Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Taphoota hafaniin yoo ilaalamu kileba kamtu carraa waancaa Piriimer Liigii Ingiliz injifachuu qaba?
Piriimer Liigiin Ingiliz bara 2023-34 xumuramuuf taphoota 13 qofatu hafe. Garuu akka waggoota muraasa dura arginee guluffii farda tokkoo qofa miti.
Liiverpuul, Arsenaalii fi Maanchister Siitiin garaagarummaa qabxii muraasaan wal caaluun kokkee wal qabaniiru.
Bara dorgommii darbe gara xumuraatti qabxii gatuun dorgommii waancaan ala kan tahe Arsenaal, Deklaan Raayis paawondii miliyoona 100 caaluun yoo mallatteessisu waancaa injifachuuf taphataa murteessaa tahuu itti amanuun.
Maanchister Yuunaayitiditti aanuun waancaa sadii [Piriimer Liigii, FA Cup fi Shaampiyoonsi Liigii] mo'achuun seenaa haaraa kan hojjete Maanchister Siitiin baranas dorgommiin ala miti.
Waggoota jaha keessatti waancaa Piriimer Liigii shan mo'achuu qofa osoo hin taane walitti aansee waggoota sadiif mo'achuun seenaa kilebichaa haaraa galmeessuufis dorgomaa jira.
Morkataa Maan Siitii jabaa tahuun leenjisummaa Kilooppi jalatti dorgomaa kan ture Liiverpuul sadarkaa gaariirra jira.
Arsenaal humna jabeeffateera. Gahumsi marsaa lamaffaa taphoota Priimer Liigii irratti agarsiisaa jiru kilaba waancaa injifachuuf taphatu isa jechisiisa.
Gama biraan Maan Siitiin taphattoota akka Riyaad Mahaarez, dursaa taphattoota isaa duraanii Ilkaay Gundohaan fa'aa kan dhabe yoo tahu, yeroo dheeraaf ammoo Kevin de Biruunii fi Jaak Giriilish miidhamaan dhabee ture.
De Biruun amma dirreetti deebi'uun kilabichaaf waan gaarii tahus, bara darbe galchii 36'n rikardii Piriimer Liigii bara tokkoo kan cabse Haalaandi bara kana gahumsa sana irra deebi'uu hin dandeenye.
Arsenaal ammoo ittisaa fi galchii lakkoofsisuu irratti gahumsi agarsiisaa jiru kilaba humna jabaa qabu isa jechisiisa.
Amma taphoota 13 tahantu hafe. Kileba kamtu isaan hafan hunda mo'achuun waancaa kaasuuf carraa qaba?
Taphootni hafan eenyutti cimu?
Shaampiyoonaan bara dorgommii darbee Maan Siitiin tapha haftee tokko qaba. Yoo taphicha kan mo'atu tahe Arsenaaliin qabxii tokkoon caalee, Liiverpuuliin ammoo qabxii tokkoon caalamee sadarkaa lammaffaa irra taa'a.
Taphoota isa hafan keessaa bir-qabaan taphoota ulfaataa jedhaman shan tahan qaba.
Isaan keessaa bara kana hirmaannaa Shaampiyoonsi Liigii keessa galuuf ykn ammoo haalli mijataan akka bara 2016 yeroo Leester Siitiin waancaa injifatee jiraannaanis mo'achuuf kan ifaajaa jiru Aston Viilaan isa tokko.
Kan biraa ammoo inumaa dorgommicha kan cimsuu fi waancaa murteessuu danda'u tapha Arsenaal waliin qabudha.
Kilebni taphicha injifatu caalmaa qabxii sadii argachuun isaa dirqama. Kun ammoo imala gara waancaatti taasisaniif hedduu murteessaadha.
Ji'a Onkoloolessaa keessa tapha kilebootni lameen taasisan irratti Arsenaal galchii Gabri'eel Maartineelii daqiiqaa 86ffa irratti lakkoofsiseen mo'ate.
Taphicha irratti Maanchister Siitiin yaaliin gara galchiitti taasise baay'ee muraasa ture.
Qormaanni biraa Maanchister Siitii eeggatu ammoo kileba masaanuu isaa tahe Maanchister Yuunaayitididha.
Maan Yuunaayitid miidhama taphattootaa hedduu isa mudatee fi galchii lakkoofsisuu dhabuu taphattoota sarara duraan qoramus booda kana walitti aansuun mo'achaa jira.
Dhiyeenya kana Man Siitiin ol'aantummaa isaan irratti qabaatus tapha salphaa jedhamu garuu hin tahu.
Tapni jabaan biraa ammoo Liiverpuul waliin kan gaggeessuudha. Liiverpuul bara xumura leenjisummaa Yargan Kilooppitti waancaa injifachuuf morkii salphaa hin taasisu.
Liiverpuul sararri duraa isaa akkaan cimaadha. Faallaa kanaa Maanchistar Siitiin taphootni galchiin osoo irratti hin lakkaa'amiin xumure baay'ee muraasa.
Arsenaal gama isaan taphni Maan Siitii waliin taasisu akkuma jirutti tahee Cheelsii, Tootenhaamii fi Maanchistar Yuunaayitid waliin qaba.
Arsenaal qormaata Liiverpuul waliin qabu Anfiildi irratti qixaan xumuree dirree isaa irratti injifachuun goolabeera.
Cheelsiin gahumsi irra jiru yaaddessaa tahuu baatus darbii Landan kun salphaa kan tahus miti.
Tootenhaam bara kana Anji Poostikogulu jalatti cimina gaarii irra jira. Akkasis tahee Arsenaaliif qormaata guddaa taha jedhee hin eegu.
Taphootni biroo ammoo Niw Kastilii fi Biraayitan waliin kan gaggeessanidha.
Liiverpuul akkuma jalqaba kaasne Maan Siitii waliin tapha tokko qaba. Taphni biraan ammoo Maan Yuunaayitidii fi Tootenhaam waliin kan taphatudha.
Kana hunda yeroo jennu garuu kilebootni liigicha dursaa jiran kunneen taphoota kileboota isaan gadi jiran waliin qaban hunda ni mo'atu jechuu miti.