma Peep Gaardiyoolaa fa'aa taphataa kubba miilaa ture.
Haa tahu malee taphataa maqaa guddaa qabu caalaa nama falaasaama leenjisummaa guddaa qabudha.
Akkuma tapha kubbaa dhaabeen gara leenjisummaatti osoo hin turiin kan gale Kilooppi leenjisaa jabaa addunyaa keessaa tokko jechuun ni danda'ama.
Jalqaba akka taphataa sarara duraatti taphataa kan ture Kilooppi booda sarara ittisaatti deebi'uun taphataa sarara ittisaa tahe.
Irra jireessaan kan taphatee fi jiraate kileba Meenzi jedhamu keessa. Bara 2001 tapha kubba miilaa irraa soorama bahuun leenjisaa kilebichaa tahee itti fufe.
Bara 2004 Meenziin gara Bundisliigaati guddise. Bara 2006 kilebichi deebi'ee yoo gadi bu'u bara 2008 Kilooppi hojii leenjisummaa san gadhiise.
Osoo hin turiin Boorushiyaa Doortimondi akka leenjisu kan qacarame Kilooppi asitti milkaa'ina guddaa argate.
Bara 2010-11 Waancaa Bundisliigaa mo'ate. 2012-13 ammoo xumura waancaa Shaampiyoonsi Liigiif dhaqabanii ture.
Kilooppi Istuutgaartitti maatii daldalaa irraa dhalachuun baadiyaa keessatti obbolaa dubaraa hangafa isaa tahan lama waliin guddate.
Kilooppi milkaa'ina waan hundaa kan tahe Waaqa jechuun nama amanudha.