Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Raamisdeeliif jennee akkamalee injifachuu barbaanne'-Arteetta
Arsenaal dirreesaatti Bireentifoordin 2-1 injifachuun sadarkaa tokkoffaa qabateera. Goolii daqiiqaa gara dhumaatti Kaayi Haavertiz addaan rukutee galchetu Arsenaaliin qabxii qooddachuurraa baraare.
Qabxii qooddachuu qofa osoo hin taane morkii waancaaf godhu irrattis dhiibbaa olaanaa qabaata ture.
Injifannoo Arsenaal kaleessaan deeggaraan hunduu gammachuu qabaatus, hunda caala namni gammade goolii eegaa isaanii Raamsdeeli.
Arsenaal daqiiqaa 19ffatti goolii miidhagaa Diiklaan Raayis galcheen dursus boqonnaa bahuun dura dogoggora Raamisdeel hojjeteen Arsenaal qixxee ta'uun daqiiqaawwan hedduuf ture.
Kubbaa miilaan ittisa isaarraa kennameef dafee dabarsee kennuu dhabuutti jifataan Bireentifoord jala galee itti galche. Ergasii Raamisdeel gammachuu hin arganne.
Ammoo yaaliiwwan goolii lama silaa osoo akka gaariitti qolachuu baatee Arsenaaliin gatii baasisan qolachuun dinqisiifatameera.
Leenjisaa Mikeel Arteettaa ''dogoggorri qaama kubbaa miilaati. Murteessaan akkatti deebii laattuufidha, keessumaa goolii eegaadhaaf'' jedhe.
Sanammoo Raamisdeel ''akka ajaa'ibaatti agarsiise'' jedhe.
''Ani baayyee hin dinqamne sababni isaas garee guutuun, Isaadiyoomii guutuun isa cinaa ture. Kabajaa fi dinqisiifannaa argateera. Isaaf jennee akka malee injifachuu barbaanne'' jedhe Arteettaan.
Wayita boqonnaatiif bahan iddoo huccuu jijjiirratan keesssatti taphattootni hundi Raamisdeelitti marsanii isa jajjabeessaa turanii jedha goolii Arsenaal ittiin mo'ate kan galche Haavertiz. Kun ammoo qabxiin taphichaa akka geeddaramu gargaareera jedhe.
''Garee keenya keessa namni hundi bara kana dogoggora hojjeteera. Takka takka yeroo goolii eegaa taatu balaansaa ni cima. Kana keessa nu hundiyyuu isa waliin turre.''
Haalichi ulfaataa ta'us irratti dubbatanii, amananii erga fudhatanii booda irra aanuu danda'uu dubbate.
Tibba jijjiirraa darbe Arteettaan goolii eegaa barbaacha gabaatti yoo bahu namni raajii jedhee ture.
Bara darbe Arsenaal waancaaf morkataa jabaa wayita ta'e guutuusaa goolii eegaa kan bahe Raamisdeel ture.
Tapha 14 irratti gooliin itti hin galle. Taphoota 38 irrattis goolii 44 qofa keessummeesseera. Kunis riikardii gaarii bara darbee isa lammataadha.
Haata'u malee Arteettaan gareesaa jabeessuuf Deeviid Raayaa Bireentifoordirraa ergisaan fidate.
Booda Raamisdeelirra Raayaan filtamaa dhufe. Xiinxaltootni murtee leenjisichaarratti gaaffii kaasaa turan.
Taphni Sambata kaleessaa Arteettaan qaawwa Raamisdeel sirriitti argee ture jechisiisaa jira. Kaan ammoo amma dura Arteettaan sirriidha jedhan.