Arsenaal tapha Poortoo irratti miilla gabaabbate

Arsenaal kaleessa kileba Poorchugaal Poortoodhaan mo'amuu isaa qofa osoo hin taane, yaaliin gara galchiitti taasise caalaa yaadessaa taha jedhan gabaasaaleen.

Tapha Shaampiyoonsi Liigii marsaa jalaqabaa gara nuusa xumuraatti darbuuf taasifamuun Arsenaal Poortoof harka laate.

Poortoon osoo boqonnaa hin bahiin carraa galchii lakkoofsisuu argatan osoo hin fayyadamiin hafanis daqiiqaa dabalataa dhumaa irratti galchii 1-0n Arsenaaliin mo'atan.

Taphataan lammii Biraazil tahe Galenoon galchii tokkittii lakkoofsise.

Taphni deebii Imireetis irratti Bitootessa 12, 2024 gaggeeffama. Erga bara 2009-10 as Arsenaal yeroo jalqabaaf nuusa xumuraa Shaampiyoonsi Liigiif dhaqabuuf falmata.

Arsenaal taphoota Piriimer liigii shan irratti galchii 21 lakkoofsisuun tapha kanaaf ammoo dhaqaban.

Garuu Poortoo irratti galchii lakkoofsisuu miti, yaaliin gara galchiitti taasisanii fi qiyyeeffannaa isaa eeggate hin turre.

Leenjisaan Arsenaal Maayil Arteettaan gareen isaa tapha kana irraa ''barachuun' tapha itti aanuuf akka qophaa'u himan.

Arsenaal tapha deebii mo'achuun nuusa xumuraaf akka darbu adii qaba. Arsenaal taphoota deebii Shaampiyoonsi Liigii taasise 12 dhiyeenyaa keessaa tokko qofa mo'achuun lama qixa bahee kaan mo'ameera.

Ega bara 2017 as yeroo jalqabaaf bara kana dorgommii Shaampiyoonsi Liigii irratti kan hirmaate Arsenaal, taphattota isaa ammaa keessaa muuxannoo shaampiyoonsi Liigii kan qaban muraasa.

''Amma ifadha, taphichi marsaa jalqabaati. Kana irraa ni baranna,'' jedhan Arteettaan.

''Nuusa xumuraaf darbuu barbaannaan morkattoota kee mo'achuun dirqama. Kun ammoo kaayyoo fi karoora keenyadha'' jedhan.

Taphataa gatii qaaliin Arsenaaliif mallatteesse Deklaan Raayis, deeggartootni keenya ji'a dhufu garee biraa argu jechuun ofitti amanamummaan dubbate.

''Akkan yaadutti kun dhimma boquu keenya ol qabachuu ykn ofitti amanamummaati. Taphicha irratti galchii keessummeesuun ulfaataadha,'' jedhe.

''Dirree keenya irrfuulduratti humna akkamiin akka taphannu beekna. Taphni akka jalqabeen garee biraa caalmaa guddaa fudhatu argite jedheen amana'' jechuun Arsenaal tapha deebiin Poortoo dirree isaa irratti akka mo'atu abdii qabu dubbate.

Taphataan duraanii waggoota 13 kilebi08 lakkoofsise, Arsenaal Tiyoo Waalkot Arsenaal taphataa sarara duraa jabaa galchii lakkoofsisu dhabe jedhe.

''Cimina garee fi filannoo taphattootaa Arteettaan qabu dubbataa turre. Amma yoo ilaalle Arteettaan taphattoota taa'umsa jijjiirraa irra jiran hangam amana kan jedhudha. Taphataa tokko qofa jijjiire.'' jedhe.

Arteettaan taphattotuma West haam, Barnilee irratti galchii hedduu lakkoofsisan Poortoo irrattis taphachiisan.

Garuu akka sana hin milkoofne. Arsenaal erga bara 2003-04 Baarseloonaa irratti yaalii galchii qiyyeeffannaa isaa hin eeggate osoo hin taasisiin bahanii yeroo jalqabaaf Poortoo irrattis isaan mudate.

Arsenaal Bireentifoordi irraa Ivaan Toonii fudhachuuf gaafataa ture. Waalkot maqaa dhahuu baatus taphataa akka isaa tokko barbaachisa jedhe.