Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Leenjisaa cimaa na godheera' - Morkii Liiverpuuliifi Siitii qixxee dhumerraa qabxiilee ijoo shan
Taphni guddaan Piriimiyeer Liigichaa akkuma eegame waan hundaan kan guute ture.
Gareeleen lameen akkuma dirree Etihaad ammas Anfiilditti qixxee bahan. Wanti adda isaan baasu hin argamne.
Taphataan duraanii liiverpuul Jeemii Kaarager Sky Sport gubbaatti yoo dubbatu "tapha akkam gaariidha" jedhe. "Gama lamaan irraayyuu miidhagaa ture. Ofiin boonuu qabu."
"Gareeleen lameeniifi leenjistootni lameen waggoota jahaafi torba darban wanti nuu kennan adduma. Morkiin waancaa hanga dhumaatti kan deemu fakkaata."
Jijjiramee bahuu Keviin Debruuyinaa isa hin eegamnerraa eegalee hanga rukuttaa peenaalitii daqiiqaa dhumaatti Liivarpuul dhorkameera jedhutti, qabxiileen ijoo shan ta'ii dirree Anfiild kunooti.
1. Dhaamsa nagaatti Kilooppiifi Gaardiyoolaa?
Piriimiyeer Liigiin baroota darban kana keessa morkii leenjistoota jajjaboo Yargan Kilooppiifi Peep Gaardiyoolaan surraa goonfateera. Kuni akkuma jedhame morkiisaanii isa dhumaa yoo ta'e, Anfiilditti akka ta'utti nagaa walitti dhaamaniiru.
Tarii ammoo FA cup irratti walitti deebi'uu malu. Haata'u malee akkaataan Kilooppiifi Gaardiyoolaan taphni Anfiild diraamaan guute wayita xumurame itti walhammatan dhuma morkii isaanii isa ajaa'ibaa ta'uu agarsiisa.
Boqonnaa dura Siitiin akka ta'utti kubbaa to'achuun gooliis argatee ture. Boqonnaa bahuuf daqiiqaawwan muraasni yeroo hafan rukuttaan peenaalitii Maak Alister gooliitti jijjiire, Liivarpuul Siitii irratti olaantummaa taphaa akka qabaatu godheera.
Akkuma amma dura dirree Anfiilditti Siitii gochaa bahan, ijoolleen Kiloop Siitii dhiphisaa turan. Kiloop jalatti akka Liivarpuul Siitiitti taphachaa bahe, gareen Siitiirratti taphate hin jiru.
Kiloopiifi Siitiin morkii godhaniin sadarkaa olaanaa walqabsiisuu danda'aniiru. Gaardiyoolaan waancaa hedduu nyaateera. Osoo Gaardiyoolaan hin jiraannewoo Kiloop waancaa meeqa kaasa ture?
''Yargan deebi'ee ni dhufa. Hojii kana baayyee jaalata. Maal jechuun danda'a. Garee cimaa nu godhe. Anaan leenjisaa cimaa na godhe,'' jedhe Gaardiyoolaa taphaan booda.
''Akka dafee deebi'uun barbaada, sababnisaas kubbaan miilaa nama akkasaa barbaada.''
Hanga Gaardiyoolaafi Kiloop deebi'anii wal-morkatanitti garuu taphni Dilbataa yaadannoo gaarii ta'a. Taphichi wayita goolabamu wanti argine kabaja waliif qaban agarsiisa.
2. Laaqana maal osoo nyaateeti? Qeeqa VAR irratti ka'e
Maanchistar Siitiin yeroo hedduu tapha Anfiilditti godheen murteen dabaa irratti raawwatamuu komachaa deebi'ee beeka. Amma garuu saamameera kan jedhu Liivarpuuli.
Dirree adabbii peenaalitii kennisiisuu keessatti Jereemii Dookuu laphee Maak Alisteer dhiituun balaa kan qabu, tapha eeggannoo malee godhame ture.
Hamma daanyaan gidduu, ogeessa VAR dubbisutti, dirreen Anfiildi afuura sassaabbatee eegaa ture. Daanyichi Maayikil Oliver garuu homaa osoo hin kenniin taphicha itti fufsiise. Sekandiiwwan muraasa booda ammoo taphichi goolabamuu afuffee isaatiin mirkaneesse.
Akkamiin peenaalitiin akka hin kennamne hubachuun ni rakkisa. Siitiirraa mormiin dhiyaate hin turre. Ta'ii bu'aa taphichaa geeddaruu, Liivarpuuliin injifataa gochuu danda'u ture.
Leenjisaan Liivarpuul, Kiloop miira aariifi amanuu dhaabuun walmake keessa ture.
''100% peenaalitiidha. Ibsa kennan ni barbaadu. Kallattii dirree sanii kamiinuu yoo ilaalame 100% badiidha, tariis kaardii keelloo'' jedhe Kiloop ibsa taphaan booda kenneen.
''Namootni naannoo koo Ipad qabatanii jiran 'wow ifa jira' jechaa turan... Namni VAR irra jiru ifa miti jedhee maaliif akka yaade hin beeku, laaqana maal nyaate laata?''
Warri Maanchistar Siitii ta'ii kanarraa ooluun akka carroomanitti lakkaa'u.
3. Aarii Debirooyinaa, Gaardiyoolaan 'lakki gaarii jirra' jedhe
Taphni Liivarpuuliifi Siitii taphattoota jajjaboo barada. Taphattootni kunniin mul'achuu barbaadu.
Deburooyinaan daqiiqaa 69ffaarratti yeroo jijjiiramee bahu haalli agarsiise badaa hamaa ta'uu baatus, booda Gaardiyoolaa waliin harka facaasaa walitti dudubbachaa ture.
Kubbaa koornaarraa inni dhiitetu Siitiin Anfiilditti dursa akka argatu gargaare.
Gaardiyoolaa waliin dubbachuu eegaluu dura taphattoota iddoo jijjiirraarra jiran waliin dubbachaa ture. Mufiin fuulasaarraa ni mul'ata.
Mufiisaa kan bare Gaardiyoolaan ''gaariidha. Tapha itti aanurratti aariisaa bahuuf hiree qabaata'' jedhe.
''Taphataa kubbaa qabatutu barbaachise. Dhiibbaa uumuu miti. Kovichich ammoo waan akkasin gaariidha.
''Keevin waliin gammachuu qabna. Rakkoon hin jiru. Gaarii jirra'' jedhe Gaardiyoolaan.
4. Gahumsa gaarii garuu carraa qisaasuu Diyaaz
Xiinxalaan kubbaa miilaa Pat Neviin gahumsa Diyaaz agarsiiseen ''baayyee baayyee gaarii'' jechuun yoo ibsu, jifataan Ingilaand duraanii Daani'eel Istariij ''ammoo goolii galchuu alatti waan hunda godheera'' jedhe.
Diyaaz carraawwan goolii ta'an sadii qisaaseera. Keessumaa Mohammad Saalaan akkuma dirreetti jijjiiramee seeneen kubbaan mijeessee kenne carraa gaabbisiisaa Diyaaz galchuu dhabeedha.
Diyaaz saffisas fi dhiibbaa uumuun waan hanqise qabaachuu baatus goolii galchuurratti garuu Saalaa hawwisiiseera.
Liivarpuul bara kana waancicha nyaachuu kan danda'u yoo Saalaan goolii galchuuf gahumsa isaatti deebi'edha.
5. Morkii jaalattoota kubbaa garaa gahe
Taphni akkaan eegamaan kun akkuma eegame bohaarsaa ture.
Oliver taphni xumuramuu akkuma afuuffeessaatiin beeksise, namni istaadiyeemichaa marti sagalee guddaan taphattoota jaje. Tapha miidhagaa daawwateef galateeffate.
Neviin ''namni hundi ol ka'e dhaabbatee jajeera. Akka 'hayyee ulfaadhaa''' jechuuti jedhe.
Leenjistoota lamaaniif kabaja kennaniiru.
Miidiyaalee hawaasaa gubbaatti ''taphaa akkaan miidhagaa bara dorgommii kanaati'', ''Piriimiyer liigiin kunoo akkasii'', ''jiraatanii kana arguun akkam namatti tola'' fi yaadoonni dinqisiifannaa kana fakkaatan hedduun qoodamaniiru.
*Xiinxalaa Kubbaa miilaa Fiil Maakanaaltiin barreeffame